Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaan mana barumsaa intalasaarraa hayyama maatii malee rifeensa irraa mure dolaara mil. 1n himate
Abbaan intala umurii waggaa torbaa, barsiisaan tokko hayyama maatii malee rifeensa inatala isaarraa muruu isaatiif mana barumsichaafi hojjettoota lamarratti himata dolaara miliyoona 1 bane.
Himannaan abbaa mucayyoo Aab Jiimii Hofmeeyer akka jedhutti, mirgi heeraan intala isaatiif kenname sarbameera.
Namni kun intala isaa sanyii makaa qabdu kana mana barumsaa sana keessaa baaseera.
Qorannoon manni barumsichaa Adoolessa keessa gaggeesse akka agarsiisutti, barsiistuun kun gocha kana raawwattullee loogii sanyummaarratti hundaa'erraa ka'uun garuu miti jedhee ture.
Yeroo sana ceephoo buufattee garuu mana barumsaa Maawont Piliizaant keessatti argamu Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Gaaniyaard jedhamu kanatti hojiishee akka itti fuftu hayyamameef ture.
Aab Jiimii Hofmeyeer Ebla darbe Asoosheetid Pireesitti akka dubbatetti, intalli isaa maqan ishee Jurnee jedhamtu guyyaa tokko mataashee gamtokkoon rifeensi irraa muramee mana barumsaatii galte. Namni ishee waliin daree tokko baratu maqasiidhaan awutoobusii keessatti rifeensashee luuccaa dheeraa ta'e jalaa mureera jedhe.
Guyyaa lamaan booda ammoo, Jurneen rifeensi mataashee gama biroon irraa dhumee mana barumsaatii galte. Inni lammataa uumamuun dura daa'ima kana mana rifeensaa geessuun isa dura walcaale walqixxeessuuf yaalamee ture.
Aab Jiimii Hofmeyeer akka jedhutti ijoollee birooti irraa kute se'ee ture garuu Jurneen akka isatti himtetti barsiisaa tokkottu akkas godhe. ''Barsiistuun sun walqixxeessuuf kutte," jechuun APtti hime.
Himannaan kun mana murtii federaalaa lixa Michigaan keessatti Mana Barumsaa Ummataa Maawont Piliizant, akkasumas hojjetoota lama irratti agarsiisa gabaasnivMLive.com baase.
Himannaan baname kunis mirgoota daa'ima heeraan kennameef cabsuun, loogii sanyummaarratti hundaa'e, sababa sabummaasheetiin salphisuu, akkasumas ta'e jechuun hamileeshee miidhuu kan jedhudha.
Manni barumsichaa, "hojjettoota isaa sirriitti leenjisuu, qajeelchuufi to'achuu dhabuu isaatiin, akkasumas sababa hanqina leenjiirraa, adeemsa hojii wallaaluun, imaammatawwan jiran hubachuu dhabuufi naamusa dhabuurraa kan ka'een akka kana hojjetan osoo beekuu dhiisuun ykn beekuun osoo irra jiraatuu wallaaluun itti gaafatama," jedha himatichi.
Gama himatamaatiin deebiin seeraa hin kennamiin kan jiru yoo ta'u, mana barumsichaarraa yaadni ifa ta'e hin jiru.