Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii: Covid-19 namarraa adurree fi sarootatti darbaa jiraachuun mirkanaa'e
Covid-19 namoota vaayirasicha qaban irraa gara beeyladoota manaatti akka darbu qorannoon ibse.
Manneen 196 namootni Covid’n qabaman keessa jiran keessaa samuudi beeyladota akka adurree fi saree 310 irraa fudhatameera.
Adurroota ja’aa fi saroota ja’a irratti vaayirasichi argame, beeyladooti 54 ammoo kanaan dura vaayirasichaan qabamanii akka turan adda baafameera.
“Yoo Covid’n qabamteetta ta’e, akkuma namoota irraa fagaattee turtu, adurree ykn sareekee irraas fagaachuu qabda,” jedhan Yunivarsitii Utreech irraa Dr Els Biroyeensi.
“Yaddoo inni guddaan fayyummaa bineensota kanaa osoo hin taane, tarii vaayirasichi beeyladota kana keessa turee gara ummataatti deebi’u danda’a kan jedhudha.”
Ogeessonni qorannoo kana gaggeessan hanga ammaatti vaayirasichi beeyladoota irraa namatti darbuu isaa ragaan mul’isu hin jiru garuu yeroo vaayirasichi namootaa namootatti daddarbaa jirutti adda baasuun ni cima jedhaniiru.
Beeyladooti vaayirasichaan qabaman hedduun isaanii mallattoo dhibee kanaa muraasa qabaatu ykn homaa hin qabaatani.
Qoratoonni Yunivarsitii Ultreech Neezarlaanditti manneen namootni guyyoota 200 darban keesatti vaayirasichaan qabamanii turan keessa jiranitti kilinikii beeyladootaa socho’aa erganiiru.
Beeyladooti akka adduree fi saree vaayirasicha qabu yoo ta’e ykn qabamanii akka ture adda baasuuf saamuda fudhataniiru.
Bu’aan qorannoo kanaa Kongiresii Qorannoo Maaykiroobaayloojii fi dhibeewwan daddarbanii Awurooppaaf dhiyaate beeyladoota kunneen keessaa %4.2 amma vaayirasicha akka qabanii fi %17.4 ammoo yeroo tokkotti qabamanii akka turan agarsiisa.
Qorattoonni akka jedhanitti vaayirasichi namaarra bineensotatti malee bineensota irraa namatti waan darbu miti jedhaniiru.
“Carraan vaayirasichaa beeyladootarra namatti darbuu %0 dha jechuu hin dandeenyu,” jedhu Wiirtuu Qorannoo Maaykiroobayoolojii Fayyaa Beeyladoota irraa Dr Biroyens.
Oggeessoti fayyaa Beeyladotaa Raashiyaa tokko tokko bineensota tokko tokkoof talaallii dhibee kanaa kennuu eegalaniiru.
Dr Biroyeens garuu “ammatti raga saayinsaawa hin argu. Weerara kana keessatti beeyladootni ga’ee waan qaban miti" jedhan.