Sooriyaan ibiddaa saafaa bara 2020 qabsiisan jechuun namoota 24 du’aan adabde

Maxxanfame

Mootummaan Sooriyaa namoota beekaa ibiddaa saafaa waggaa darbee qabsiisaniiru jedhu 24 du’aan adabuu isaa beeksiseera.

Namootni 11 biraan ammoo hidhaa umurii guutuun kan adaban yoo ta’u, ijoolleen umurii 18 gadii shan ammo hidhaa waggooti 10 fi 12 gidduun adabamuu isaanii ministeerri haqaa biyyatti ibsa baaseen beeksiseera.

Namootni kun yakkamtoota “gocha shororkeessummaa” rawwatanidha jechuun ibse.

Namootni kun gaarreen naannoo qarqara galaanaa jiranitti Fulbaanaa fi Onkololeessa 2020 ibidda qabsiisuu isaani akka amanan himameera. Balaa ibiddaa kanaan namootni sadii du’aniiru.

Gartuuleen mirga namoomaa, erga bara 2011tti waraanni waliini biyyatti keessatti eegalee pireezidant Bashaar al-Assaad namoota kumaatamaan lakkaa’aman du’aan adabeera jedhanii amanu.

Qorattoonni yakkaa UN gabaasa dhiyeenya baasaniin, namootni ijaan argan akka itti himanitti, namotni shakkamanii hidhaman dhaddacha malee ykn dhaddacha haqa hin qabneen alatti mana murtii farra shorokeessummaa ykn mana murtii waraanaan ajjeefamaniiru jedha.

Bara darbe yeroo ibiddi saafaa kun ka’e, sababa qilleensa ho’aa waqxii sanatti hin beekamnee fi qilleensa ho’aa lixarraa dhufu akkasumas biqiltoota goganii lafarra jiraniin ta’uu danda’a jedhamee ture.

Angaa’onni naannicha naannoolee Latakiyaa, Tartoowus, Homsii fi Hamaa keessatti ibidda safaa 187 akka galmeessanii fi, magaalotni fi gandootni 280 ta’an miidhamuu isaanii ministeerri haqaa ibseera.

Dabalataniis, lafti qonnaa heektaara 13,000 ta’uu fi lafti bosonaa hektaara 11,000 akka barbadaa’es ibseera.

Sababa jijjiirama qilleensaan naannoolee Lixa Mediteriyaanii keessattti ibiddi saafaa baayyachaa dhufeera.