'Sarvarii guddaa akka biyyaatti kan jalqabaa ta'u hojii jalqabsiisuuf'- Abdiisaa Baancaa

Madda suuraa, Abdiisaa Baancaa
Biyya keenyatti 'Pilaaneetii Teeknolojii haaraa ' uumuuf hojjechaa jirra, Ogeessa ICT Abdiisaa Bancaa.
Godina Arsii Lixaa Nansabootti kan dhalate dargaggoo Abdiisaa Bancaa Jaarraa, Yunvarsiitii Haramaayaa irraa ogummaa Teeknoolojii odeeffannoo fi qunnamtiitiin (ICT) eebbifame.
Bara 2006 erga dhaabbata 'oroict.com' hundeessees hojiiwwan teeknolojiidhaan walqabatan hedduu hojjechaa ture.
Dargaggoo Abdiisaan hojiilee gama kanaan hojjechaa turee fi waan gara fuuladuraatti milkeessuuf hojjechaa jiru irratti BBC waliin turtii taasiseera.
Erga dhaabbata teeknolojii kana hundeessee gama teeknolojiitiin waan hawaasaa fi biyya fayyadan irrattin fuullefadhee hojjechaa ture jedha.
"Hojiiwwan akka dhuunfaattis ta'e gareedhaan hojjenne hedduudha. Isaan keessaa tokko dhimma guddina Afaan Oromooti.
Yeroo ammaa kana Afaan Oromoo afaan Facebook, Google, Telegram, Instagram akka ta'uuf hojiilee hedduu hojjenne. Hojii kana gareedhaan hayyoota biyya keessaafi ala jiran wajjiin kan hojjenne," jedha.
"Bara 2016 dhaabbanni Facebook Afaanota gurguddoo addunyaa hedduudhaan tajaajila kennuu jalqabuu akkuma dhageenyeen guddummaa afaan keenyaa agarsiisuuf websaayitii Afaan Oromoo akka banamu goone. Lammaffaan dhaabbaticharraa akka afaan hojiitti akka heyyama argatu gochuudha," jedha.
Dhaabbanni Facebook Afaan Oromootin erga heyyameen booda jechoota Facebook fayyadamu gara Afaan Oromootti naamoota hiikan keessaa tokkodha Abdiisaan.
Dhaabbanni isaa oroict.com ammoo hojii kana qindeessuudhaan milkeessuuf tumsuus hima.
"OroICT'n bara 2018 akka dhaabbataatti kan hundaa'e. Software adda addaa nihojjenna. Website dhaabbilee adda addaatif ni banna. Sarvara dhaabbileen daataa itti kuufatanis hojjennee dhiheessina," jedha.
Yeroo ammaa kanammoo 'Google Translation' irratti Afaan Oromootin tajaajilli akka jalqabuuf hiikaa jechootaa ogeessota Afaanii waliin ta'uun hojjechaa jiraachuus hima.

Madda suuraa, Google Maps
Fuuladuratti dhaabbata isaanii kana gara 'ZHorn ICT solution' tti guddisuun dhihootti sarvarii guddaa akka biyyaatti kan jalqabaa ta'u hojii jalqabsiisuuf akka jiranis himeera.
"Amma hojiin keenya tajaajiloota teeknolojii addunyaan ittiin jijjiiramtee fi siyaas-dinagdee isaanii ittiin jijjiiran biyya keenyatti hojiirra oolchuudha. Adeemsa bittaa fi gurgurtaa fi dhiheessii manaa manaa karaa teeknolojiidhaan deeggarameen hojiirra oolchuuf jirra," jedha Abdiisaan.
Hojiilee inni tibbana irrati hojjechaa jiruu fi karaa miidiyaa hawaasummaatin dadammaqsaa jiru dhimma 'Google Maps'ti.
Google Maps teeknolojii maqaa fi iddoo magaalotaa akkasumas dhaabbilee adda addaa karaa interneetiitiin bakka argama isaa ittiin baranidha.
"Hojii kuni waan lama ofkeessaa qaba. Inni tokko bakkeewwan Oromiyaa keessa jiran hundi Google Map irratti akka galmaa'anii fi beekaman gochuudha. Inni lammataa ammoo magaalota Google Map irratti maqaa sirrii hin taanen galmaa'an jijjiirudha," jedha.
Maqaa magaalotaa maqaa isaanii ganamaaatiin Google Maps irratti hin galmoofne kanneen akka Asebe Teferi, Nazret, Debrezeit fi warra kana fakkaatan dhaabbatichatti gabaasuun akka jijjiraman gochuufis hojjechaa jira.
"Maqoota kana jijjiiruun adeemsa qaba. Namni baayyeen maqaan kuni dogoggora jedhee dhaabbatichatti gabaasuu gaafata. Kanaaf hubannoo uumaa jirra. Yeroo namni hedduun gabaasu dhaabbatichi akka ilaalee sirreessuuf gargaara," jedha.
Iddoowwan haaraa galmeessuun garuu adeemsa dheeraa akkasii waan hin qabneef namoonni iddoo jireenya isaanii, dhaabbilee isaanii google map irratti galmeessaa deemuun faayidaa guddaa akka qabu hima.
"Amma namni miidiyaa hawaasummaa fayyadamu FINFINNEE tag akka godhan namoota kakaasaa jirra. Hammuma namni hedduun maqaa Finfinnee jedhu fayyadaman sistamiin galmeessaa deema. Hammuma namni fayyadamu jechi kuni Google irratti bahaa deema," jedha.
Mul'ata gara fuuladuraa…
Hojiilee teeknolojii irratti amma hojjechaa jiru cimsuu fi guddisuudhaan gara fuuladuraatti Giddugala teeknolojii dargaggoonni irraa fayyadaman qabaachuuf akka hojjetu hima Abdiisaan.
"Galmi kiyya pilaaneetii teeknolojii biyya kana keessatti uumuudha. Kuni abjuu kiyya yeroo dheeraati. Karaa dheeraas deemeera. Waan hawwaa ture kana yeroon itti arginu fagoo miti," jechuun dubbata.















