Dhibeen maalummaan isaa hin beekamne Veenaatti dipiloomaatota US qabe

Maxxanfame

Bulchiinsi Baayidan dhukkuba ammaaf maalummaan isaa hin beekamne dipiloomaatota biyyattii magaalaa guddoo Oostiriyaa Veenaa jiran irratti mul'ate qorachaa jiraachuu hima.

Erga Joo Baayidan Amajjii darbe aangootti dhufanii dipiloomaatonni fi hojjettoonni bulchiinsaa US Veenaa jiran 20 ta'an mallattoo dhibee sammuu maalummaan isaa hin beekamne 'Havana Syndrome' fakkaatu ofirratti arguu gabaasanii jiru.

'Havana syndrome' ibsa gahaa qabaachuu baatullee saayintiistonni Ameerikaa carallaan uumamuu akka hin oolle tilmaamu.

Dhibeen kun jalqaba kan mul'ate Kuubaa keessatti bara 2016/17 ture.

Yeroos dipiloomaatonni Ameerikaa fi Kaanadaa magaalaa guddoo Kuubaa Havaanaa turan mallattoowwan akka joonja'uu /dizziness/, madaala eeggachuu dadhabuu, dhagahuu dhabuu fi aarii himachaa turan.

Ameerikaan haleellaa carallaa /sonic attacks/ raawwachuun Kuubaa yoo himattu, Kuubaan jabeessitee waakkatte. Kunis biyyoota lamaan jidduutti muddama uumee ture.

Qorannoon Ameerikaan bara 2019 goote dipiloomaatota mallattoo sana ofirratti argan irratti 'rakkoolee sammuu/brain abnormalities/ argamuu mul'ise. Kuubaan qorannicha kufaa goote.

Dhibeen amma dipiloomaatota Ameerikaa Veenaa jiran irratti mul'ates 'Havana Syndrome' kan fakkaatu yoo ta'u, jalqaba kan gabaafame Jimaata darbe barruu Niwu Yookar irratti ture.

Boodarra ministeerri haajaa alaa Ameerikaa dhimmicha mirkaneessee, qorachaa akka jirus hime.

Ministeerri haajaa alaa Oostiriyaas dhimmicha mootummaa Ameerikaa waliin ta'uun qorachaa akka jiru Rooyitars gabaaseera.

Veenaan magaalaa jiddugala dipiloomaasii ta'uun maqaa gaarii qabdu yoo taatu, Ameerikaan waggoota dheeraaf achi buufattee turte.

Magaalattiin ammaan kana marii dhimma niwukileeraa biyyoota Lixaa fi Iraan jidduutti taasifamu keessummeessaa jirti.

Mallattooleen dhibee kanaa bakka biraattis argamuun gabaafamulleen Ameerikaan lakkoofsi Veenaa guddaa ta'uu himti.