Filannoo Itoophiyaa 2021: 'Taajjabdootni biyya keessaa kuma 40 tahaniifi biyya alaa hedduun filannicha taajjabaniiru'

Maxxanfame

Boordiin filannoo biyyaaalessaa filannoo Itoophiyaa marsaa jahaffaa 2021 irratti taajjabdootni biyya keessaa kuma 40 tahanii fi kan biyya alaa irraa dhufan hedduun hirmaataniiru jedhe.

Walitti qabduun boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Aadde Birtukaan Miidhaksaa adeemsa filannoo Itoophiyaa waliigalaa, guyyaa filannoo wantoota mudatan, gabaasaa qaamolee taajjabdootaa fi komii paartilee siyaasaa dhiyeeffatan irratti har'a miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

''Filannicha taajjabuun nuuf barbaachisaadha. Adeemsi hojii keenyaa ilaalu. Kanaan alas gorsi isaan nuuf kennan baay'ee faayidaa qaba. dhimma biyyaa waan tahe kana nuuf ilaaluu isaaniif galata qabna,'' jedhan Aadde Birtukaan.

Gareen taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa fi 'Eastern Africa Standby Force' akkasumas gurmuun waldaalee siivilii filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa 2021 irratti gabaasa sadarkaa jalqabaa isaanii dhiyeessaniiru.

Akkasumas waldaan seeraa dubartootaas gabaasa isaa dhiyeessera. Aadde Birtukaan gabaasicha hedduu isaa akka galteetti fudhachuu himuun dogogoroota mudatan waan nutti himaa turaniif sirreessaa turre jedhan.

Keessumaa hanqina meeshaalee filannoo mudatan furuun danda'ameera kan jedhan walitti qabduun boordii filannoo kun hojii taajjabbii filannoo isaanii osoo hojjetanii jala jalaan ammoo dogogorootni akka sirrattan gochaa turan jedhan.

Gabaasotni tokko tokko ibsa gahaa waan hin qabneef deebii itti kennuun rakkisa jedhan. Gabaasa sadarkaa jalqabaa waldaan seeraa dubartootaa baase dubartoota irra haleellaan gahaa ture jedhe. Garuu eessaa fi yoom kan jedhu gabaasicha irratti hin eeramne jedhan.

Dabalataan gabaasa gurmuun waldaalee siivilii baasan irattis waan wal fakkaataan jiraachuu himanii, isaan waliin hariiroo gaarii waan qabnuuf woorkishooppii qophheessuun bal'inaan achi irratti waliin dubbachuu dandeenya jedhan.

Komii paartilee siyaasaa ilaachisee

Tibba filannoos paartilee siyaasaa irraa iyyata isaanii simachuuf deeskii tokko hundeessuu himan Aadde Birtukaan. ''Iyyata baay'eetu ture. bakka buutotni gara buufata filannootti hin galtan jedhamii dhorkamuu, hanqina meeshaalee filannoo fi iyyata hidhamuu nu gahaniiru.''

Komii dhiyaachaa tureef deebii kennuuf yaalaa akka turan himanii, iyyatni tokko tokko ammoo humna keenyaan kan furaman akka hin taane hubanneerra jedhan.

''Iyyatni tokko tokko ammoo bu'aa sagalee filannichaa irratti jijjiirama kan fidu waan hin taaneef waan dursa argatu miti, garuu deebii ni kennina'' jedhan.

''Boordichi yeroo bu'aa filannichaa mirkaneessutti wantoota bu'uuraa tahanii kanneen gargaaraniif deebii kenna- sadarkaa keenyatti kanneen ilaalamaniif,'' jechuun himan walitti qabduun boordichaa.

Paartii IZEMA irraa komiin xalayaadhaan boordichaaf dhiyaate akka hin jirre himanii, garuu gaaffii ka'aniif boordichi deebii kennuuf ni hojjeta jedhan.

Paartiin INAT komin sadii dhiyaachuu himuun boordichis miseensa jalaa hidhame hiiksiseera jedhan. Aadde Birtukaan bu'aan sagalee buufataalee lamaa gara kuusaa bu'aa sagaleetti hin dabalamne jiru jedhan.

Isaanis 24 fi Nifaas Siliitti kan argaman tahuu himan.

Lakkaawwii sagalee fi ibsa KFO irratti

Walitti qabduun boordii filannoo Aadde Birtukaan Miidhaksaa buufataalee filannoo tokko tokko irratti dogogorri lakkoofsa sagalee akka mudate hubanneerra jedhan.

'' Haalli lakkaawwii isaa yeroo dheeraa fudhata. Nuffii irraa kan ka'e adeemsota hojii sirrii hin taane mudachuu argineerra.''

Ibsa KFO'n filannoo ilaalchisee baase, ''ilaalcha tilamaamaa isaanii tahuu danda'a. Beekamtii kennuuuf tahe dhiisuun isaanii waan gatiin itti kennamu hin tahu,'' jechuun himanii darban.

KFO'n ibsakaleessa baaseen ''filannoon haqaa fi hirmaachisaa hintaane diimokiraasii fiduu hin danda'u'' jedhee ture

KFO fi ABO'n paartilee siyaasaa irra caalaan Oromiyaa keessa soho'aniifi dursanii filannicha keessaa bahuu isaanii ibsanidha.

Aadde Birtukaan namoota sagalee isaanii kennuuf galmaa'an keessaa hammatu sagalee isaanii kennuuf bahan kan jedhu irratti amma deebii hin kenninu jedhan.

''Madaallii keenya waliigalaan bakka hedduutti namootni baay'een sagalee isaanii kennuuf bahaniiru. Hirmaannaa gaarii jedhamutu jira amantaa jedhamu qabna.

Garuu bu'aa filannichaa isa dhumaa yeroo beeksifnu, lakkoofsa namoota saglee isaanii kennuuf bahaniis kan beeksifnu taha'' jedhan.

Naannoleen filannoo tokko tokko guyyaa filannoo sagalee isaanii osoo hin kenniin kan hafan jiru.

Naannoleen filannoo kunneen sababa sodaa nageenyaan cufaman akka jiran himan.Aade Birtukaan bakkeewwan akkasiitti maaltu taha kan jedhu ilaalchisee lakkoofsa isaanii idaanee wal madaalsisuun kaadhimamtoota gidduu lakkoofsa wal mo'achuu gidduu isaanii jiru baruun irra deebiin filannoon haa gaggeefamumoo hin gaggeeffamiin kan jedhu kan murteesinu taha jedhan.

Bakkeewwan bu'aa filannichaa irratti jijjiirama fidanitti filannoon gaggeeffamuu danda'a jedhan.