Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni murtii Idil-addunyaa (ICJ)n himata daangaa galaanaa Keeniyaan Somaaliyaarratti dhiyeessite kuffise
Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) kan qaama UN ta'e, dhibdee daangaa galaana Hindii yeroo dheeraaf Keeniyaa fi Somaaliyaa gidduu ture ilaalchisuun murtee kenneen, yaada gama Somaaliyaaf bakka guddaa kennuun murteesse.
Keeniyaan kanaan dura dhimma kanarratti adeemsi mana murtichaa haqa hin qabu jechuun, murtee darbus akka hin fudhanne ibsitee turte.
Haaluma kanaan murtee mana murtichaa kuffisteetti.
Bakkki biyyoonni lameen irratti waldhaban kun galaana Hindii keessatti lafa bal'ina iskuweer kiilomeetirii 100,000 kan ta'uudha.
Iddoon madda waldhibdee galaana keessatti argamu kunis boba'aa fi zayitaan kan badhaadhee ta'utu himama.
Sababa wadhibdee kanaatiin biyyoota lameen gidduutti atakaaroon uumamee ture kanaatiin walqabatees, hariiroon dippiloomaasii isaanii akka laafu taasiseera.
Waggoota kurnan afran darabniif Keeniyaan bakki biyyoonni lameen itti waldaangessan kun garba Hindii keessatti ta'uu himaa turte.
Yeroo ammaa daangaa Keeniyaa karaa Bahaan dalga Garba Hindii keessa baayyee dheeratee argama, biyyattiin kun akka kabajamuuf falmatti.
Somaaliyaan gamasheetiin daangaan ishee garba Hindii keessa jiru akkaatuma kan dachee bishaan irra hin jirreetti kallattiidhaan gara Kibba Bahaatti sararamuu qaba jechuun mana murtiitti falmaa turte.
Gareen abbootii seeraa 14 The Hague keessa jiran, Somaaliyaan daangaan waldhibdee kun kan Keeniyaa ta'uu waliigaltee turuusheef ragaa dhugoomsu Keeniyaan hin dhiyeessine jedhan.
Bakkasaas daangaa iddoo waldhibdee sana kan bakka lamatti qoodu sararan haaraa sararan jedhan.
Garuu Keeniyaan amma murtee darbe kana fudhachuu waan diddeef itti aanee waan dhufu beekuun rakkisaadha.
Manni murtii kunis malli ittiin murteesaa kan hojiirra ittiin oolchu hin qabu.