Waraana Siiriyaa: ‘Kuni gatii nuti bilisummaaf kaffalle’

Maxxanfame

Waraanni Siiriyaa ganna kudhan lakkoofsise biyyattii diigee, lubbuu namoota kuma dhibbaan lakka’amanii galaafatee, namoota miliyoonatti lakka’aman immoo qe’eerraa buqqiseera.

Namoonni waranaa kanaan miidhaman kanneen qe’ee isaaniirraa buqqa’an ykn biyyaa baqatan dhiibbaa waraanni jireenya isaanirratti fide dubbatan.

‘Hiriyoota koo hedduun of cinaa dhabe’

Gaayaz Abu, gaaxizeessaa gannaa 30

Wayita mormiin magaalaan keessa jiraadhu Darayyaatti dhohu barataan ture.

Kaameraa kootiin halaalaarra ta’ii sana suura kaasaan ture, yeroo sanatti ta’iin akkasii Siriyaatti ni raawwata jedhe yaadee hin beeku.

Bara sanatti mormii Tuuniziyaa fi Masriitti ka’een jajjabina horannee sagalee mormii keenya ol kaasne, mormiif kutannoo akkasii ni qabaanna jedhee takkaa yaade hin beeku ture.

Kan nama gaddisisu garuu abjuun keenya otoo hin turiin kan quucarte, wayita jirattoonni Darayyaa dhibbaan lakka’aman bara 2012 ajjeefaman ture.

Guyyoota lama keessatti hiriyoota fi ollootakoo namoota hedduun du’aan of biraa dhabe.

Sun ganna guutuu anaaf yeroo rakkoo ture. Yeroo sanaa eegalee sodaan dargaggoota Darayyaa hedduu weerare.

Wayita sanarraa kaasee namni mormiif gara magaalaatti hin deebine.

Ganna afuriif addatti foa’mne, loltootaan marfamnee jiraanne.

Otoo nuti dukkaana keessa jiraannu yeroo Damaasqoon akkanatti iftuu wayitan argu hundan aara.

Otoo nuti dawaa fi soorata dhabnee rakkannuu isaanimmoo bilisummaan yeroo oliif gadi socho’an onnee kootu na dhukkuba.

Yeroo dirqamaan Darayyaa baafamne gara Idilib bara 2016 dhaqnummoo sirumayyuu aariitu natti caale, qurxummii bishaan keessa baafamen ta’e.

Obboleessi koo ajjeefamuun, maatiin koo yeroof hidhaa buufaman. Kuni gatii nuti bilisummaaf kaffalleedha.

Warraaqsa keessatti hirmaachuu koo garuu takkaa gaabbee hin beeku.

Otoo duubatti deebisuun hin danda’ama ta’e, ammas hundayyuu nan raawwadha ture.

Waanta anarra qaqqabeef garuu warraaqsa balaleeffadhee hin beeku, yakkoota gara jabummaan raawwatamaniif mootummaa Siriyaan balaaleffadha.

Warraaqsi biyyattii amma yoonaatti otoo hin milkaa’in hafuun dubbii dhugaati. Taatullee, bilisummaa kanaan dura hin qabne muraasa gonfanneerra.

Amma hojii gaazexeessummaan hojjadha, yaada koo barreeesse namoota addunyaarra jiraniif nan qooda.

Warraaqsi otoo ka’uu baate kana hin dalaguun ture.

‘Egeree koof mul'ata homaa hin qabu’

Nur al- Shaam, hojjattu gargaarsa namoomaa

Duraan maatii koo wajjin jiraataan ture, amma Kaaba Idilibitti mana godoo qubanna tokko keessa jiraadha.

Kibba Idilib maatii koo wajjin wayitan jiraachaa ture bilisummaa dhabne malee waan barbaannu hunda qabna turre.

Amma iddoo jireenyaaf rakkisaa ta’e, lafa onaa sanatti namoota dhibbaan lakka’aman wajjin godoo dawoo qubannaa keessan jiraadha.

Ganna dhoqqee, yeroo kaan dhukkee fi ilbiisaan bakka weeraramuun jira.

Abjuu egeree kootiif hin qabu ykn egeree ilma kootiif ta’us hin qabu.

Yaadni ilma kootii qabu dawoo qubannaa kanarratti akka hin rarraane gochuuf tattafatan jira.

Akka hin yaaddoofne waa’ee waraanaas itti hin himu. Abbaan warraa koo achitti nu dhiise hojiif Tarkii ture, ergasii deebi’ee isa hin arganne.

Barnoota koo goolabuuf abjuun qaban ture garuu, amma hin danda’amu.

Yeroo hiriira mormii achitti bahametti hirmaadhe sanatti barattuu Yunivarsitii Aleppoon ture.

Humnoonni tika mootummaa waan nu doorsisaniif ji’oota muraasa boodan moora yunivarsiitichaa gadhiise bahe.

Sana booda namoota gargaaruun eegale, tattaaffii deeggarsa namoomaa tumsuutti dabalame.

Bara 2019 halleella ollaa keenyaarra qaqqabe hordofee abbaa warraa koo fi daa’ima fudhannee baqachuun, daawoo baqannaa baadiyyaa Kaaba Idilibitti jalaa miliqne.

Mannisaanii boombiin wayita haleelametti ijoollee durbii kooti lamatu du’e.

Obboleessi koo bara 2012 hidha buufame, amma yoonatti eessa akka jiru hin beeknu.

Warraaqsa biyya keenyatti mudatetti garuu takkaa gaabbe hin beeku.

Sirna cunqursaan biyyattii bulchu ni kuffisna jennetu abdataa turre.

‘Addunyaan argiteetti garuu homaa nuuf hin goone’

Fadii Mosilli, hojjataa waldaa fannoo diimaa

Bara 2012 akkan Siriyaa keessa turuu hin dandeenye kanan hubadhe.

Hiriyoonni natti dhiyaatan hidhamnaan anillee nan yaadda’e. Nageenya daa’imman kootiif nan sodaadhe.

Anis akka nama biraatti akka hin ajjeefamne ykn hidhaatti hiraarfamne nan sodaadhe.

Kanaafu Tarkirraan baheen gara Jarmaniitti baqadhe.

Biyya hambaa jiraachuun keenya sagaleen keenya akka ol bahee dhaga’amu tarii gargaare jira ta’u mala.

Mirgi lammilee fi baqattoota Siriiyaaf akka kabajamu hiriira biyya Jarman keessatti bahamurratti yeroo hunda nan hirmaadha.

Sirumayyuu paartii siyaasaatti dabalameera.

Siriyaatti mirgi dimokiraasii kabajamee, filannoon bilisaa gaaf tokko akka filatamuun abjoodha.

Karaatti bane wayita bilisummaa gaafannetti mootummaan Siriyaa raasasaan haaloo nu bahe.

Namoonni fuula koo duratti wayita reebamanii fi ajjeefaman argeera.

Badiin waggoota kurnan darbe raawwatame na dhukkubsa garuu, ammas guyyaa tokko bilisummaa argannee, kanneen badii raawwatan akka hidhaman abdiin qaba.

Lammileen Siriyaa guyyaa guyyaan ajjeefamuu fi buqqa’uun waan hedduu garaa na nyaata.

Addunyaa guutuun otoo arguu, ajjeechaa kana dhaabsisu hin dandeenye.

Ani akka qaama namaa lubbuun keessa baateetti jiraadha. Jireenya koo ani Siriyaattin dhiise.

Suuraa Damaaskoos iddoon jiraataa ture ilaaleen boo’a. Garaatu na hammaata, awwalaa haadha kootiille otoon argiin waggoota lakka’eera.

‘Ganni kurnan darbe lapheekoo madeesse’

Saaraa Ramii, barsiistuu ganna 40

Wayita mormiin dho’etti, Mana koo Damaaskootti argamuu gadi bahuullee nan sodaadhan ture.

Yeroo sanatti maaltu ta’aa akka jiru fi jijjiirama akkami akka fidu hin hubanne ture.

Mormiin itti fufe garuu namoonni qindaa’anii hogganaa barbaadutu irra ture.

Namoonni kaan bilisummaaf waaamicha dhiyeessaa turan, namoonni kaan garuu lammilee Siriyaa amantii adda addaa hordofan gidduutti waldhabbii miira kakaasu uumaa waan turaniif na yaaddeessa ture.

Wajjin jiraata turre, Muslima fi Kiristaana jennee muddama umame dura miirri wal qooduu hin turre.

Haa ta’u malee, ji’oota muraasa booda hiriyoota yunivarsiitii keessatti wal barre muraasa sababa kanaan ofi biraa dhabe.

Lollichi itti fufee waggoota lakkoofne, boombiinis mana keenyatti bu’uu ittii fufe, sirumayyu eenyu akka dhukaasu hin beeknu.

Obboleettiin koo bara 2016 baadiyyaa Damaskoositti mana nyaataa keessatti ajjeefamte. Ajjefamuu isheef hiriirtota hin balaaleffadhu.

Isaan akka mirgoonni bu’uura kabajamuu gaafachaa turan, garuu gartuu kaanimmoo nu gooluu jalqaban.

Gartuun hidhattoota muraasni oliif gadi bittimanii namoota eenyummaasaaniif ajjeesu turan.

Namoonni mootummaan qacaree hojjachisuu mootummaa wajjin hojjachuusaaniif ajjeesaa turan.

Haati koo ministeera mootummaa tokko keessa hojjataa waan turteef nageenya isheef yaadda’aan ture.

Gaaf tokko otoo iddoo hojiirra gara manaatti deebitu konkonkolaataa isheen keessa turte haleeluuf irratti qiyyaafatamee ture.

Waggoonni 10 darbe hedduu gadda keessa na buuse.

Wayitan sagalee guddaa dhaga’e qaamni koo ni hoollata, ni roqoma, dhahaannaa onnee kootu dabala.

Yeroon taaksiin gara manaatti imaluu yaadni sammuu keessa na deddebi’u, dho’iinsi boombii daqiiqaa kana keessatti mudachuu mala kan jedhu ture.

Amma haalichi kan wayyaa’e fakkaata, taatullee dhiibbaan gama dinagdee obsa kan nama fixachiisu.

Dhimma dinagdee kana bulchiinsi Ameerikaa haaraan qoqqobbii Siiriyaarra kaa’ame ni kaasa jedheen abdadha.

Qoqqobbichi namoota bulchiisa mootummaa otoo hin taane namoota jiruu idileesaanii jiraatan caala miidha.