Godina Wallagga Lixaa Aanaa Mana Sibuutti bakakkaan ijoollee jaha muka jalatti ajjeese

Maxxanfame

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Mana Sibuu ganda Gomboo Qilxuu Jaaletti bakakkaan qe'ee tokko keessa ijoolle jaha ta'an ajjeesuu jiraattonni dubbatan.

Balaan kuni gaafa Wiixataa mudatuufi ijoolleen du'an umriin isaanii 12 fi 14 keessa kan jiran ta'uu jiraataan gandichaafi bakka balaan dhaqqabe arguu kan himan Obbo Oljirraa Dibaar BBC'tti himaniiru.

Kanneen balaa kanaan maatii isaanii keessaa nama of biraa dhabuu himan keessaa tokko Obbo Qananiidha.

''Quxisuukoo mucaa ishee dhumaa. Ijoolleen biraa baratanii iddoo adda addaa deemaniiru. Jaarsaafi jaartii bira kan jiru ishee qofaadha. Waggaa kudha afuri. Kutaa torbaffaa baratti,'' jechuun gadda taa'aa akka jiran himan.

Gaafa balaan mudate roobni cimaan roobaa akka hin jirre garuu qaqawweessaa akka ture maanguddoon dubbisne Obbo Oljirraan ni himu.

Jiraataafi namni maatii isaanii dhaban kunneen akka jedhanitti ijoolleen kunneen osoo baargamoo dhaabuu deemaa jiraniiti balaan kuni kan isaan qunname.

''Lafa baargamoo dhaaban gahuuf osoo deemanii bokkaan itti roobe. Gaafa bokkaan roobe muka damee qabu jala baqatanii seenani. Achitti rukute,'' jechuun Obbo Oljirraan himan.

''Namni shan shamarranidha. Namni tokko dhiira. Umriin isaanii walfakkaataadha. Waggaa 12 fi 14 gidduu jiru.''

''Akaakayyuun isaanii akaakileen isaanii tokkuma'' jechuun ijoolleen du'an firummaa akka qaban jaarsi kuni ni himu.

Owwaalchi ijoollee kanaa gaafa Kibxataa raawwateera. Wanti ta'e 'ummata rifaasisuullee' jiraattonni kunneen himaniiru.

''Mana lama keessaa ijoollee lama lamaan kan sanduuqa tokkotti awwaalaman jiru,'' jechuun walumaagala ijoolleen jaha sanduuqa afuriin waldaa tokkotti awwaalamuu Obbo Oljirraan dubbatan.

Akka maanguddoon kun jedhanitti bakka isaan jiraatanitti bakakkaan darbee darbee nama ajjeesuus namoota hammanaa garuu yoo ajjeesu kuni kan duraati.

''Darbee darbee hin bu'a. Yoo bu'es nama tokko yookiin horii miidha malee jumlaatti lubbuu hamma kanaa iddoo tokkotti rukutee takkaa dhageenyee hin beeknu.''

'Waaqayyootu itti beeke'

Bakkeewwan Oromiyaa garaa garaatti bakakkaan gaafa nama ajjeese, ni galaafate hin jedhamu. Inumaa 'gammachuutu' ibsama jedhu jiraattonni.

Isaan biratti waan jedhamu kan gaafanne Obbo Oljirraan, gaafa bakakkaan nama ajjeese 'baga' jedhama jechuun dubbatan.

''Bakakkaan hojii Waaqayyooti jedha (hawaasni). Namni yoo maatiin du'es baga jedha afaaniin. Naannoo keenyatti yeroo waan akkasii ta'u Waaqayyootu itti beeke, Waaqayyootu itti gammade jedhu.''

''Waaqayyootu godhe jechuuf jedhaniiti akka Waaqayyoon hin mufachiifneef jecha baga jedhu,'' jechuun dubbatan.

Haa ta'u malee, dhaloottni amma jiru kana hin beeku ni boo'u jechuun BBC'tti himan.

Kana dura Magaalaa Garba Gurraachaa irraa kan dubbifne Obbo Amdee Abarraas naannoo isaanittis bakkakkaan yeroo balaa geessisu hin komatamu, dheekkamsa waaqaati jedhamee fudhatama jedhan.

"Yoo bakakkaan nama miidhe 'isaa baga' jedhan. Safuu qaba ni sodaatama. Yoo komatan akka waan namatti deebi'uutti ilaalama.

"Waaqatu gadhiise jedhamee waan amanamuuf safuu qaba. Afaanumattuu yeroo dubbatan safeeffachaa sodaachaa dubbatu," jedhan.

Saayinsiin waa'ee bakakkaa maal jedha?

Ejensii Meetiroolojii biyyaalessaa Itoophiyaatti daayirektara raaga haala qilleensaa kan tahan Aadde Caalii Dabalee, hawaasa keessatti ilaalcha bakakkaan dheekkamsa waaqaati jedhamee fudhatamu kana saayinsiin hin deeggaru jedhu.

"Saayinsiin kan jedhu samii keessatti qilleensi hoo'aa fi qorraan yeroo walitti bu'u anniisaa elektiriikiitu uumama.

''Innis 'negative fi positive' qaba. Kana keessatti kan gara lafaatti gadi dhihaatu annisaa negatiivii waan ta'eef, wantoota dabarsoo elektirikii ta'anitti yoo dhihaatan walqiphu ykn 'discharge' walgodhu" jedhan.

Anniisaan elektiriikii gara wantoota dabarsoo elektiriikii tahaniiti gadi darbatamu kui hoo'insa aduu caalaa kan hanga digrii seelshiyesii kuma 27 waan qabuuf yeroo qilleensa qorraa keessa kutu sagalee guddaa uumas jedhan.

"Hoo'inni duumessa keessaa gadi darbatamu kuni garmalee guddaa waan ta'eef, waan irra bu'e hundumaa sekondii keessatti guba.

''Kanaafuu akkaataan bakakkaan ittiin uumamu amantiidhaan yookan waan biraatiin waan walqabatu hin qabu,'' jedhan Aadde Caaliin.

Balaa bakakkaadhaan dhufurraa ofeeguuf maloota fayyadan yoo himanis, "yeroo bokkaan roobu wantoota dabarsoo elektiriikii ta'anirraa fagaachuu barbaachisa.

''Muka jala dhaabbachuu dhiisuu, bishaan keessas dhaabbachuu dhiisuu, yeroo roobu bakka jiranitti dhaabbachuu caalaa ofirra taa'uunis barbaachisaadha," jedhan.