Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa: Somaalee dabalate iddoowwan filannoon duraan hin gaggeeffaminitti Fulbaana 20 gaggeeffamuuf
Naannoo Somaalee dabalatee bakkeewwan filannoon Waxabajjii 14 itti hingaggeeffamiin hafetti, ALI Fulbaana 20, 2013 akka gaggeeffamuuf murtaa'uu boordiin filannoo biyyaaleessaa Itoophiyaa beeksiise.
Boordichi ibsa toora miidiyaa hawaasaa isaarratti Wiixata baaseen, murteen kun paartiilee siyaasaa naannoolee kanneenii waliin erga taasifameen booda kan irra gahame jedheera.
Filannoon Fulbaana 20 kunis naannoolee Somaalee, Hararii fi Ummattoota Kibbaatti gaggeeffama.
Kana malees kenniinsi sagalee rifarndamiin Kibba Lixa Itoophiyaa harkifatee tures Fulbaana 20 akka gaggeeffamu boordichi ibseera.
Boordiin filannoo marii paartiilee siyaasaa waliin taasiseen haala amma biyyattiin keessatti argamtu walqabatee amma filannoo taasisuun sirrii miti yaada jedhu kan kaasan jiraachus caqaseera.
Haata'u malee filannoon Waxabajjii 14 gaggeeffames rakkoon nageenyaa walfakkaataan bakkuma turetti ta'uu kaasuun, filannoon Fulbaana 20ttis naannoolee nageenyi fooyyee qabu filachuun gaggeessuun ni danda'ama jedhameera.
Kana malees guyyaa filannoo amma qabame kunis kan kabaja ayyaana Masqalaatti dhiyaate waan ta'eef, akka geeddaramuuf kanneen gaafatan jiraachulleen himameera.
Filannoon marsaa 6ffaa biyyaalessaa Itoophiyaa irra caalaansaa Waxabajjii 14, 2013 kan gaggeeffamee ture yoo ta'u, eddoowwaniifi naannoolee muraasa keessatti ammoo sababiiwwan akka nageenyaa, rakkoolee adeemsa galmee filannoon walqabatanii mul'ataniifi iyyatawwan adeemsa filannoo irratti dhiyaatan qulleessuun walqabatee yeroo dabalataa waan barbaachiseef filannoon akka Fulbaanatti darbu taasifamee ture.
Kanaan alattis eddoowwan boordiin filannoo adeemsa galmee filattootaa irratti rakkooleen hojimaataa cimaan waan mul'ataniif hojiin qulqulleessuu akka taasifamu murteesseetti filannoon osoo hingaggeeffamiin hafee ture.
Akkasumas adeemsa naannoolee filannoo hafan irratti odeeffannoo dabalataa kan kennu ta'uu, boordichi ibsa baasee kanaan dabaluun kaaseera.