Biyyi Giddugala Ameerikaa El Saalvadoor 'Bitcoin' maallaqa seera qabeessa goote

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

El Saalvadoor yaada pireezidantiin biyyattii dhiyeessan fudhachuun addunyaarraa biyya jalqabaa 'Bitcoin' maallaqa seera qabeessa goote taate.

Murtee kana manni maree bakka bu'oota uummataa sagalee caalmaan raggaasise.

Kana jechuun guyyoota 90 keessatti El Saalvadooritti doolaara Ameerikaatti dabalataan Biitkooyin fayyadamuun bituu fi gurguruun ni danda'ama.

Pireezidantiin biyyattii Nayiib Bukeelee biyyi isaanii seenaa dalaguu himan. Lammileen biyyattii ala jiraatan salphaatti maallaqa gara biyyaa erguu danda'us jedhan.

Seera haaraa bahe kanaan dhaabbileen daldalaa marti yoo teekinoolojii ittiin kaffaltii raawwatan hin qaban ta'e malee kaffaltii Biitkooyiniin raawwatamu fudhachuuf dirqama qabu.

Pireezidant Bukeeleen maallaqni ijaan hin mul'anne kun diinagdee biyya isaaniif badhaadhina akka fidu abdatu.

Amma dura lammileen El Saalvadoor dhibbeenta 70 ta'an kan akkaawuntii baankii hin qabne, tajaajila maallaqaa akka argatan gargaara jedhanii turan.

Biit kooyiin maaliidha?

Bitcoin jechuun haala salphaa ta'een maallaqaa dijitaalaa fi mala ittiin bittaa fi gurgurtaa raawwatan jechuun ni danda'ama.

Malli ittiin daldalamu kunis kan akka maallaqaa ykn saantima kaanii kan kiisii keenyatti baannee deemnu osoo hin taane, maallaqa dijitaalii karaa interneetii ykn onlaayiinii itti gargaramnuudha.

Amalli addaa Bitcoin fi kriptoo karansiiwwan kan biraa, akka maalaqawwan biraa mootummootaa fi baankiiwwaniin kan maxxanfaman ta'uu dhiisuu isaati. Akkasumas to'atamuu hin danda'amu.

Biitkooyiin erga umamee waggoota 10 ta'eera. Waggoottan 10 darban keessas gatiin isaa haalaan dabalaa dhufeera.

Bara darbe baatii Guraandhalaa keessa gatiin biitkooyinii tokkoo doolaara Ameerikaa 10,000 ol gaheera.

Gatiin kunis kan waggoota lamaan dura ture waliin yoo wal biratti ilaalamu, dachaa lamaan dabaleera jadhama.

Dabaluu fi hir'achuu gatii isaa kanaafis sababiin adda baafamee barame hin jiru. Qaamoonni barbaadamummaan isaatu daballaan gatiinsaa dabalee kan jedhanis hin dhiibne.