Iddoo oomisha wayinii umrii waggaa1,500 lakkofsise Israa’elitti argame

Madda suuraa, Rooyitars
Iddoon oomisha dhugaatii wayinii umrii ganna 1,500 lakkoofsise fi addunyaarratti barasanatti guddaadha jedhame Israa’elitti argamuu arkiyoolojistoonni himan.
Iddoon dhugaatiin aalkolii itti oomishamu bara Bizantaayinitti kan beekamu guddichi Yavinii, Kibba Telaliivitti argame.
Bakka sanatti waggaa tokko keessatti dhugaatii alkoolii wayinii liitira miliyoona lama ta’utu oomishama jedhamee tilmaame.
Adeemsi oomisha dhugaati guddichaa akkuma dhufeen, dhugaatiin wayinii kun naannoo Meditiraniyaanitti ergamu ta’e.
Namoonni iddoo oomisha wayinii guddaa kana argan dinqamaniiru.
Iddoo oomisha wayinii kana baraaruun wayita xumurame dawwaattootaaf banaa gochuuf yaadameera.
Iddoo oomisha wayinii kun bakka dhugaatiin wayiniirraa itti qopha’u gurguddaa shan kan qabu yoo ta’u, lafa kiloometir iskuurii tokkorra faca’ee jira.

Madda suuraa, Reuters
Dhugaatiiwwan kun ubboo(gaanii)tti kan kuufamu yoo ta’u, man-kuusa itti kaa’amu qaba ture.
Dhugaatiin wayinii kuni oomshni isaa wayita xumuramu Gaazaa fi Ashkiloon jedhama, maqaaa kana buufalee doonii keessa darburraa kan argate yoo ta’u gara Awurooppaa, Kaaba Afrikaafi Eeshiyaatti ergamaa ture.
Dhugaatiin wayinii kun qulqullina qaburra ka’uun naannoo Meeditiraaniyaanitti beekama.
Daarektara iddoo wayinii kana qochisiisan keessa tokko kan ta’e Joon Seligmaan, ’’qabiyyee soorataa guddaa kan qabuufi bishaan yeroo faalamaa turetti dhugaati nama hin miine’’jedhan.













