Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godina Baaleetti dhukkubni gaala ajjeesaa jiruufi namatti darbaa jira jedhame 'qoratamaa jira'
Dhukkuba gaalaa haaraadha jedhameefi Godina Baalee Bahaa keessatti mudate adda baasuuf qorataa akka jiru Ejansiin Misooma Qabeenya Beeyiladaa Oromiyaa hime.
Godina Baalee Bahaa aanaalee afur keessatti dhukkubni gaalaa haaraan mudate gaalota hedduu ajjeesaa akka jiru jiraattotni aanichaa BBC'n dubbisee fi ogeessonni fayyaa naannichaa himaniiru.
Itti Gaafatamtuun Eejansii Misooma Qabeenya Beeyiladaa Oromiyaa Dr. Amiinaa Abdurraahimaan, dhukkubichi Godina Baalee Bahaa aanolee afur keessatti mudachuu akka quba qaban himan.
Isaan keessaa aanaa Raayituu, Laga Hidhaa, Sawweenaa fi kaan keessattii gaala ajjeessaa akka jiru dhageenyee akka qorataniif ogeessota naannoo irraa ergineerra jedhan.
Godinicha keessatti aanoleen hongeedhaan miidhaman waan jiraniif gareen hormaata beeyilaadaa to'atuu fi deeggarsa taasisu naannichatti ergamuun akka hojjechaa tures himan.
''Gareen deeggarsaaf ergame gabaasa isaanii keessatti sababa dhukkubaan gaalli du'aa akka jiru fidanii dhufan. Giddugalli laboraatooriin naannoo akka qoratu gooneerra.
Samuuda sana laboraatoorii kan federaalaafis erginee qoratamaa ture. Garuu murtoon dhumaa fudhatamuu waan hin danda'amneef Ministeera Qonnaa waliin tahuun garee lammataa erguun qorachaa jirra,'' jedhan Dr Amiinaan.
Itti gaafatamtuun kun gareen yeroo lammaffaaf ergame dhukkubichi maal tahuu danda'a kan jedhu akkasumatti himuuf osoo hin taane, qorannoodhaan adda baasuun himamuu waan qabuuf qorannoo gaggeessuuf akka tahe himan.
Itti dabaluun dhukkuba ittisuu irratti kan hojjetamuu qabu talaallii kennuun tahuu himuun, gara talaalliitti galuuf ammoo dhukkubni adda bahuu qaba waan taheef sana dura hojjechaa jiraachuu himan.
Jiraattotni aanolee Godina Baalee Bahaa BBC'n dubbise namootni gaala qaban baay'ee dhabuu himu. Dhukkubichi gaala qabee sa'aa 12 keessatti akka ajjeesaa tures himaniiru.
"Gaalli dhibeen kun irratti argame furrii funyaanirraa qaba, afaaniifi funyaaniin dhiigatu baha, hafuura kuta," jedhan jiraataan aanaa Sawweenaa Boonsaa Ahimad.
Aanaalee akka Sawweenaa, Raayituufi Beeltoos gara gammoojjii keessatti lubbuun gaala hedduun dhibee kanaan nu jalaa dhumeera jechuun himachaa jiru.
Haalli jiraattonni keessa jiran baay'ee ulfaataa ta'uu kan himu Boonsaa Ahimad, dhibee sodaachisaa kanaan nama gaalli qabu hundi irraa dhumee harka qullaa hafetu jira jedha.
Dr Amiinaan ammoo miidhaa dhukkubni haaraan mudate jedhamu geessise ammatti adda akka hin baanee fi qorannoo erga xumuranii kan baran tahuu himan.
Haa tahu malee dhibeen hin beekamiin jiru kun aanaa Raayituu qofa keessatti gaala 150 ol kan ajjeesse yoo ta'u, Caamsaa 22 akka eegale hima ogeessi fayyaa beeyladaa Dr Johaar Sheeh Aliyyii.
Dhibeen kun sa'aati 12 hanga 24 keessatti gaala akka ajjeesu kan dubbatu Dr. Johaar, "Gaalli dhibee kanaan qabame dafee du'a. Sa'aati 12 keessatti gaala hedduuti dhume; gaala abbaan elmatee manatti galee yeroo deebi'u du'etu argamaa jira," jedha.
Keessattuu, gaalli garmalee miidhamaa jiru gaalota umuridhaan fagaatan, kan rimaa qaban, kan hoosisaniifi korma gaalaa fa'idha.
Haalli tatamsa'ina isaas hedduu nama sodaachisa kan jedhu Dr. Johaar, dhibeen kun jalqaba naannoo Soomaleerraa ka'ee godinichatti babal'achuu hima.
Gama biraan ammoo jiraattotni dhukkubichi gaala irraa gara namaatti akka darbuu hin oolle kaasu. Sodaa mallattoo koroonaavaayirasii qaba jedhus qabu.
Dr Amiinaan ammoo namatti daddarbuu dhukkuba kanaa ilaalchisee akka naannootti waan nutti himame hin jiru jedhan. Gabaasa isaa akka hin qabnes himuun ammatti deeggarsa ogummaa qofa kennaa akka jiran himan.
Haa tahu malee dhukkubni beeyiladaa hedduun naannolee biraa irraa daangaa cehuun mudachuu akka danda'an himu.