'Naayijeeriyaatti bara kana barattoonni 1, 400 butaman, 16 ajjeefaman' - UNICEF

Maxxanfame

Naayijeeriyaa keessatti bara kana keessa manneen barnootaa 20 ta'an haleelamanii barattootni 1,400 ol butamuu san keessaa 16 ajjeefamuu UNICEF beeksise.

UN ibsa Roobii baaseen sababa haleellaa fi buttaa barattootaa Naajiyeeriyaa keessatti hammaateen barattootni miiliyoona tokko ta'an manneen barnootaa dhaquurraa hafuu maluu jedhe.

Bara kana keessa qofa manneen barnootaa haleeluun barattoota erga butanii booda beenyaa maallaqaa fi gosa biraa hedduu gaafachuun biyyattii keessatti daran hammaatee ture.

Kaaba Lixaa fi gidduugaleessa Naayijeeriyaa keessatti jalqaba bara kanaarraa eegalee hidhattootni barattoota kuma tokkoo ol butanii kan jiran yeroo ta'u hedduun isaanii ammallee to'annoo hidhattootaa jala jiru.

Bulchiinsotni Naayijeeriyaa rakkoon kun itti hammaate gariin manneen barnootaa yeroodhaaf cufaniiru.

Manneen barnootaa ji'a kana yeroo itti deebi'anii banaman ta'us UNICEF garuu sodaa buttaa kanarraa kan ka'e daa'imman miiliyoona tokko ta'an manneen barnootaan gargar bahuu malu jedheera.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dameen misooma daa'immanirratti hojjetu kun bara kana qofa Naayijeeriyaa keesatti manneen barnootaa 20 ol ta'an haleelamanii bartootni 1,400 ta'an butamaniiru kana keessaa 16 ajjeefamaniiru jedha.

Maatiin hedduunis daa'imman barnootatti erguuf yaaddoo keessa galaniiru jedhe.

Daa'imman 300 ol ta'an ammallee harka hidhattootaa kan jiran yoo ta'u, gariin isaanii ji'oota lamaa oliif bakki jiran hin beekamne.

Kanneen butaman keessa daa'iimman ganna lamaallee jiru.

Hadiiz Hashiim haadha ijoollee shanii yeroo taatu Waxabajjii 30 mana marnootaa Islaamaa keessaa barattootni 134 ta'an hidhattootaan yeroo butaman daa'imman ishee shan waliin turan.

Ijoollee shanaan maatii tokkoo keessaa Waalidiifi Rahaamaan umriin isaanii ganna lamaafi sadii qofa ture.

Miilaan deemuuf daa'imman rakkatan waan ta'aniif booda gadhiifamaniiru. Ijoolleen ishee sadan hafan garuu harka hidhattootaa jiru.

''Daa'ima koo ganna lamaa hidhataan harkaa meeshaa qabu baatee osoo jiruun arge. Ilmi koo inni biraan ana haadhasaatti boohaa turetti akka callisu iyyaa ture. Homaa gochuufi hin dandeenye'' jechuun Hashiim Waxabajjii darbe BBC'tti himtee ture.

Amma daa'imman ishee fi kan biroon gadhiifamuu fi dhiisuu BBC'n hin qulqulleeffanne.

Buttootni kun daa'imman 132 mana barnootaa sanii butan deebisuuf walumatti qarshii doolaara kuma 100,000 ta'u gaafatan.

Matiifi barsiisonni maallaqa gaafatame walitti qabuuf yaalanis waan milkaahan hin fakkaatu. Miindaan barsiisotaallee waggaatti doolaara 400 hin caalu.

Maatiin sooreyyii konkolaataafi mana osoo hin hafiin gurguruun daa'imman isaanii yeroo deebisiifatan ilmaan hiyyeessaa harka hidhattootaatti dagatamu jetti Hashiim.