Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naayijeeriyaatti dargaggeessi gurgurtaaf of dhiyeesse to'atame
Naayijeeriyaatti poolisiin namticha sababii ''hiyyuummaatiin'' jechuun gurgurtaaf of dhiyeessee tokko to'annaa jala oolche.
Naayijeeriyaa bulchiinsa Kaanoo keessatti, humni poolisii Islaamaa kan Hisbaah jedhamun beekamu, dargaggeessa ganna 26, Aliyyuu Na Idriis, kan sababa ''hiyyummaatiin'' gurgurtaaf of dhiyeesse to'annoo jala olcheera.
Dhimmi dargaggeessa kanaa torban darbe keessa miidiyaa hawaasaa irratti bal'inaan qoodamaa ture.
Ajajaan humna Hibaah, Haruun Ibn Sina, namtichi kun to'annoo jala oolfamu BBC'f mirkanneessuun, gochi dargaggoon kun raawwate kunis amantaan dhorkamaa ta'u dabaluun himan.
"Eeyyee guyyaa Kibxata to'annoo jala olchineerra. Innis halkan nu biratti dabarse. Gochaan inni raawwate kunis amantaa Islamaa keessatti dhorkamaadha.
Haalli ati keessatti argamtu hangamuu cimaa yoo ta'eyyuu of gurguruuf yaaluu hin dandeessu."
Hojii wayyaa hodhaa kan hojjataa ture dargaggoon kun, to'annoo jala olfamuu isaa dura gaazexeessitoota biyya keessaatti akka himeetti, rakkoo maallaqaa guddaa keessa ture.
Sababa kanaafis naayiraa miiliyoona 20 (doolaara 49,000)n of gurguruun, nama isa bituuf garaa guutuun akka tajaajiluu waadaa seenuuf akka dirqame dubbateera.
"Of gurguruuf kanan murteesse sababa hiyyuummaatiin. Yoon nama na bitu argadhee doolaara 24,000 maatiikoof kennee, doolaara 12,000 ammoo akka gibiraatti mootummaaf kaffaluufan karoorse.
Akkasumas doolaara 5,000 namoota akkan bitamuuf na gargaaraniif kennuun."
Kan isarraa hafe ammoo olmaa guyyuukoof fayyadamuuf yaadeera," jechuun ture Aliyuun to'atamu isaatiin dura gaazexessitootatti kan hime ture.