Shamarreen Afrikaa-Ameerikaa dorgommii jechoota Afaan Ingiliizii qubeessuu mo’achuun seenaa hojjette

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaatti shamarreen ganna 14 kubbaa kachoo taphachuun cimtuu taate, wal-dorgommii jechoota Afaan Ingiliizii qubeessuu 'Scripps National Spelling Bee' jedhamu mo’achuun sanyii Afrikaa-Ameerikaa jalqabaa taate.
Zaila Avant-garde shamarree kutaa bulchiinsa New Orleans, Louisiana irraa kan dhufte yoo tahu, jecha Afaan Ingiliizii "murraya" jedhu qubeessuutu injifannoo ishee mirkaneesseef.
Mo’icha kana bira gahuuf jechoota kanneen akka "querimonious" fi "solidungulate" fa’i jedhan qubeessuun irra ture.
Qubeessuu kana guyyaatti sa’aatii torbaaf akka shaakaltu himtus mul’annishee garuu kubbaa kachoodhaan beekamuudha - qubeessuu bohaaruuf waan dalagdu akka tahes himteetti.
Shamarreen kuni kubbaa kachoonis rekordii addunyaa sadii ofharkaa qabdi. Kubbaa kachoo baay'ee altakkaan lafarra utaalchisuun rekardii addunyaa qabattee jirti.
Kanaanis taphataa beekamaa Waldaa Kubbaa Kachoo Biyyaalessaa Ameerikaa (NBA) Istiifan Karii waliin beeksisa irratti dhiyaatteetti.
Zaila’n dorgomtoota 11 gaafa Kamisaa sadarkaa dhumaaf gahan bira darbuun mo’icha goonfachuun alatti badhaasa doolaara 50,000 akka Orlaandoo Filooridaatti akka fudhattu mirkaneeffatteetti.
Marsaa isa dhumaarratti ijoollee waggaa 12 Chaitra Thummala jedhamtu kan Teeksaas irraa dhuftedha mo’atte.
Akka Associated Press gabaaseetti dorgommii kanatti bara 2008 irraa qabee namni sanyii Kibba Eeshiyaa tahe otoo hin mo’atiin hafuun kan jalqabaati.

Madda suuraa, Reuters
Zaila’n jechoota kanneen akka ‘nepeta’ jedhan qubeessuu irratti jalqaba murteessuu dadhabdus dhumarratti sirriitti qubeessiteetti.
‘’Guyyaatti gara jechoota 13,000 qubeessuu nan yaala kunimmoo gara sa’aatii torbaa na fudhata,’’ jette. Kanas manatti akka shaakaltu gaazexaa naannooshee Times-Picayune jedhamutti himteetti.
Barnootaafi shaakala kubbaa kachoos walumaan akka adeemsiftus himteetti.
Zaila dorgommii kana mo’achuun shamarree gurraattii ishee lammataati. Jody-Anne Maxwell, shamarreen ganna 12 Jamaayikaa irraa bara 1998tti mo’atteetti.
2019’tti ijoolleen saddeet waqixa bahuun sadarkaa tokkoffaa qabachuu danda'anii turan - kunis seenaa dorgommii qubeessuu Ameerikaatti kan jalqabaa ture.
Dorgommiin kuni sababa Covid-19n bara darbe hin adeemsifamne ture.













