Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa garee haleellaa Naannoo Affaaritti raawwate qoratu erge

Nama haleellichaan miidhaan irra gahe

Madda suuraa, Afar Regional Gov't Comm

Maxxanfame

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Naannoo Affaar manneetii barnootaafi bufataalee fayyaa ganda Guliikoomaatti haleellaa raawwate garee qoratu erge.

Daa'imman lakkoofsaan danuu tahan dabalatee buqqaatota dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamuun erga gabaafameen booda bakka miidhamtootaaf deeggarsi godhamutti garee dhimma kana hordofu akka ramade ibseera.

Gaafa Adoolessa 28, 2013 ALI Naannoo Affaar bakka ‘zoon arat’ jedhamutti haleellaa meeshaa waraanaa guddaadhaan raawwateen namoonni baayyee du’uufi miidhamuu qondaaloti naannichaafi maddeen hospitaalarraa arganne BBCtti himaniiru.

Haaluma kanaan miidhamtoota haleellaa kanaa yaadachuuf naannichatti guyyaan gaddaa sadii labsameera.

Itti gaafatamaan koominikeeshinii naannichaa Obbo Ahimad Haaloyitaa haleellaa kana kan raawwatan, ‘’finciltoota TPLF dha,’’ jechuun BBCtti himaniiru.

Hospitaala Duptii warreen haleellaa kanaan miidhaman geeffamanitti itti gaafatamaa kan tahan Dr Mahaammad Yasuuf BBCtti akka himanitti wal’aansaaf gara hospitaalaa namoota dhufan 40 keessaa 12 lubbuun isaanii darbeera.

Dr Mahaammad otoo hospitaala hin gahiin kan du’an akka jiran dhagahus dubbataniiru.

Waraana naannichatti tureen namoonni buqqa’anii turan mana barnootaa fi buufatni fayyaa keessatti dahatanii turan irratti haleellaa raawwateen daa’imman 100 oliifi namoonni 200 ajjeefamuun gabaafameera.

Namoota haleellaa kanaan miidhamaniifi lubbuu dhaban yaadachuuf guyyaan gaddaa sadii labsamuu mana mare mootummaa naannichaatti af-yaa’iin olaanoo Amiinaa Sookoon waabeffachuun Tajaajilli Oduu Itoophiyaa himeera.

Guyyaan gaddaa labsamees har’a kan jalqabu yoo tahu, alaabaan naannichaa waajiraalee mootummaa fi dhaabota dhuunfaa keessatti gad-siqee akka mirmirfamu murtaa’eera.

Mootummoota Gamtoomanitti dhaabbanni deegarsa daa’immanii UNICEF Naannoo Affaar keessatti haleellaa raawwateen daa’imman dabalatee namoonni 200 ajjeefamaniiru jedhamuun akka badaa isa yaaddesse himeeti ture.

Ibsa dhaabbatichi baaseen booda dubbii himaan TPLF Geetaachaw Raddaa fuula Tiwiitarii isaanii irratti deebii kennaniin, haleellicha raawwachuun waraana mootummaa Itoophiyaa kan himate yoo tahu gareen isaanii haleellaa mudate irratti qorannoo gochuuf qaama sirrii wajjiin akka hojjetan hime.

Waraana kanaan lakkoofsi lammiilee nagaa balaaf saaxilaman dabalaa dhufuuniifi fedhiin deeggarsa namoomaa olaanaa tahuun na yaaddessas jedheera koomishinichi

Haaluma kanaanis waraana kanarratti qaamoti hirmaataniifi qaamoleen nageenyaa seera mirgoota namoomaafi qajeelfamoota waraanaa addunyaa akka kabajan koomishinichi gaafateera.

Namoota nagaa, hambaalee seenaa fi bu’uuraaleen misoomaa uummataa eegumsi godhamuufi akka qabu koomishinichi yaadachiiseera.