Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haadha warraa Jooshuwaa fi morkii waldaa inni hundeesse to’achuuf godhamu
- Barreessaa, Nduka Orjinmo
- Gahee, BBC News, Abuja
- Maxxanfame
Eviliin Jooshuwaa walda warra wangeelaa Afrikaa keessatti beekama ta’an keessa tokko hogganaa jirti.
Haata’u malee, dubartii ganna 52 Iviliin waanta abbaa warraa ishee irraa gara xumura dhaalte itti fufsiisuurratti dhiibba jala jirti.
TB Jooshuwaan otoo hin eegamiin Waxabajjii darbe umrii ganna 57tti du’aan darbuu hordofee, eenyu bakka isaa bu’uu qaba dhimma jedhurratti waldhabbii uumame furuun turtii ji’ootatti lakkaa’amu fudhate.
Taatullee karri iddoo kadhannaa waldaa’ Synagogue Church of All Nations’ ykn ‘SCOAN’ wirtuu daldalaa Naayijeeriyaa kan taate magaalaa Leegositti deebi’ee banamuudhaan ji’oota shan keessatti yeroo jalqabaatiif amantoota simateera.
Jooshuwaan duuka bu’ummaafi raajii arge jedhu namootatti himuun nama beekamaa ture yoo ta’u, wayita lubbuun ture namoota kuma hedduutti lakkaa’amanitu addunyaarra Leegositti yaa’a.
Namoota gara sana dhaqan keessatti qondaaltoonni siyaasaa Afrikaafi Laatiin Ameerikaa beekamoon ni argamu.
Waldaalee pentekostaal Naayijeeriyaa keessatti eenyu akka bakka bu’u yeroo hedduu hin haasa’amu, yeroo hedduu falmii otoo hin qabatiin haadha warraa nama waldicha hundeessee du’eetti darba.
Haata’u malee, haatii warraan Jooshuwaa waldicha keessatti akka Paastariitti muudamte boordii waldichaa keessa waan hin turreef morkii jabaatu ishee mudate.
Warreen isheen muudamu morman Jooshuwaan akka bakka isaa buutu ishee hin filannee jedhu.
Raajichaafi namoota inni ‘gamna’ jedhee waamu
Haadhoolii warraa paastaroota bebbeekamoo kanneen biroo waliin wal bira wayita madaalamtu, Eviliin gaa’ilaan ganna 30’f wayita turanitti fuuldaratti baatee heddu hin beekamtu.
Jooshuwaan miseensota waldichaa biratti garuu ’’raajii’’ ta’ufi gartuu namoota isatti dhiyaatanii waliin hojjatanii ‘wise men’ ykn ‘namoota gamna’ jedheetu waama ture.
Garee sana keessa namni bakka isaa bu’a jedhameetu amanama ture.
Haata’u malee erga Jooshuwaan du’een booda namoonni isaaf amanamoo turan ajaja mana murtii haadha warraasaa boorditti dabaluu fudhachuun akka to’adheera jettee yaadduuf haala mijeesseef.
Waldichi ’’qajeelfama waaqayyoon jalatti’’ Jooshuwaa akka hogganaa haaraatti erga beeksiseen as, gartuuleen waldicha hangi tokko iftoominni dhabamuu isaatti hin gammanne.
Keeessattuu gartuun miseensota Kongireessi SCOAN Addunyaa jedhanii of waaman filannoo sanarratti gaaffii kaasaa turan.
Taatullee Eviliin itti gaafamummaa fudhachuu ishee namoota hin shakkisiifne, Sadaasa 7, 2021 erga abbaan warra ishee du’een asitti tajaajila waldichaa yeroo jalqabaaf dursiteetti.
Ji’oota muraasan asitti manicha qulqulleessufi jechuun otoo yeroo hin gubiin hoggansa waldicharratti qabdu fudhatte.
Miseensoonni waldicha harki caalan isaanii lammileen biyyoota biroo mooraa bal’aa waldichaa keessa turan yoo ta’u, mooricha gadhiisanii bahuutti jiraachuu viidiyoon agarsiisan bahaniiru.
Kanneen iddoo sanaa baafaman warreen hoggansa haadha warraa Jooshuwaa mormaniidha jedhameera.
‘’Erga raajichi du’ee as hordoftoonni isaa muraasni Eviliiniif kabajaafi ga’uumsa hin mul’ifne’’ jedhe Paatrik Iwelunmoor, Gorsaan dhimma miidiyaa duraanii Jooshuwaa.
Ejensiin farra-malaammaltumaa Naayijeeriyaa BBC’f akka mirkaneesseetti, himannaa burjaajii uumuu waldicha keessa jiru qorataa jira.
Miseensonni keessoo waldichaa Jooshuwaatti hedduu dhiyaatan inni du’uusaa hordofuun maallaqa callaa shaanxaan fudhatanii baqachuun himannaan irratti dhiyaateera.
Dhimmi kun qoratamaa jiraachuusaa waanti beekamu hin jiru, gaazexaan biyyyattii akka gabaasetti immoo miseensonnii waldichaa muraasni sababii kanaaf dhokataniiru.
Wixinee guyyaa jalqabaa booda dhiyaate
Eviliin Jooshuwaaf qorumsi guddaan nama gama afuuraatiin hojjachuu gatii qabduu ta’uu ishee namoota kumaatamaan lakkaa’aman abbaa warraa ishee jalaatanitti mul’isuudha.
Namoonni kunneen beekamtii inni qabuufi dandeettiin raajiin nama fayyisuu qaba jedhanii waan amananiif dhaqu kanaafuu, hoggantuu haaraa kanarraas waan sanaa gadi hin taane eegu.
Naayijeeriyaatti gulaalaan ‘Church Times’ Gibengaa Osinahikee muudama haadha warraa isaa waan hin eegamne ta’uu amanti.
‘’Isheen irra deddeebitee lallabdi, garuu Jooshuwaan isheetti hin dabarsine’’ jedhee BBCtti hime.
Abbaa Warraan ishee Aab Jooshuwaan cimina keessoo uumuun mana kadhannaa kana sirnaan to’achuu agarsiiseera jedhee amana.
Iviliin gulantaa abbaan warraa ishee ittiin waamamu "General Overseer" ykn Hoggannaa Waldaa Waliigalaa jedhu ammas isumatu itti gaafatamaa jechuudhaan abbaa warraa isheeerra dhaaluu diddeetti.
TB Jooshuwaan waldicha keessatti qalbii namaa keessaa hin badne, poostariiwwan suura isaa fiixee gamoo sanaa hundarra jiru, lallabni isaa miidiyaa isaarratti irra deebiin tamsaafamutti jira.
Haatii warraan isaas akkaataa itti inni lallabu waan dhaalte fakkaatti.
Jooshuwaa fi haati warraan isaa bara 1990 wayita wal argan Jooshuwaan seenaa ishee seenessuufi otoo waa biraa itti hin dabaliin, maqaa ishee qofa waraqaarratti barreessuun qalbii ishee booji’ee ture.
Guyyaa jalqabaa daqiiqaa 45’f waliin turan, xumura irratti gaa’ilaaf ishee gaafate.