Koronaavaayiras: Tibbana Oromiyaa keessatti Covid-19 maaliif hammaate?

Hospitaala Galma Barkumee Finfinneetti ogeeyyiin wayita reeffa nama Covid-19n du'e maran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hospitaala Galma Barkumee Finfinneetti ogeeyyiin wayita reeffa nama Covid-19n du'e maran
Maxxanfame

Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota dhibee Covid-19n qabamanii fi du'anii olaanaan amma dura kan galmaa'aa ture magaalaa Finfinnee keessatti ture. Tibbana garuu naannoo Oromiyaa keessatti lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabamanii fi du'anii olaanaan galmaa'aa jira.

Wiixata darbe namoota 36 akka biyyaatti vaayirasichaan du'an keessaa 18 naannoo Oromiyaa irraa yoo ta'u, Kibxata ammoo namoota dhukkubichaan du'an 40 keessaa 13 naannoo Oromiyaa irraa ta'uun gabaafameera.

Lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabamanii, kan haalaan dhukkubsatanii fi kan du'anii wal faana dachaa 20-25'in dabalaa jiraachuu hogganaan biiroo fayyaa naannichaa Dr Mangistuu Baqqalaa BBC'tti himaniiru.

Haala amma dura tureen yoo madaallu lakkoofsi namoota qabamanii, kan haalaan dhukkubsatanii fi kan du'anii walitti fufiinsaan dabalaa jira jedhan.

Mallattoon amma mul'achaa jiru iddoo isaatitti hin dhaabnu taanaan, balaan kana caalu mudachuu danda'a waan ta'eef "sadarkaa hawaasaatti of-eeggannoo barbaada" jedhan.

Sababa tibbana vaayirasichi Oromiyaa keessatti hammaachaa jiruuf 'sana kana jechuun ni rakkisa' jedhu aanga'aan kun.

"Taatee tibba kanaati jennee fudhachuun baay'ee ulfaataadha. Haata'u malee bakka namni walitti qabametti namni argame nama biraatti dabarsaa deema," jedhan.

Itti dabaluunis miira abdii kutannaa namoota keessa jiru akka sababaatti kaasu.

"Namni tooftaa fi meeshaa ittiin of eeggatu dhabee osoo hin taane, dhuguma yoon kana godhe vaayirasicharraa of eeguu nan danda'aa shakkiin jedhu waan jiruuf, iddoodhuma of eeguu danda'utti abdii kutuun ni jira," jedhan.

'Deeltaa' akaakuu vaayirasii haaraa

Akaakuun vaayirasii Koronaa 'Delta Variant' jedhamu Itoophiyaa seenuun erga gabaafamee bubbuleera. Sababni lakkoofsi namoota dhukkubsatanii fi du'anii dabalaa jiruuf tokko akaakuun haaraan kun babal'achuu isaa ta'uu akka hin oolle shakkiin jira.

Akaakuun vaayirasii kanaa biyyattii seenuun mirkanaa'uu kan himan Dr Mangistuun, namni qabamaa jiruu fi du'aa jiru marti garuu akaakuu vaayirasii haaraa kanaan qabamee du'aa jira jechuun rakkisaadha jedhan.

Saffisni akaakuun vaayirasii kun ittiin walgahu olaanaadha kan jedhan aanga'aan kun, mallattoon vaayirasichi agarsiisus kan kana duraarra adda ta'uu himu.

"Kana dura dhawaata dhawaataan oksijiinii dhiiga keessa jiru xiqqeessaa deemee ajjeesa ture. Kan ammaa odoo oksijiiniin gadi hin bu'iin, mallattoon isaatuu Covid ta'uu osoo hin baramiin nama ajjeesaa jira," jedhan.

Kanarraa ka'uun akaakuun vaayirasii haaraa kun babal'achuu tilmaamuun danda'amus, nama meeqatu akaakuu vaayirasii haaraa kanaan du'aa jira kan jedhu adda baasuun ulfaataa ta'uu himan.

To'achuuf maaltu hojjetamaa jira?

Itoophiyaan sadarkaa biyyaatti weerara dhukkuba Covid-19 to'achuuf yeroo gara garaa qajeelfamawwan baasaa turtus, sirnaan raawwachiisaa hin turre.

Seericha raawwachiisuu dhabuun rakkoo miti jedhu Dr Mangistuu Baqqalaa.

Seericha haala qabamatamaa biyya keenyaan hojiirra oolchuun rakkisaadha kan jedhan aanga'aan kun, akka fakkeenyaatti rakkoon geejjiba jabaan osoo jiru, konkolaattonni namoota xiqqeessanii akka fe'an gochuun rakkoo uuma jedhan.

Namoonni waa'ee dhukkubichaa hubannoo waan horataniif akka nama dhunfaatti of-eeggannii gochuun caalaatti bu'a qabeessa ta'uu akka danda'u himu.

Gama kaaniin talaallii fudhachuun barbaachisaa ta'uu himan.

Amma dura sadarkaa Oromiyaatti namoonni miliyoona 1 fi 400,000 talaallii fudhachuu kan himan Dr Mangistuun, amma dura namni sababa talaallii fudhateef rakkoon fayyaa isa mudate akka hin jirre himan.

Uummanni hubannoo dogoggoraa talaallii fudhachuu waliin wal qabatee jiru sirreessee talaallii akka fudhatu hojjechaa jiraachuus himan.

Oromiyaa keessa hospitaalonni yaala Covid-19 qofaaf adda baafaman sadi kan jiran yoo ta'u, dabalataan hospitaalota biroo 40 keessatti yaaliin dhukkubichaa ni kennama.