Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poorchugaal hoggantoonni sa’aatii hojiin alatti hojjattootaaf dhaamsa akka hin ergine dhorkite
Poorchugaal hoggantoonni hojjattoota hoggananiif dhaamsa barreeffamaas ta’e imeelii sa’aatiin hojiin alatti akka barreessineef seera haaraa dhorku - ’mirga boqochu’ eeyyamu baafte.
Tarkaanfichi kan jijjirama haala hojii foyyeessuuf fudhatame yoo ta’u, yeroo manaa ofitii hojjachuun biyyattii keessatti babal’ataa dhuftetti tarkaanfii fudhatamedha.
Kaampanoonni hojjattoota 10 ol qaban yoo yeroo hojiitiin alatti hojjattoota isaanii waliin waa'ee waa'ee hojii haasa'an ni adabamu.
Seerri haaraa bahe kun hojjiattoonni daa’ima qaban mana isaanii taa’anii akka hojjatan ni eeyyamaaf.
Maatiin ijoollee qaban daa’imni isaanii umriin hanga ganna saddeet guututti otoo qaamni isaan cimee hojjachiisu eeyyamuufitti manaa hojjachuu danda’u jedha.
Kana malees, hojjattoota mana isaaniitii hojjataniirratti kaffaltiin ibsaafi intarneetii kan guddatu yoo ta’e, dhaabbileen keessa hojjatan tarii maallaqa hanga tokko ni gargaaru jedha.
Hojjattoonni mana isaanii taa'anii hojjatan akka moggaatti hin baanef dhaabbileen sagantaa fuulaafi fulatti hojjattoota wal argan qindeessuu qabaatu.
Haata’u malee, qabiyyeen hammatame muraasni paarlamaa biyyattiin hin raggaane.
Isaan keessaa tokko ’’mirga quunnamtii kutuu'’ ykn "right to disconnect" kan hojjattoonni meeshaalee hojii yeroo hojiin ala cufuu kan jedhudha.
Minnistirri Humna Namaafi Wabii Hawaasummaa Anaa Mendees Godinhoo, ‘’manaa hojjachuun jijjirama kan fiduudha, garuu seeraan qajeelchuun barbaachisa’’ jechuun torban darbe Lizbanitti dubbataniiru.
Qondaalli kuni kunuunsi hojjattootaaf taasifamu kun lammiilee biyyoota biroos gara biyya keenyaatti hawwaachuuf ni gargaara jedhanii abdatu.
‘’Poorchugaal biyyoota addunyaa keessaa iddoo hojiin gama dijitaalan fi halaalarra hojjachuuf filatamtuu ni goona,'' jedhaniiru.