Hamaaketi saddeet Afrikaa Kibbaarraa gara Indiyaa geeffamuuf

Hamaaketa gareen jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Hamaakeeti saddeet – kormaa shaniifi dhaltuun sadii- bakka jireenyaa isaanii Afrikaa Kibbaa irraa km8,405 imaluun Sadaasa keessa gara Indiyaa geeffamuuf jiru.

Bineensi addunyaarratti saffisaan tokkoffa ta’e kun erga gara jaarraa walakkaa dura biyyattii keessaa badee boda deebi’uufidha jedhameera.

“Bineensa kana deebisuuf amma bakkaafi baasii isaa qabna,” jedha hogganaan Dhaabbata Bineensota Bosonaa Indiyaafi sochii kanarratti ogeessa kan ta’e Yadverdiradev Jahalaa.

Addunyaa keessatti bineensi guddaa akkanaa kunuunsaaf yemmuu ardii tokkorraa gara biraatti geeffamu kun yeroo jalqabaadha jedha.

Hamaaketa 7,000 addunyaa keessatti argamani keessa harki caalaan Afrikaa Kibbaa, Namiibiyaafi Bootsiwaanaa keessatti argamu. Bineensi kun Indiyaa keessatti lakkoofsi isaani kan hir’chuu eegale bara 1900 yoo ta’u, yeroo dhumaaf kan argamuun isaani gabaafame bara 1967-68 gidduuttidha.

Bineensota kana deebisanii mana keennuuf bulchiinsa Madayaa Piraadesh fi Rajastaan keessatti bakki kunuunsa bineensota bosonaa lamaafi paarkiin biyyaalessaa tokko filatamuu Dr Jahaala himaniiru.

Bara 1950 irraa eegalee Indiyaan bineensonni kun biyyattii keessa akka jirratan goochuuf yaalaa turteetti.

Bara 1970 tti hamaaketa 300 Iraan keessa turan irraa muraasa Indiyaatti fiduuf yaalamuus, hogganaan Shaah aangoo irra kufee waligalteen gaggeeffamaa ture hafera.

Bineensa bosonaa bakka tokkoorra gara biraatti geessuuf yeroo hunda sodaa balaa qaba. Garuu wanta hojjirra oolee hin beekne miti. Bara 2017tti hamaaketi bara 1980’n keessa biyyattii keessa badanii turan Maalawiitti geeffamaniiru. Amma lakkoofsi isaani 24 ga’eera.

Oggeesoonni akka jedhanitti, gaarummaan isaa hamaaketi bineensa salphaatti nannoo haraatti baruu danda’an ta’uu isaaniti jedhu.

Ta’us garuu ogeessoonni kunuunsa bineensota Indiyaa beekamuu yaada kana guutummaatti hin simanne.

Hamaaketa

Madda suuraa, CHARL SENEKAL

Hamaakeeti bakka jireenyaa bal’ina 5,000 fi 10,000 sq km gidduu qabu keessa jiraachuu qaba jedhu.

Oggeessi kununsaa bineensotaa Indiyaa Dr K Ulhaas Karant akka jedhanitti, bakki jireenya amma bineensota kanaaf qophaa’an kunneen “nama, sareefi qeerransa” irraa bilisa ta’uu qabu, akkasumas bineensoti hamaaketi kunneen adamasuu danda’an ga’aan jiraachuu qabu. Bakki jireenya hamaaketaa durii sababa dhibbaa lafaan dhiphaachaa jira jedhu.

“Karoorri bineensotaaf bakka jireenyaa haaraa kennuu hamaaketi lakkoofsi isaanii bosonaa keessatti akka dabalan taasisuf. Callisanii paarkii wayii keessatti isaan gatuun hin fayyadu. Kun hojii hin milkoofnedha,” jedhu.

Ogeessooti bineensota bosonaa akka Dr Jahaala garuu hojii bineensota kana deebisuuf gaggeefamuun gammadoodha. “Bakka haara tokkotti geessuuf yoo xiqqaate bineensotni 20 ni barbaachisu,” jedha. “Waggooti shanan dhufan keessatti hamaaketa 40 gara biyyattitti fiduuf yaadna.”