Masriitti torbaan-qabaan namoota sadii ajjeestee, dhibbaan kan lakkaa'aman madeessite

Maxxanfame

Masrii magaalaa Aswaanitti torbaan-qabaan rooba yandoo hordoftee gara mana namaafi karaatti yaate, namoota sadii idditee ajjeeste.

Ministeerri Fayyaa biyyattii akka beeksisetti, namoonni 450 ol torbaan-qabaa yookaan qaanjibuu (scorpion) kanaan miidhamaniiru.

Jimaata dabre kana naannoo laga Abbayyaatti bakakkaafi cabbiin haalaan hammaatee ture.

Torba-ciniinaan roobni cimaan yeroo jirutti gara karaatti kan yaatu yoo ta’u, boftillee sababii kanaan jeeqameera.

Sababii kanaaf jecha dawaan farra-summii (anti-venom) dhaabbilee fayyaa mandara naannoo gaarreenifi gammoojjiitti raabsamuu qondaaltoonni Masrii miidiyaa biyyasaanii Al-Ahraamitti himaniiru.

Hakimoonni biyyattii talaallii kennuu addaan kutuudhaan gara namoota qaanjibuun hidde wal’aanutti goraniiru jedhan qondaaltonni biyyattii.

Miidhaa torbaan-qabaan qaqqabsiisaa jirtuurraa kan ka’e namoonni mana isaanii akka turaniifi iddoo mukkeen ittii hedduummatu akka hin dhaqne gorfamaniiru.

Masriin biyya torbaan-qabaa eegee furdaa qabdu, kan addunyaarratti hunda caalaa lubbu namaa galaafachuun beekamtuu keessatti argamtu gidduutti eeramti.

Summiin eegee torbaan-qabaa gurraatti tokko keessaa bahu sa’aatii tokko gaditti nama ajjeefti.

Mallattoon summii namarratti qaqqqabsiistu kanneen akka harganuu dhadhabuu, maashaaleen qaamaa kottaa’uu, mataan haala kanaan dura hin baratamneen hoollachuu fa’aati.

Dawaan farra-summichaaff kennamu namarraa ittisuuf kan kennamu yoo ta’u, erga mallattoon summaa’uu namarratti mul’atee boodas ni kennama.