Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoo Amaaraatti namoota daboon qorattoota ajjeessan 32 irratti murteen darbe
Naannoo Amaaraa Godina Goojjaam Lixaa, aanaa Gonjii Qolalaatti namoota hojii qorannoo gaggeessuuf gara sanatti imalaniirratti haleellaa garee (daboon) raawwachuun ajjeechaa raawwataniifi miidhaa qaqabsiisan irratti murteen darbe.
Himatamtoota dhimmisaanii mana murtee Olaanaa Naannawa Baahir Daariitti ilaalamaa ture 32 kennisa, himatawwan gareedhaan nama ajjeessuu, qaama hir'isuu, yaalii ajjeechaa raawwachuufi qabeenyaa barbadeessuun jedhaniin dhimmisaanii ilaalamaa erga tureen booda Jimaata Hagayya 27, 2021 murteen hidhaa irratti murtaa'e.
Waggoota sadiin dura ALI Onkolooleessa 13, 2011 ture aanicha keessatti haleellaa namoota hojii qoranoo digrii sadaffaatiif Yunvasitii Finfinnee irraa gara sana imalee fi oggeessa fayyaa buufata fayyaa Aanaa Meencaa irratti gareen haleellaa raawwatanii ajjeesan.
Namoota ajjeeffaman kanneen alattis oggeessootta fayyaa biraa sadi irratti ammoo miidhaan qaamaa olaanaan kan qaqabe yoo ta'u, nama tokko irratti ammoo yaalii ajjeechaa raawwachuun, konkolaataa tokko ammqoo gubuun barbadeessanii ture.
Haleellaan garee sunis qorattootaafi hojjattoota fayyaa kanneen irratti kan raawwatame, osoo isaan mana barnootaa Addis Aalam sadarkaa tokkooffaa aanichaatti argamu keessatti saamuda fincaaniifi bobbaa qorannoof isaan barbaachisu barattoota hayyamo ta'an irraa fudhataa jiranu ture.
Yeroo sanattis naannichatti oduun sobaa qorattoonni sun ''qoricha hin beekamneen waraanuun nu jalaa summeessaa jiru, nu jalaa ajjeessuuf'' jedhu maatii ijoollee bira waan gaheef namoonni lakkoofsi isaanii baayyee ta'e gara mana barnootichaa deemuun, miidhaa jedhame sana qaqabsiisuu aanga'oonni naannichaa BBCtti himunsaanii ni yaadatama.
Kana hordofuunis hokkoorri umamee humnootii nageenyaatiin ol ta'udhaan, namoonni gara mana barnootichaa imalan haleellaa uleefi dhakaadhaan oggeessoota kanneen irratti raawwataniin badinsii lubbuufi qabeenyaa qaqabeera.
Dhimmi namoota 32 yakka kana keessatti hirmaataniiru jedhamuun shakkamanii galmee Obbo Malaakuu Ababa jalatti himatamanis manneen murti olaanaa Magaalaa Baahir Daariifi naannawa isheetti ilaalamaa erga turen booda amma murteen irratti kennameera.
Haaluma kanaanis namoonni haleellaa garee kana keessatti hirmaatan 32 haaluma hirmaannaa isaanitiin hidhaa cimaa waggaa tokkoo hanga wagga 20tiin akka adabamaniif itti murtaa'eera.
Kana malees namoonni shan ammoO hirmaannaan isaan haleellaa garee sana keessaa qaban irratti ragaan waan irratti hin dhiyaanneefu dursanii bilisaan gadhiifamu manni murtichaa ibseera.