Jijjiiramni qilleensaa simbirroonni 'albatross' akka walhiikan taasise jedha qorannoon

Madda suuraa, Francesco Ventura
Hariiroon gaa'elaa kan addaan citu tarii jaalalli duraan ture dhabamee yookis ammoo yeroo waliif kennuu dhiisuun tahuu mala.
Jijjiiramni qilleensaa diigamuu jireenyaaf sababa taha jettanii yaaddanii beektuu?
Sababa tahuu mala jedha qorannoon haaraa bahe tokko - gosoonni simbiraa albatross jedhamaniifi addunyaarratti amanamummaa waliif qabaniin beekaman, walhiikuun isaanii dabaleera jedha.
Qorannoon jornaalii Royal Society gubbaatti maxxanfame, lameen walhoran 15,500 Odolawwan Falkland jiran waggoota 15f qorateera.
Walhiikuu simbirroota kanneenii, gara namaatti wayita fidnu - hatuu yookaan amanamuu dhabuu jechuudha. Lameen keessaa inni tokko, simbira biraa wajjiin qunnamtii raawwachuu jechuudha.
Akkuma namaatti albaatiroosonni wayita guddatanitti, michuu isaaniif tahu hanga argatanitti yaalii godhu.
Takka kan isaaniif tolu argannaan garuu, gara caalu jireenya isaanii guutuu wajjin dabarsu.
Albaatiroosota keessa %1 qofatu erga michuu jireenyaa argatanii booda walhiika.
''Isaaniif michuu tokko qabaachuufi yeroo dheeraaf waliin jiraachuun waan haaraa miti,'' jedhu qorattoota keessaa tokko ka tahan Francesco Ventura.
Garuu waggoota 15n wayita ho'inni bishaanii itti dabale qorannoon kun itti gaggeeffame keessatti, lameen albaatiroos %8 tahan walhiikaniiru.
'Walhiikuu jijjiirama naannoon dhufu'
Qorannoon kun akka jedhutti ''walhiikuun dhiibbaa naannoon gahu'' balaa jijjiirama qilleensaa irra darbame tahuu mala.
Albaatiroosonni kan adda bahan wayita lameen walhoruu dadhaban oggaa tahu, achiis waqtii walhoruu dhufurratti michuu biraa barbaachutti ka'u.
Haatahu malee qorannoo kanaan, lameen kun otooma walhoranii addaan bahaa jiraachutu bira gahame.

Madda suuraa, Getty Images
Akka Francesco'n jedhanitti, lakkoofsi kun dabaluuf yaadota lamatu jira - inni jalqabaa, hariiroon walirraa fagaatanii gaggeessan rakkisaa tahuudha.
Ho'i bishaanii dabaluun, simbiroonni nyaata barbaachaaf lafa fagoo akka balali'an dirqamsiisa.
Achiis simphirreen kun waqtii walhormaataaf deebi'uu dadhabu yoo tahe, michuun isaanii jaalallee biraa barbaachutti ka'u.
Yaadni lammeessoo ammoo, wayita bishaan ho'ee haalli naannoo hammaatutti, hangi hormonii dhiphinaa albaatiroosotaa ni dabala kan jedhudha.
Haalota walhormaataa hin mijanneefi bakka hanqinni nyaataa jirutti, dhiphinni inuma dabala. Kanaanis michuun tokko ''gahumsa gadaanaa'' agarsiiseef komatamuun, gara hariiroon diigamutti ceha jedhu Francesco.



















