Teel Aviiv addunyaarratti magaalaa keessa jiraachuuf qaalii jedhamte

Maxxanfame

Magaalaan Israa'eel Teel Aviiv addunyaarratti magaalaa keessa jiraachuuf daran qaalii taate jedhamtuun adda baafamte.

Sadarkaa addunyaatti qaala'iinsi gatii fi rakkooleen sarara dhiyeessii magaalota 173 qorannoon keessatti godhame keessatti jireenyi akka hammaatu taasisaniiru.

Qorannoon dhaabbanni 'Economist Intelligence Unit' (EIU),jedhamu taasiseen bara darbe sadarkaa 5ffaa kan turte Teel Aviiv yeroo duraaf sadarkaa jalqabaatti baateetti.

Bara darbe magaalaa keessa jiraachuuf qaalii tokkoffaa kan turte Paariis bara kana Singapoor waliin sadarkaa lammataa qooddatteetti.

Magaalaan biyya waraanaan goolamte Siiriyaa, Damaaskas addunyaarratti magaala keessa jiraachuuf rakasa jedhamteetti.

Qorannoon taasifamee magaalota addunyaa 173 keessatti gatii meeshaalee fi tajaajilawwanii doolaaraan hagam akka ta'e wal madaalchise.

EIU akka jedhutti ragaan Hagayyaa fi Fulbaana walitti qabame gatiin meeshaalee fi tajaajilawwanii maallaqa biyyootaatiin jiddugaleessaan dhibbeentaa 3.5nin dabaluu mul'isa. Kunis qaala'iinsa gatii olaanaa waggoota shan darban keessa galmaa'edha.

Daballiin gatii guddaan kan mul'ate geejjiba irratti yoo ta'u, kunis sababa gatiin boba'aa dabaleefi jedhameera.

Magaalota qorannoon keessatti godhametti gatiin boba'aa liitira tokko jiddugaleessaan dhibbeentaa 21n dabaleera.

Teel Aviiv bara kana magaalaa keessa jiraachuuf qaalii kan taate sababa gatiin maallaqa Israa'eel doolaaraan yoo madaalamu dabalaa jiruu fi jedhe EIU.

Magaalattii keessatti jireenyi akka malee akka qaala'u sababa kan ta'e Israa'eel magaalota gurguddoo biroo waan hin qabneefi jedhu kantiibaan Teel Aviiv Roon Haldaayi.

"Ameerikaa Niwu Yoorki, Chikaagoo, Maayaamii fi kaan jiru. Biriteen Landan, Manchistar fi Livarpuul jiru. Achitti yoo magaala tokkotti jireenyi qaala'e magaalaa biraatti godaanta," jedhan.

Qorannoo EIU kan bara darbeetiin Paariis, Zuuriik fi Hoongi Koongi magaalota qaalii sadarkaa duraarra turanudha. Zuuriik fi Hoongi Koongi bara kana wal duraa duubaan afraffaa fi shanaffaarra jiru. Niwu Yoorki, Jenevaa, Kooppanhaagan, Loos Anjalas fi Osaakaan tartiibaan itti aanu.

Magaalaan guddoo Iraan kan taate Teehraan bara darbe sadarkaa 79ffaa irraa gara 29ffaatti dhufte. Qoqqobbiin Ameerikaa Iraan keessatti omishaaleen alaa galan akka xiqqaatanii fi gatiin akka qaala'u taasiseera.

Qaala'iinsi magalota hedduu keessatti mul'ate weerara koronaavaayirasii waliin akka wal qabatus EIU himeera.

"Talaalliin Covid-19 kennamuu eegaluu waliin wal-qabatee diinagdeen biyyoota hedduu dandamataa jiraatullee, magaalota addunyaa hedduu keessatti ammallee lakkoofsi namoota qabamanii dabalaa jira. Kun ammoo dhiyeessiin meeshaalee akka danqamuu fi gatiin akka dabalu sababa ta'eera," jedhe.

Bara dhufus qaala'iinsi gatii kun itti fufuu akka malu EIU raageera.