Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan kaampaanii Chaayinaa biyyashiitti tajaajila telekomii kennurraa eeyyama mulqite
Waashingtan '‘nageenyaa biyyaaf sodaa uumuu’’ jechuun hojii Dhaabbata Telekominikeeshinii Chaayinaa beekamaa biyyatti keessatti tajaajila kennu tokkorraa eeyyama mulqite.
Kanaafuu Chaayinaa Telekoom guyyoota 60 kessatti tajaajila Ameerikaatti kennu addaan kutuu qaba.
Qondaaltonni Ameeerikaa akka jedhanitti mootummaan Chaayinaa kaampaanicha to’achuun Chaayinaan tajaajila qunnamtii Ameerikaa ‘’akka jeeqxu, kuustu, itti gargaaramtu ykn kallattirra dabsituuf carraa laachuudha’’ jedhan.
Kuni Chaayinaan ’’gochoota basaasaa fi miidhaa Ameerikaarran gahanitti akka hirmaattu eeyyamuudha’’ jedhan.
Chaayinaa Telekoom Ameerikaatti tajaajila kennuu erga eegalee ganna 20'tti dhiyaatu guute, murtoon kun ’’mufachiisadha’’ jedhe.
‘’Filannoowwan jiran hundatti gargaaramnee maamiltoota keenya tajaajiluu itti fufna’’ jechuun kaampanichi ibse.
Chaayina Telekoom kaampanoota tajaajila gabaa telekoomii Chaayinaa to’atan sadan keessaa tokkodha.
Dhaabbatichi biyyoota 110 keessatti maamiltoota miliyoona dhibbaan lakkaa’aman kan qabu yoo ta’u, tajaajila intarneetii biroodbaandii bilbilaa hanga neetiworkii bilibilaa kan qabu ture.
Murtoo kun Ministirri dhimma dinagdee Ameerikaa Jenet Yellen, Ministira Muummee Ittaanaa Chaayinaa Liyu He waliin dhimma dinagdee sadarkaa idil-addunyaarratti waliin erga haasa’anii sa’aatiiwwan muraasa booda ture.
Mariin kun hariiroon biyyoota jajjaboo addunyaa kana giddutti hariiroo ture wayyeessa jedhamee yaadame ture.
Taatullee biyyoonni lamaan dhimma daldalaafi Taayiwaanirratti tibbana wal dhabaa turan.
Komishiinii Kominikeeshinii Federaalaa (FCC) tajaajilaTelekoomi Chaayinaa Ameerikaatti tajaajila kennu bara 2020'tti cufuuf akeekachiisee ture.
Dhaabbaticha ‘’mootummaa Chaayinaatu to’ata, ittiin gargaaramee dhiibbaa uuma,’’ jechuun akeekkachisee ture.
Komishinichi akka jedhutti kaampanichi ‘’otoo qorannoo bilisaa mana murtiin hin gaggeeffamiin gaaffii mootummaan Chaayinaa fudhachuuf dirqama,’’ jechuun himate.
Telekoomiin Chaayinaa dhaabbata dhiyeenyatti qondaaltoonni Ameerikaa sababii sodaa nageenyaatiin irratti qiyyaafatan ta’eera.
Bara darbe Komishiinii Kominikeeshinii Federaalaa Huwawee fi ZTE’n neetiwoorkii qunnamtiirratti yaaddoo uumu jechuun dhaabbileen Ameerikaa meeshaalee akka irraa hin bitne taasiseera.
Komishinichi bara 2019 eeyyama Chaayinaa mobaayilii irraa mulquun, kaampanota mootummaa Chaayinaan deeggaraman ‘China Unicom Americas’ fi ‘Pacific ‘Networks’ jedhamurratti tarkaaanfii fudhateera.