Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liiz Chikaajee: Rogeettii qabsooftee paarkiin biyyaalessaa tokko akka hundeeffamu taasifte
Liiz Chikaajeen rogeettii lafa qomoon ishee akka wayyuu ykn ulfootti ilaalan eegumsi taasifamuuf qabsoofte Paarkiin biyyaalessaa Peeruu Yaguhas jedhamu akka hundaa’u taasifteetti. Hojii gaarii hojjette kanaafis badhaasa kabajaa kunuunsa naannoo sadarkaa idil-addunyaatti kennamu injifatteetti.
Liiz Chikaaje Churay, rogeeyyii sadarkaa idil-addunyaatti badhaasa waggaa Gooldmaan jedhamu injifatan ja'an keessa tokko ta’uun beekamtii argatte.
Paarkiin biyyaalessaa Peeruu Yaguhas bosona Amaazon lafa heektaara miliyoona lama caalurratti argamu eeguuf oola.
Bosonni kun lubbu qabeeyyii hedduu qabaachuun isaan adda kan isa taasisu yoo ta’u, gochi rogeettii kanaa kun bosona kana eeguufi kunuunsuuf akka tattaaffii ijoo ta’eettis fudhatameera.
Dubartiin ganna 38 Liiz Chikajeen hogganaa hawaasa ganamaa (indigenous) naannoo bosona kanaa jiraatan Huhitotoo jedhamanii kan ta’an Benjamiin Rodrigeez wajjin badhaasa kanaaf kaadhimamtee turte.
Aab Benjamiin Rodrigeez garuu koronaavaayirasiin erga qabamanii booda itti hammaatee bara darbe du’aan boqote.
Da'oo lubbuu qabeeyyii
Liiz Chikaajeen hawaasa ganamaa naannoo Paarkii biyyaalessaa Yaguhas jiraatan keessaa dhalatte.
Iddoon isaammoo Kaaba-Dhiha Loreetoo jedhamu daangaa Peeruufi Kolombiyaatti argama.
Paarkicha keessa namni hin qubanne hin jiraatu, bosonnichi heektara miliyoona 2.1 keessaa heektaarri 868,000 sanyii biqiltoota 3,000 ta’aniifi sanyii simbirroota 500 oli, akkasumas sanyii qurxummilee 550 of keessaa qaba.
Aadde Chikajeen miseensota hawaasa ganamaa naannoo bosona kanaa jiraatan biroo wajjin duula gaggeessiteen bara 2018 mootummaaan Peeruu bosonicha akka paarkii biyyaalessaatti daangessu taasifte.
Chikaajeen akka tasaatti, paarkichi hundeeffame otoo hin taane, gartuu hawaasa ganamaa naannicha jiraatan biroo waliin falmiinetu daangeffame jette.
‘’Bosona walitti duude keessa jiraanna, akka hunda caalu ni beeknas, keessa deemna, kanaafuu fedhiin lafa kanaafi namoota bosona kanarratti hundaa’an eeguu uumamaan kan jirudha’’ jechuun BBCtti himte.
Aadde Chikajeen akka jettutti, yaadni namoota seeraan ala muka muranii soofaniifi albuuda baasan bosonicharraa eeguuf karoorsuu waan haaraa mitii jetti.
Haata’u malee, bosonichi paarkii biyyaalessaa ta’e akka labsamuuf hawaasni ganamaa naannicha jiraatan tumsa karaa siyaasaa argachuuf ganna kudhanitti lakka’amu gaafate.
‘’Biyya, bosonaafi hawaasa kee jaalachuutu sirraa eegama,’’ jette Chikajeen wayita waan kaka’umsa ta’eef ibsitutti.
‘’Bosonni kun akka ciramu hin eeyyamne, sababiin isaammoo bineensonni akka keessatti wal horaniif bu’uura akka ta’e beekna,’’ jette.
Eegumsi bosona kanaa akka galma gahuuf hawaasni ganamaa naannicha jiraatan, quqamtoonni kunuunsa naannoo Peeruufi godambaan Chikaagoo, akkasumas hawaasni kunuunsa bineensotaa Firaankfart walta’iinsaan gargaaraniiru.
Bosonichi hawaasa ganamaa naannicha akka jiraataniif hedduu murteessaadha.
Qurxummii kiyyeessuufi omisha qonnaatiin of jiraachisuuf bosona kanarratti hundaa’u.
Hawaasni Booraa sirumayyuu amantaasaniif jecha bosona kana barbaadu jetti Chikaajeen.
Jaarraa 19ffaafi jalqaba jaarraa 20ffaa wayita mukti gommaa Amaazoon hedduu barbaadamaa ta’etti, hawaasni ganamaa kunneen haphee muka kanarra argamu akka funaanan dirqisiifamu ture.
Namoonni 100,000tti tilmaamaman hojii humnaa akka hojjatan dirqisiifamuu, garboomfamuufi dararamuun du’aniiru.
Hawaasni Booraa kanneen dureeyyii haphee muka gommaan duroomaniin garboomfamanii turan.
Namoonni muraasni garbummaa jalaa bosona Paarkii Yaguhas jedhamu kanatti baqatanii miliqaniiru.
Aadde Chikaajeen, "akaakayyuuwwan keenya otoo miliquuf yaalanii nyaataafi qoricha dhabanii du’an,’’ jetti.
‘’Nuuf bakka wayyuu (ulfoodha), otoo manca’uu ilaaluu hin dandeenyu," jette.
Chikaajein bosonichi miidhaaf saaxilamusaarran kan ka’e mootummaan eegumsa isaatti hirmaachuun dhimma ijoo ta’uu kaafte.
Kana malees, hawaasni ganamaa naannicha jiraatan bosonicha eeguuf qabeenya gahaa hin qaban jette.
Namoonni seeran ala muka muranii soofaniifi albuuda warqee qotan karaa bishaaniirran bosona kanaatti akka seenan kaaftetti.
Mootummaan biyyattii bosona sana paarkii biyyaleessaa gochuusaatti hawaasni naannicha jiraatan gammachuun simataniiru.
Taaatullee lafa wayyuudha jedhan eeggachuun hawaasa Booraaf gaaffiif dhimma dhiyaatu akka hin taane ibsite.
Liiz Chikajeen eegdootni bosona kanaa bobbaafamuuufi duulli barbaachisummaa sirnakkoo barsiisuu erga jalqabamee fooyya’iinsi baayyeen jiraachuu dubbatte.
Liiz Chikajeen investimantii kallattii hawaasni ganamaa kun naannoosaanii akka eeganiif gargaarsi akka kennamuuf arguu barbaaddi.
Liiz Chikajeen akka badhaafamtuu Gooldmaanitti dhaamsa dabarsitu qabaachuu wayita gaafatamte akkas jette: "Bosonaafi naannoorratti amanachuu itti fufaa, isatu dachee keenyaaf bu’uura," jette.
Namoonni badhaasicha injifatan kan biroon ammoo lammiilee biyyoota Maalaawii, Veetinam, Jaappaan, Boosniyaafi Heerzigovinaa fi Ameerikaadha.