Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiilee Naayijeeriyaa Israa’el irraa beekamtii sanyii Yihuudii barbaadan
Shaaloom Been Yaakoob mana sagadaa naannoo magaalaa Abujaa jirtu keessatti asiifi achi jechaa Macaafa Qulqulluu Yihuudotaa Toraah dubbisa.
Takka takka sagaleesaa ol kaasee afaan Ibrootaan yoo dubbisu namoonni isa waliin dubbisan biroon isa jalaa qabu.
Baayyeen isaanii afaanicha sirriitti hin hubatan. Haatahu malee, waggoota dheeraa irraa qabee qomoon isaanii kan warra Yihudotaa irraa akka dhufu dubbatu. Israa’el irraa beekamtii dhabuu isaaniitiin garuu abdii kutataniiru.
Yaakoob, ‘’ani akka Yihuudiittan of ilaalaa,’’ jedha.
Magaalaa Jikwooyii keessa, mana sagadaa Yihudotaa ayyaana Suukoot kabajuuf dahoo meexxii irraa ijaarame keessa taa’eera.
Suukoot yeroo Yihuudootni gara lafa abdii isaanii imalaa turan bara gammoojjii keessa dabarsan ayyaana ittiin yaadatani dha.
Namoonnis daabboo Choollaa(kan mana sagadaa keessatti tolfame) fi wayinii kubbaayyaa xixiqqoon buufame wal-harkaa fuudhaa dhugu. Yaakoob, ‘Israa’elitti akkuma nuti goonu kanaa godhu,’’ jedha.
Yaakoob saba Igboo keessaati. Igboon saboota biyyattii gurguddoo keessaaa tokko yoo tahan, bu’uurri isaanii kibba-lixa biyyattii dha. Maqaan Igboo Yaaqobis Naameezuu Maaduwaakoo dha.
Namoonni Igboo baayyeen amantii Yihudotaa hordofuu baatanillee, sanyiin isaanii garuu gosoota Yihuudii badan keessaa tokko akka tahe amanu. Kunneenis saboota Igboo miiliyoona 35 keessaa harka 0.1 gadi kan tahani dha.
Dhaloota Kiristoosiin dura jaarraa 8ffaa keessa mootummaan kaaba Israa’el yeroo weerarametti sabooti kuni booji’amuun erga fudhatamaniin booda badaniiru jedhama. Fakkeenyaaf hawaasni Yihudotaa Itoophiyaa akka tokkotti beekamtiin kennameeraafi.
Aadaa Igboo keessaa ilma dhiiraa dhaqna qabachuu, guyyaa torbaaf taaziyaa taa’uu, ji’a haaraa kabajuufi gaaddisa jalatti sirna cidhaa raawwachuun qomoo Yihuudii qabna isa jedhu ni jabeessa.
‘Ragaan hin jiru’
Yunivarsiitii Naayijeeriyaa Inuuguu, argamutti antirooppoolojistii kan tahan Chidii Awugawuu eenyummaan Yihuudii jedhamu kuni wal-waraansa Biyaafraan booda kan dhufe dha jedhu.
Warri Igboo Naayijeeriyaa irraa foxxoquuf qabsaa’aa turan. Bara 1967-1970 walitti bu’insa uumameen mo’amaniiru.
Namoonni tokko tokko of jajjabeessuuf jecha warra Yihuudii waliin hidhata akka qaban barbaaduu jalqaban jedhu.
Akkuma Yihuudootni seenaa keessatti ajjeechaan jumlaa irra gahe isaan kunis akkasuma akka ari’atamanitti of ilaalu, jedhan,
‘’Warra Igboo qomoo bade kamiyyuu dha jedhanii waamuun arraba. Sababiinsaas ragaan seenaa ykn arkiyoolojii kana deeggaru ijaa jin jireefi,’’ jechuun BBCtti himaniiru.
Waggoota baayyeen dura hidhata qomoo kanaa qo’achuuf qacceen sanyii qoratamus isaan keessa sanyii Yihuudii kan agarsiisu hin jiru.
Gaaffii beekamtii sanyii Yihuudii kan murteessu gumii Israa’el Raabineet jedhamu dha. Itti gaafatamaan gumii kanaa Elii’eezar Siimchaa Weeziim illee shakkii hin qaban.
‘’Qomoo abbaa keenyaa Yaaqoob tokko kan tahe qomoo Gaad dha ofiin jedhu. Haa tahu malee akaakileefi abaabileen isaanii qomoo Yihuudii qabaachuu mirkaneessuu hin danda’an,’’ jedhaniiru.
‘’Waa’ee aadaa isaanii qabanii yoo taheef immoo addunyaa maratti duudhaa Yihuudii saboota qaban baayyee argachuu danda’u,’’ jedhu.
Yihudootni Naayijeeriyaa gara Yihuudii isa sirnaafi waaqeffannaa garagaraa qabatutti yoo geeddaramaniifi mana murtii Yihudii biyya Israa’el jirutti yoo dhiyaatan malee beekamtii argachuu hin danda’an jedhu.
Yaakoob immoo of jijjiiruu kana akka arrabaatti ilaala. ‘’Yoo geeddaramne akka lammii lammataattii ilaalamuu malla,’’ jedha.
Dagaaguu ilaalcha foxxoquu
Amantoonni mana sagadaa Giyoon amantii isaanii ni jabeessu. Isaaniifi hawaasni Naayijeeriyaa 12,000 tahan gareewwan Yihuudii amantii Ortodoksii qabaniin ni deeggaramu. Arjooma, iyyaafannaafi beekamtii akka argataniifis duula ni geggeessu.
Deeggaraan isaanii beekamaa inni tokko hawaasa Yihudotaa Itoophiyaa kara Sudaan dhoksaadhaan gara Israa’el geessuuf duula taasifameen kan qooda fudhatan miseensa basaasaa Israa’eel Mosaad kan tahan Daanii Limoor dha. Bara 1980 irraa qabes Yihuudota Naayijeeriyaa jiran iyyaafataniiru. Afrikaa Lixaatti aadaa Yihuudii waraana walii waliinii dura ture jechuun falmu.
Waggaa 500 dura Morokoorraa dhufan yaada jedhunis amanu. Gara kibbaatti imaluun dura Timbukutuutti qubatan jedha. Beekamtii isaaniif malu ni argatu abdi jedhus qabu.
‘’Amantiin Yihuudii bifa caalaa darbuun onnee namaa keessatti argama,’’ jechuun BBCtti himaniiru.
Manni sagadaa Giyoona bara 1980 keessa nama Ovaadaayi jedhamuufi namoota Kiristiyaana turan lamaan hundaa’e.
Hiriyyooti kunneen macaafni kakuu moofaa bu’uura amantii yihuudii tahuu yoo baran gara amantii Yihuudittii of geeddaran.
Eenyummaan Yihuudii isa keessa ture akka haaraatti akka haroome dubbatee ture. Wal-fakkeenyaa aadaa Yihuudii fi Igboo yeroo hubatu immoo amantichi karaa dhugaa tahuu mirkana turee jedha.
Mana-sagadaa Giyoon Abujaa jiru maatii 40 saba garagaraa qabutu jira.
Gaazexeessaan BBC naannicha beeku Chiyaagozii Niwoonwuu yeroo dhiyootiin asitti kanneen akka yihuudiitti waaqeffatan baay’ataniiru jedha.
Kunis bara 2014 duulli gaaffii foxxoquu saboota Igboo dhalataa Biyaafraa, Ayipoob jedhamuun jalqabuusaatiini jedha.
Duulli kunis qomoo Yihuudii tahuu isaanii yaadachiisee amanticha akka fudhatan jajjabeessaa ture. Hogganaan duula kanaas Kaanuu Naadim Iyeeruusaaleem dhaquun ededa ‘western wall’ jedhamutti garagaralee yeroo kadhannaa taasisu suuraan agarsiisu bahee ture.
Hordoftoonnisaa waaqeffannaa isaanii keessatti waan Kiristiyaanaas makuu irraan kan ka’e Naayijeeriyaatti akka Yihuudii warra dhugaatti hin ilaalaman.
Kaanuunis yeroo ammaa biyya gante jedhamuun mana murtiitti dhiyaateera. Dhiyoo kana meeshaa waraanaa kan hidhate Ayipoob ammoo shororkeessaa dha jedhameera.
‘’Ayipoob yeroo jalqabaaf yeroo mul’ate mana sagadaa keessatti nan boo’e. Dargaggeessi kuni rakkoo keessaa bahuu hin dandeenye nutti fiduuf adeemaa jira. Sababiinsaas waan hin barbaachifne gatii godhuufi,’’ jedha qabsaa’aan duraanii Biyaafraa Aviichaayii.
Sosochiin Ayipoob sirna waaqeffannaa hawaasa Yihuudotaa waggaa 70 dura jalqabe balaaf saaxileera.
Jalqaba bara kanaa irratti kibba-lixatti hoggantuun hawaasa Yihuudii lammiilee Israa’el dawwannaaf dhufan keessummeessitee ji’a tokkoof hidhamte jennaan kuni dhalate.
Daawwttoonni kennaa kitaaba qulqulluu Tooraa kan Naayijeeriyaatti qaalii tahaniifi arjoomaan argaman sirna wal-harkaa fuudhinsa fiilmiin waraabuuf dhufan. Aypoob waliin hidhata qabu jedhamuunis biyyaa arii’amaniiru.
Hordofaan amantichaa mana sagadaa Giyoon deeman Kaanuun mana sagadaatti makamuunsaafi duulli Ayipoob gara qabsoo hidhannootti geeddaramuun yaada-rimee amantii Yihuudii ni faallessa jedhu.
Yaakoob dhimma siyaasaa Yihudummaa irratti fedhii hin qabu. Isaaf dhimmi guddaan amantii isa hafuuraati.
Yihuudootni Igboo ifatti otoo beekamtiin kennameefii amantichi Naayijeeriyaatti akka gurmaa’uu godha. Fakkeenyaaf yeroo ammaa Raabaayiin olaanaa kan hin jirre yoo tahu oomishootni kooshar(nyaata amanatii Yihuudiin eeyyamamus suuqii godaantotaa Yihuudii qofa keessatti argamu)
Yaakoob barnoota Yihuudii Raabaayii ykn hogganaa amantichaa muuxannoo qabu jalatti baratee Raabaayii Naayijeeriyaa isa jalqabaa tahuu fedha.
‘’Ka’umsa keenya warra beeknuuf dhimma eenyummaa keenyaarratti shakkii hin qabnu,’’ jedha.
‘’Warri Kiristiyaanaa fi Musliimaa warreen isaan hordofan yoo fudhatan Yihuudootnis akkasuma kanneen isaan hordofan jajjabeessuu qabu jedheen yaada,’’ jechuun hima.