Kormi sangaa feestivaala irratti fiigsan nama ganna 55 jifatee ajjeese

Madda suuraa, Getty Images
Feestivaala korma sangaa fiigsuu magaalaa Ispeen Ondaatti taasifameen namni ganna 55 jifatamee du’e.
Namni kuni feestivaala Fira Onda jedhamurratti al baayyee jifatameera. Kanumaanis mataasaarra miidhamni yoo gahu, ujummoon dhiigaa sarbaasaa bitaa adda citeera.
Hospitaala naannoo, Villareal argmuttis lubbuunsaa darbiteetti.
Magaalaan Onda feestivaala korma sangaa fiigsisuu kan haqxe yoo tahu, sagantaawwan kaan garuu ittuma fufu jedhameera.
Uggurri sababii Covid’n kaa’ame erga ka’een booda feestivaala taasifameen miidhaan akkanaa qaqqabuun kan jalqabaati.
Covid'n wal-qabatee seerri laaffatus, feestivaala muraasatu adeemsifame. Sababiinsaa immoo Ispeenitti sangaa fiigsuun kuni cirumaa dhorkamuu qabaa, hin qabu falmiin jedhu jabaachaa waan dhufeefi.
Gochaan sangaa fiigsisuu kuni aadaa durii warra Ispeeniiti. Biyyoota ollaa Firaansiifi Poorchugaal keessattillee ni adeemsifama.
Sagantaa kanarratti namoonni hoomaadhaan kormaa hedduu, hidhaan isaanii hiikame fuldura fiigu.
Korma akkanatti fiigsuun booda miidhamuun waanuma barame dha.
Bara 1910 irraa qabee namoonni 16 magaalaa Ispeen Paamploonaatti sababa kanaan lubbuu isaanii dhabaniiru.














