Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaan Kaabaa misaa'eela haayipparsoonik saffisaadha jette furguggisuu himte
Kooriyaan Kaabaa guyyaa Kibxataa misaa'elii haaraa hayipparsonikii 'Hwasong-8' jedhamuun beekamu haala milkaa'een yaaliidhaaf dhukaasuu beeksiifte.
Miidiyaan sabaa himaa mootummaa akka beeksisetti, misaa'eliin haaraan kunis karoorawwan misooma loltummaa waggoota shaniif akka meeshaalee ''baayyee barbaachisan shaniitti'' tarreeffaman keessaa tokkodha.
Misaa'eelii haaraa kanaanis ''meeshaa tarsimowaa' jedhaniiniiru. Kana jechuunis misaa'eliin kun dandeettii meeshaa waraanaa nikulaaraa baachuu qaba jechuudha.
Yaaliin dhukaasa misaa'eelaa guyyaa Kibxataa raawwatame kunis, biyyattii osoo qoqqobbii cimaa jala jirtuu meeshaa waraanaa guddifachaa dhufuu kan agarsiisudha jedhameera.
Maddi oduu Kooriyaa Kaabaa KCNA akka jedhetti, ''meeshaan waraanaa kun omishamuunisaa... dandeettiin of ittisuu biyyattii kallattii hundaan dabalaeera.''
Yaalii Kibxataa kana waliin biyyattiin baatii kana keessa qofa yaaliiwwan misaa'elii sadii gaggeessitee jirti. Kana dura ammoo misaa'eeli kiruzii haaraa fi sirna misaa'eela baalistikii baabura irraa dhukaafamu haaraa ifa taasifte jirti.
Misaa'eelli haaraan maaliidha?
Misaa'eliin hayipparsoniik misaa'eloota baayyee saffisaa ta'udhaan kan beekaman yoo ta'u, sirnoota ittisa misaa'eelaatiin fashaleessuun baayyee ulfaataa taasisa.
Miseensi gameessi 'Carnegie Endowment for International Peace' ta'an Antiik Paawundaa tibba kanatti 'dandeettii misaa'elichaa sirrii' ta'e tilmaamuun ulfaataadha jedhu.
Haata'u malee ammoo ''maloota ittisa misaa'elii baalistiikiif rakkisaa ta'uu ni danda'a,'' jechuun ibsaniiru.
Dureewwan Gamtaa Kooriyaa Kibbaa garuu misaa'eliin haaraan kun ganaa sadarkaa misoomaa irratti kan argamudha jedhu. Hojiirra hanga oolfamuuf qophaa'uuttis yeroo dheeraa kan fudhatu ta'uu himu.
Itti dabaluunis, Kooriyaan Kibbaa fi Ameerikaan lamaanuu ammaan tanatti misaa'elii kana adda baasuufi fashaleessuu ni danda'u jedhan.
Waa'ee sagantaa meeshaa waraanaa Koriyaa Kaabaa maaltu beekama?
Yaaliiwwan Kooriyaan Kaabaa dhiheenya kana keessa raawwataa jirtu irraa sagantaan meeshaa waraanaa biyyattii guddataa jiraachuu mul'isa.
Yaalii kaleessaatiin boodas ergamaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Soongi mirga meeshaa waraanaa omishuu biyyattii deeggaruun haasaa taasisaniiru.
Haasaa ergamaan kun yaa'ii waliigalaa waggaa UN Niiw Yoork irratti taasisaniin, ''biyyattiin ofiishee ittisuufi haala amansiisaa ta'een nageenyaashee eeggachuuf'' ittisa biyyaaleesaa ijaaraataa jirti jedhan.
Kooriyaan Kaabaa sochiilee loltummaa irratti Kooriyaan Kibbaa amaloota adda addaa agarsiisaa jirti jechuun irra deddebiin himataa jirti.
Kooriyaan Kibbaas dhiheenya kana 'dubbi barbaacha' Kooriyaa Kaabaa ofiirra ittisuuf jechuun, miisaa'ela baalaastikii doonii galaana jala galuu kan jalqabaa yaaltee jirti.
Ameerikaan gama isheetiin Kooriyaan Kaabaa niikuleera omishuu akka dhaabduuf kan gaaffattee turte yoo ta'u, walitti dhufeenyi biyyattii bulchiinsa pirezidaanti Joo Baayidan waliin qabdu kan muddamaan guutameedha.
Jaappaanii fi Kooriyaa Kaabaa jidduus maddamatu jira.
Baatii darbee keessa Motummoota Gamtoomaniitti Eejansiin Atomikii akka beeksisetti, Kooriyaan Kaabaa bakka gabbisa meeshaalee waraanaa nikulaaraa pilutoniiyeemii ''baayyee yaaddeessaa'' jedheen deebiiftee eegalaa jiraachuu beeksiise ture.