Pireezidantiin Biraazil Jaayir Bolsonaaroo hirqinfuun itti jabaatee hospitaala ciisan

Madda suuraa, Jair Bolsonaro
Pireezidantiin Biraazil Jaayir Boolsonaroo, hirqinfuu walirraa hin cinneen guyyoota 10f rakkachuu isaaniif wal’aansi baqaqsanii yaaluu isaan barbaachisuu akka hinoolle waajirri isaanii hime.
Namni ganna 66 Boolsonaroon, yaalii mar’imaan danqamuun (obstructed intestine) walqabatu qoratamuuf hospitaala Sa'o Paulo'tti dabarfamaa jiru.
Dhaamsa Tiwitara gubbaatti barreessaniin ’’Yoo Waaqayyoo jedhe nan deebi’a’’ jedhan Boolsonaroon.
Bara 2018 wayita duula filannoo gaggeessaa turan Boolsonaroon garaa keessa waraanamuu isaaniitiin asitti fayyaansaanii yaaddessaa ta’eera.
Haleellaa irra qaqqabe sanaan baayyee madaa’anii, dhiigni qaama isaanii %40’ni dhangala’ee ture. Sana booda wal’aansa baqaqsanii yaaluu argatan booda waraansa irra qaqqabeerraa bayyanatan.
Ammas hirqinsuu itti hammaate kana wal’aanamuuf hospitaala waraanaa Roobii ganamaan geeffamaniiru.
Ogeeyyiin fayyaa akka jedhanitti, sa’aatiiwwan 24 hanga 48tti hordoffiin taasifamuuf jala turu jedhaniiru.
Haa ta’u malee Roobii waaree booda waajirri Pireezidantii hakiimni bara 2018 Boolsonaroo wal’aanan Luyiz Marseedoo Pirezedantichi yaaliifi tarii wal’aansa baqaqsanii yaaluu barbaachisu argachuuf gara Saaho Paawulotti akka dabarfaman gorsaniiru.
Hoogganaan Komunikeeshinii Biraazil Faabiyoo Fariyaa gaazixeessitootatti akka himanitti, Aab Boolsonaroon Saaho Paawulotti otoo hin ergamiin dura akka boqonnaa argataniif rafan taasifamuu himan.
Ilmi Pirezedantichaa Filaviyoon CNN tti akka himetti, garaaacha isaa keessaa dhangala’aa dhabamsiisuuf wal’aansi baqaqsanii yaaluu ofeeggannoo kanaan dura taasifameefi ture jedhe.
Boolsonaroon siree hospitaalaarra otoo ciisanii suura ka’an toora Tiwitaraa gubbaatti ofisaaniif maxxansanii turan. Sireesaanii cina lubni amantaa tokko wayita dhaabataniifi seensaronni wal’aansaaf qaama isaanitti kaa’ameera.
Waggoota lamaa oliif bara Pirezedantummaa walfalmsiisaa ta’e kan dabarsan Boolsonaaroon akkaataa weerara Covid-19 to’achuuf hojjataniirratti dhiibbaan irratti hammaatee ture.
Bittaa talaallii Covid ilaalchisee malaammaltummaa dalaganiiru jedhanii himachuun namoonni kuma kudhanitti lakka’aman hiriira mormiif bahanii turan.
Kana malees, hogganaa Biraazil Boolsonaroon ejjannoo talaallirratti qabaniin, barbaachisummaa maaskii keewwachuufi tarkaanfii balaa mudate to’achuuf fudhataniirratti hanqina qabaachuun qeeqni irratti dhiyaata.
Ji’a darbe keessa namoonni Biraazilitti vaayirasichaan lubbuu dhaban 500,00 kan caale wayita ta’u, Ameerikaatti aantee biyya namoonni hedduun keessatti lubbuu dhaban taatetti.
Boolsonaroon bara darbe Covid-19’n qabamanii guutummaatti irraa bayyanachuun kan yaadatamudha.














