Bineensa Bosonaa: Adala daggalaa Itoophiyaa keessaa ukkaamfamanii biyyoota Arabaatti gurguraman

Madda suuraa, Getty Images
Argamni isaanii Itoophiyaa, Somaaliilaand fi biyyoota Baaha Afrikaa biroo kan ta'an adalli daggalaa ukkaamfamanii qabamanii biyyoota Arabaa keessatti akka bineensota manaatti gurguramaa jiru.
Keessaayyuu gosti adalaa akka Hamaaqexaa ykn 'Abboo Shammaanee' jedhaman Itoophiyaa keessatti qabamanii kara Somaaliilaand baafamanii, Yaman qaxxaamuruun biyyoota Arabaa keessatti doolaara kumaatamaan abbootii qabeenyaatti gurguramaa jiru jedhu ogeeyyiin dhimmicha quba qaban.
Toomaas Moolee waggoota afran darbaniif waa'ee bineensota Baaha Afrikaa keessaa seeraan ala gara biyyoota galoo galaanaa geeffamanii gurguramanii hordofaa ture.
"Hamaaqexni adala daggalaa Afrikaa keessa jiran keessaa kan gosti isaa badaa jiru keessaa tokko ta'us, Gaanfa Afrikaatti hubannoon waa'ee kanaa jiru xiqqaadha" jechuun BBC'tti himan.
Gosti adalaa kun heddumminaan Itoophiyaa keessaa ukkaamfamuun fuudhamanii biyyoota Arabaa keessatti gurguramaa jiru jedhu ogeessi kun.
Toomaas dhaabbata Tooriid Anaalitiiks jedhamuuf kan hojjetu yoo ta'u, dhaabbatni kun chaanaalii National Geographic waliin ta'uun waa'ee bineensota Hamaaqexaa balaaf saaxilamanii odeeffannoo kenna.
Dhaabbileen kunneen bara darbe Somaalilaand keessatti nama karaa seeraan alaa bineensota bosonaa daldalu to'annoo jala akka ooluu fi akka adabamu taasisaniiru.
Ji'a tokkotti yoo xiqqaate bineensonni afur karaa seeraan alaa daangaa qaxxaamursiifamuuf yoo jedhaman to'annoo jala akka oolan bara darbe Abbaan Taayita Eegumsa Bineensotaa Itoophiyaa beeksisee ture.
Hamaaqexi heddumminaan eessa jira?
Ammaan tana addunyaarratti Hamaaqexaa kuma 7 ta'an bosona keessa akka jiran tilmaamama. Ta'us lakkoofsichi guyya guyyaan gadi bu'aa jira.
Bineensonni kun yeroo mara qilleensa gogaa fi naannoo jijjiirama qilleensan miidhamee keessa jiraachuu waan filataniif akka rakkatan himu ogeessi kun.
Fakkeenyaaf jedha Aab Toomaas, "paarkiiwwan Baha Afrikaa akka Serengeetii fi Masaay Maaraa keessa leenconni kuma 3 ol yoo jiraatan, lafa bal'aa hagana gahurra Hamaaqexi jiru 300 hin caalu."
Hamaaqexaa daggala jiran kuma 7 keessaa irra hedduun Bahaa fi Kibba Afriikaa keessa akka jiran ragaaleen ni agarsiisu.
Ta'us garuu daldala seeraan alaa bineensota kanaatiin kan miidhamaa jiran garuu Itoophiyaa fi Somaalilaand ta'uu hima Toomaas.
Akka inni jedhutti namootni bineensota kana daddabarsan qonnaan bultoota naannoo waliin ta'uun bineeyyii kana qabu.
"Qonnaan bultootaan adala daggalaa yoo agartan isinirraa binna qabaa jedhuun. Ilmoolee adala daggalaa qonnaan bultoota irraa fuudhanii gurguru."
Ilmooleen Hamaaqexaa saaphanaan ykn ammoo pilaastikii uraa qabuun salphaatti bakka bakkatti geejjibsiisuun ni danda'ama jedha.

Ilmoolee yoo xiqqaate 10 erga walitti qabaniin booda hedduumminaan gara gabaa biyyoota akka Sa'uudii Arabiyaa, UAE, Baahireen fi Omaan geessuun akka gatii guddaan gurguraman hima.Kanneen bineensota kana gara dabarsan doolaara kaasuun ykn ammoo meeshaa waraanaa akka argatan barruun National Geographic maxxansiise tokko ni agarsiisa.
Aab Toomaas Mooleenis kanuma BBC'f mirkaneesse.
"Yeroo baay'ee adalawwan daggalaa kana qarshiitti gurguratu. Haata'u malee Yaman fi Gaanfa Afrikaa jidduu daddabrsi namootaa fi meeshaa waraanaa seeraan alaa jira. Kanaaf yeroo tokko tokko meeshaan waraanaanis ni jijjiiru."
Itoophiyaa fi Somaalilaand keessatti ilmoon Hamaaqexi tokko doolaara 250 hanga doolaara 500 baasuu dandeessi.
Sharafa amma jiruun kana jechuun gara birrii kuma 23 gaha jechuudha.
Haata'u malee ilmoon Hamaaqexaa tokko biyyoota Arabaa yoo geessu, yuuroo kuma 6 hanga yuuroo kuma 8 akka gurguramtu hima Toomaas.
Kana jechuun birrii Itoophiyaatiin kuma 430 jechuudha.
Itoophiyaan maal gochaa jirti?
Ilmooleen Hamaaqexaa biyyoota Arabaatti gurguraman hedduun isaanii Itoophiyaa naannolee akka Oromiyaa, Affaar fi Somaali keessaa qabamu.
Itoophiyaan gama IGADn daldala seeraan alaa bineensotaa kana dhaabsisuuf yaalaa jiraattus, raawwii irratti rakkootu jira jedha ogeessi kun.
Itoophiyaan gama daldala bineensotaa seeraan alaa ittisuutiin Baaha Afrikaa keessaa seera jabaa qabaattus seericha hojiirra gama oolchuutiin Keeniyaan wayyoo qabaachuu hima Toomaas.
Dhaabbati Toomaas hojjetuuf gara fuuladuraatti dhimma kanarratti mootummaa Itoophiyaa waliin ta'uun hojjechuuf yaada qaba.
Ilmooleen adala daggalaa biyyoota Arabaatti gurguraman kunneen irra jireessa karaa miidiyaalee hawaasaa gurguramu jedhu.
Kun silaa kaneen gurguran hordofanii to'achuuf mijataa ta'us xiyyeeffanaan itti hin kennamne jedhu.
Hamaaqexa qofa osoo hin taane, gosootni qeerransaa biroo fi leencis Itoophiyaa fi Somaalilaand keessaa qabamanii doolaara hedduun akka gurguraman himu.
Dhiyoo kana Keeniyaa fi Somaalilaand namoota daldala seeraan alaa kana hojjetan qabanii seeratti dhiyeessuun abdii kan namatti horudha jedha Toomaas.















