Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kaalifoorniyaatti qunnamtii saalaa gidduutti kondomii ofirraa baasuun seeraan dhorkame
Maxine Doogan waggaa 30n dura daldaltuu qunnamtii saalaa tahuun hojii eegaltee, ji'oota muraasa keessatti ulfoofte.
Mana maasaajii (dhidhiibbaa) Anchorage, Alaaskaatti wayita hojjechaa turtetti, gaaf tokko maamilashee haaraa wajjin qunnamtii wayita gochaa turtetti, gidduutti namtichi otoo hin beeksisiin kondomii ofirraa baase. Naasuun gara mana dhiqannaa fiigde. Wayita dhiqattee deebitu, namtichi sokkeera.
Mana yaalaa dhiyeenyatti argamutti deemuun qorannoo taasisteen dhukkuboota qunnamtii saalaan daddarbanirraa bilisa tahuu dhageesse, kanaanis uumaashee galateeffatte.
Achii garuu torban jahaan booda ulfa ofirraa baasifte. Maallaqa kanaaf baafte cinaatti, ji'a tokkoof hojiitti deebiyuu hin dandeenye ture.
Wanta namtichi kun raawwate dogoggora tahus, seeraan garuu wanta dhorkame hin turre.
Amma garuu bulchiinsa Ameerikaa tokko keessa kun dhorkaadha. Torbee dabre keessa bulchaan Kaalifoorniyaa Gavin Newsom seera kana raggaasan.
Seerri kun waliigaltee jara lameen alatti qunnamtii gidduu kondomii baafachuu dhorka - gochaan kun afaan Ingiliiziin "stealthing" jedhama.
Bulchiinsa kanatti seerri haaraa bahe kun seera haleellaa saalaa keessatti kan makame oggaa tahu, kutaalee biyyaa Ameerikaa keessaa Kaalifoorniyaa, gochaa kana seeraan ala gochuun ishee jalqabaa taasisa.
''Gochaa kana safuu waan cabsu qofaa akka tahu hin barbaanne, seeraan ala akka tahus goone,'' jedhan miseensi mana maree Kaalifoorniyaa seera kana dhiyeessan Kiristinaa Gaarsiyaa.
Seerri haaraan ragga'e kun seera siviilii kan jijjiiru oggaa tahu, mormii tokko malee ragga'e. Miidhamtoonni gochaa kanaa, namoota kana raawwatan miidhaa irra gaheef himachuu kan danda'an oggaa tahu, himata yakkaa garuu banuu hin danda'an.
Aadde Gaarsiyaan ''Akkan yaadutti dhimmi kun seera yakkaa keessa galuu qaba,'' jechuun BBCtti himan. ''Waliigalteen cabnaan, kuni hiikkaa gudeeddii yookaan miidhaa saalaa mitii?'' jechuunis gaafatu.
Akka qorannoon agarsiisutti gochaan ''stealthing'' jedhamu kun kan garmalee irra deddeebiin raawwatudha.
Waraqaan qorannoo 2019tti ''National Library of Medicine' gubbaatti maxxanfame waan himu, dubartoonni umuriin isaanii 21 haga 30 gidduu jiran keessaa harki 12 gochaan 'stealthing' yookaan qunnamtii gidduutti dhoksaan kondomii ufirraa baasuun isaan mudateera jedha.
Baruma sanatti qorannoo Yunivarsitii biyya Awustiraaliyaa Monash'tti gaggeeffame, dubartoota sadii keessaa tokko, akkasumas dhiirota dhiira biraa wajjin qunnamtii saalaa raawwatan shan keessaa tokko, taateen kun isaaniirratti raawwatameera jedha.
Ammalele qorannoo dhibiin, dhiirota keessaa %10 wayita qunnamtii saalaa keessaa waliigaltee malee kondomii ufirraa baasuu himan.
Qorannoo tokko keessatti waan himame keessaa: barreessaan intarneeta gubbaa dhimma stealthing barreessu tokko, akkamiin dhiironni otoo irratti hin baramin kondomii ufirraa baasuu akka danda'an gorsa. Websaayitiin isaa kun amma uggurameera.
Barreeffamoota keessaa: ''Hojiin dubartii miilashee gargar banuudha. Mirgi dhiiraa mmoo sanyiisaa facaasuudha,'' kan jedhan faa keessatti argamu turan.