Chaayinaan dhiibbaa hoj-manee barattootaaf kennamu hir'isuuf seera tumte

Barattoota Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Chaayinaan hoj-manee humnaa olii manneen barnootaarraa barattootaaf kennamuufi sagantaa qayyabannaa sa'aatii barnootaatiin alatti kennaman hir'isuudhaaf seera kaayyeeffate baasuutu gabaafame.

Maatiinis ijoolleen isaanii yeroo boqonnaafi taphaa gahaa akka qabaatan akkasumas intarneeta irratti yeroo dheeraa akka hin dabarsineef akka to'ataniif gaafatamaniiru.

Hagayya darbe ammoo Chaayinaan barattoota umuriin isaanii waggaa ja'aafi torba ta'aniif manneen barnootaatti qormaanni barreeffamaa akka hin kennamneef dhorkiteetti.

Barattoonni dhiibbaa barnoota waliin walqabaterraa kan ka'een miidhaan qaamaafi qalbii isaan mudachuu aanga'oonni dubbachaa jiru.

Araadaawwan interneetaafi kanneen biroo ijoolleerratti mul'atan to'achuudhaafis mootummaan Chaayinaa dhiyeenyuma kana tarkaanfiiwwan baay'ee fudhateera.

Murtee ammaa dhiibbaa barattootarra gahu hir'isuudhaaf dandeessisu kana kan dabarse qaama seera-baastuu Chaayinaa isa guddaa kan ta'e koree-dhaabbii mana maree biyyaalessaati.

Ibsi seera haaraa kun guutummaatti bahuu baatus akka sabaa-himaaleen Chaayinaa gabaasanitti taanaan, maatiin hamilee ijoollee isaanii akka ijaaran, beekumsa isaaniifi shaakala hawaasummaa isaanii akka gabbifataniif akka gargaaraniif gaafataniiru.

Tarkaanfiin mootummaa kun miidiyaalee hawaasummaa irratti deebiiwwan wal makaa ta'e argachaa jira.

Tokko tokko guddisa daa'immanii qajeelaa ta'eef kan ta'udha jechuun yoo ibsan, kanneen biroo ammoo bulchitoonni naannoo ykn maatiin murtee kana hojiira oolchuurratti gahumsa qaban irratti gaaffii kaasaniiru.

Adoolessa darbe Chaayinaan karaa interneetii barnoota gurguddoo waliin wal qabatan tokko tokko biyyattii keessatti akka hinkennamne dhorkiteetti.

Tarkaanfiin haaraa mootummaan fudhate kun invastimantii alaa seektaricharratti taasifamurra dhorkaa kan kaa'u yoo ta'u, barnoota seektara dhuunfaaatiin maallaqa dolaara Biliyoona 120 sochoosullee baayyee miidhuuf jira jedhameera.

Chaayinaa keessatti barnoonna karaa haqa-qabeessa ta'een waliin gahuun lammilee gidduu garaa garummaan jiru gaaffii kan kaasu yoo ta'u, maatiiwwan sooreyyiin ijoolleen isaanii manneen barnootaa gaariitti akka barataniif maallaqa guddaa akka baasan gabaasaaleen ni mul'isu.