Yugaandaan malaammaltummaa to'achuuf barattoonni akka maatiisaanii basaasan gochuuf

Maxxanfame

Abbaan Taayitaa Farra-Malaammaltummaa Yugaandaa rakkoo malaammaltummaa to'achuuf akka tooftaa haaraa tokkotti barattoonni akka maatiisaanii basaasan gochuuf akka yaade ibsame.

Itti-gaafatamtuun Abbaan Taayitaa Farra-Malaammaltummaa Yugaandaa Beetii Kaamiyaa dippilomaatotatti himaniiru jechuun akka gabaafametti, maatii karaa ijoolleesaanii barattoota ta'anii to'achuuf tooftaan malaammaltummaa ittiin to'atan haaraan qophaa'eera.

Aanga'aan kun akka jedhanitti taanaan, rakkoo malaammaltummaa biyyattii keessatti mul'atu ittisuuf tooftaawwan gara garaa hojiirra oolchuu barbaadan keessaa tokko ijoolleen akka maatiisaanii basaasan gochuudha.

Beetii Kaamiyaa kana kan dubbatan garee dippilomaatotaa Gamtaa Awurooppaatiif yoo ta'u, akka karoora isaaniitti tooftaawwan malaammaltummaa ittiin ittisan haaraafi kalaqaan deeggaraman hojiirra oolchuufi akka jiraniifi tooftaawwan kunneenis baasii kan qusatanillee ta'uu mala jedhan.

Tooftaan haaraa ittiin malaammaltummaa ittisuuf filatame keessaa tokko barattotarratti xiyyeeffannaa kan taasise ta'uu eeran aanga'aan kuni.

Barattoonni sadarkaa tokkoffaa keessa jiran maallaqni seeraan alaa maal akka ta'e akka beekaniifi, "manniifi konkolaataan gati-jabeeyyii ta'an, akkasumas baasiiwwan biroon miindaa argataniin kan guutaman ta'uu isaa akka gaafatan barbaadna," jedhan.

Dabalataanis, barsiisonni manneen barnootaa kaffaltaa ol-aanaa ta'e kaffalchiisan keessa jiran barattoota umuriin isaanii waggaa kudhan ta'e maqaa abbaa isaanii, eessa akka hojjetu, itti-gaafatamummaa hojii isaa, konkolaataa qabatan gatii hangamii akka baasuufi suuraa mana isaanii kan mul'isu hoj-manee akka kennan taasisuun malaammaltummaa hordofuuf akka karoorfatan ibsameera.

Haata'u malee, barataan tokko hoj-manee ajajamerraa odeeffannoo aanga'oota farra-malaammaltummaatiif dabarsee kennuu danda'aa gaaffiin jedhu deebii ifa ta'e hin arganne.

Aanga'aan kun itti dabaluun, waajirri isaanii ministeera barnootaa biyyattii waliin ta'uun manneen barnootaa daree barnootaa keessatti mariiwwan malaammaltummaa ittisuu jajjabeessan akka gaggeessan ni jajjabeeffamu jedhan.

Dhaabbanni Yugaandaa keessatti gochawwan malaammaltummaa ittisu Beetii Kaamiyaan gaggeeffamu kun, biyyattii keessatti malaammaltummaafi aangoo akka hin taanetti itti gargaaramuu maqsuudhaaf qaama walabaa aangoon kennameef akka ta'e marsariitii isaarratti barreeffamee jira.