Barnoota: 'Deebii gaaffii bara dheeraa kan ta'e Yunivarsitiin Booranaa yeroo jalqabaaf barattoota simatee barsiisuuf'

Maxxanfame

Hawwii barnootaafi hojii qorannoo naannoo argachuuf fedhuurraan kan ka'een gaaffii waggoota hedduun booda kan milkaa'e Yunivarsiitiin Booranaa amma barattoota simatee barsiisuuf qophii ta’uu Pireezidaantiin Yunivarsiitichaa BBCtti himan.

Yunivarsiitiin kun humna al takkaatti barattoota 1,500 simachuu isa dandeessisu qabaatulleen, koroonaavaayirasiirraa kan ka'een bara kana barattoota 670 simachuuf deema.

Sagantaa idileen alattis ammoo barattoonni 600 ol kan guyyaa hojiin hin jirreefi Sambata lamaan barachuuf jiran galma’aniiru jedhu Pireezidaantiin Yunivarsiitii Booranaa Bokkuu Tachee (PhD).

Yunivarsiitiin bara 2018 keessa ijarsi isaa eegalamee yeroo gabaaba keessatti xumurame kun, lafa heektaara 500 Godina Booranaa, magaalaa Yaaballootti hundeeffame jedhu.

Yunivarsiitiin isaanii karoora bal'aa akka qabu kan himan Pirezedaantiin Yunvarsiitii Booranaa, jalqaba garuu kollejjii shaniin eegaluu ibsan.

Hundeen Yunivarsiitiin kun itti ijjaarame uummata horsiisee bulaa waan ta’eef , kollejjoota shanan keessaa inni tokko dhimma kana irratti akka xiyyeeffatus eeran.

Bokkuun (PhD) Addunyaafi Afriikaa keessattillee hubannoon nami waa'ee horsiisee bulaa qabu hirrinaafi rakkoo guddaa qabaachuu himuun, rakkoon kun barnootaafi qorannootiin fala akka argatu ibsu.

“Horsiisee bulaa yoo jedhan wanti mataa namaa keessa dhufu marra, bishaaniifi horiidha. Kun ammoo dogongora, waan kana qofaatti gad-buusuu hin danda’an.”

Horsiisee bultoonni lafa gammoojjii kan haalli hin guutaminiif jiraachun isaanii, ilaalcha addaa, xiyyeeffannaa addaa barbaachiisa, kanaaf kanarra ka’uun Yunivarsiitiin kun asitti dhaabate jedhu Bokkuun (PhD).

Kollejjii Qorannoo Dhimma Horsiise-bulaafi Qonnaa Lafa Gogaa jalaatti, waa’ee horsiise-bulaa hubachuu, qorachuu, misooma horsiise-bulaaf malu, akka naannoo isaatiif ta’u, akka qilleensa lafa isaatiif ta’u, misooma aadaa isaatin wal-simatu, dhimmi isaanii kallattiin akka ibsamuufi akka hubatamu barsiisna jedhan.

Yunivarsiitiin kun horsiise-bulaa keessatti dhaabachuun isaa faayidaa guddaa fiduuf deemaa kan jedhan pirezidaantiin kun, jireenni ummataa horsiisuu ta'ullee addunyaa guyyaan jijjiramaa jirtu kana dhaqqabuuf haala isaani jijjiruurratti karoora qabachuu himan.

“Jijjirama addunyaa kana horsiise-bultoonni hordofanii jireenna isaanii akkuma addunyaan deemtuun dafanii itti baruu danda’an gochuudha.”

Kollejjiin lammaffaa Yunivarsiitiin Booranaa irratti xiyyeeffate daldaafi dinagdeedha. Waa’ee daldalaa, herregaa, hojii hoogganuu, hojii uumuufi kanneen akka teknoolojii. kollejjii kana jalatti kanneen barataman ta'uu dubbatu Pirezedaantichi.

Kollejjiin kun qabeenna horsiisee bulaa faayida qabeessa akka taʼu gochuu akka danda’an barsiisuu, fakkeenyaaf sanyii horii, fooniifi aanaan, gogaa horii akkamitti fooyyessuu danda’an gaaffii jedhu qorachuuf kollejjii hundeeffame ta'uu ibsu.

“Gogaan horii kun faayidaa guddaa qaba. Amma namoonni akkuma itillee hafatanii gubba rafan; kana akkamiin jijjiruu danda’an, irratti hojjachaa jirra, deebinee isaan hubachiifna.”

Sadaffaan Koollejjii Saayinsii Hawaasaa ta’uu himan. Kollejjii kana keessatti ammoo waan afaanii, Antiroppooloojii, Joogiraafiifi Sooshiyoloojii . Dakan barsiisuufi qoratudha.

Afraffaan Koollejjii Saayansii Uumamaa yoo ta'u, shanaffaan ammoo Koollejjii Seera barsiisudha jedhan Bokkuun (PhD). Koollejjiin Saayisnii Uumamaa fayyaa nama, kan beeyladaa, Injinariingiifi barsiisummaa irratti fuulleeffata jedhan.

Yunivarsiitiin kun akka baratoonni biyya ollaa Keeniyaarra dhufanii baratan caarraa uumuufiif hojjachaa jirra jedhu Pirezedaantichi.

Keessumaa ammoo, afaan Suwahilii afaan hojii biyyoota Afrikaa hedduu waan ta’eef fuldurattii barsiisuuf akka karoorfatan ibsan.

“Daangaan nu gidduu yaa jiraatu malee ummatni tokko, aadaa tokko qabas. Afaan tokko dubbata, rakkoo wal-fakkaatus qaba waan ta'eef ijjoollensaanii akka dhufanii asitti baratan fedhii qabna,” jedhu.

Ijaaramuu Yunivarsiitichaa

Yunivarsiitiin kun akka dhaabamuuf namoota waggoota hedduuf gaafachuuf Finfinnee deemaa turan keessaa tokko kan ta’e, Aabba Huqqaa Darsee tokko. Yunivarsiitiin kun diddaa ummataatiifi dhiibbaa cimaa isaan taasisaa turan irraa kan ka'een ijaaramuu ibsu.

Amma ijaaramee barattoota simachuuf qophii ta’usaaf gammachuun guddoon itti dhaga’amuu kan dubbatan Aabba Huqqaan, hawaasillee guddaa irraa gammaduu ibsu.

Hawaasni godinichaa gama barnootatiin duubatti hafuu kan himu namni kun, yeroo gara garaatti abbootii Gadaa, qaamolee hawaasaafi aanga'oota dabalachuun gaaffii isaanii hanga Finfinneetti geeffachuun Yunivarsiitiin kun akka ijaaramu taasisuu isaanii ibsan.

Bara Ministira Muummee duraanii Itoophiyaa Obbo Hayilamaariyaam Dassaaleny gaaffii akka geeffatan yaadachuun, yeroo sanatti karoora Yunivarsiitii Booranatti ijaaruun hin jiru garuu karaa danda'ameen hordofanii akka ijaaramuuf akka godhan waadaa galuu dubbatu.

“Waaqii itti eebbisinna; gaafas immimaan keenna akka kan ofiitti ilaalee, akka ijaaramu nuuf godhe, waggumma sana ofumaaf dhufanii dhagaa bu’ura ka’aan. Isaaf galata guddaa qabna,” jedhu.

Booranni waliigalee kafaltii silaa mootummaan baasuu male dheebuu qabuurraan lafa Yunivarsiitichi irratti ijaarame tole kenne Jedha Aabba Huqqaan.

Bokkuu Tachee akkuma Aabba Huqaan jaalala ummatii dhaabata kanaaf qaban ibsa, lafa kennuu qofa osoo hin taane, erga ijaarsii eegalees bira dhaabbatanii kunuunsuu himu.

“Wanti nama gammachiisu fedhiif jaalala ummanni Yunivarsiitii kanaaf qabu, xiqqaa guddaan, jaarsaa jaartiin fi abbootiin Gadaa bira dhaabbatanii akka dansaa hordofu. Fedhiin ummataa kun haamilee nuu taate," jedhu.

Koollejjii shanan malee, dhaabbata waan Gadaa irratti xiyyeeffatu dhaabamuuf deema. Kun ammoo waan aadaa, finna durii namoonni itti fayyadamaa turan fi sirna Gadaa qorachuuf hundeeffama akka Bokkuun (PhD) jedhanitti.

Walumaa-galattti wanti Yunivarsitii kana adda godhu horsiise-bulaa akka horsiise-bulaatti barisiisa, beekumsa horsiise-bulaan duraanuu qabuuf waan sayansiirraa argataniin wal-bira qabanii barsiisuudha jedhu.

Namoonni hedduun ijaaramuu Yunivarsiitii kanaaf waan gammachuu qaban karaa hedduun ibsachaa jiran. Yunivarsiitii Dillaatti Barsiisaa kan ta’eefi Barreessaa Jaatanii Bonayyaa dhaabbanni kun akka addatti ummata horsiise-bultoota kibba Oromiyaa jiraatuuf carraa akka malee guddoodha jedha.

“Abjuufi hiibboo bara dheeraatu hiikkoo argate. Anaaf dhalachuun Yunibarsitii Booranaa furmaata guddaadha.”

Barsiisaa Jaattaniin, Aadaa, Seenaafi Affoolli ummata Oromoo kan silaa maanguddoota irraa qoratame dhalootaaf kaa'amuu qabu, sababa orrisa (fageenna) dhaabbilee barannoota ol aanoof kanaan dura ta'uu hin dandeenye.

“Gama kanaan adiyyoon galmee seenaa, duudhaafi aadaa Oromoo gama tokkoon ya abbaa argatte jedheen yaada.

Sababni isaa Yunivarsitiin Booranaa yayyaba aadaa qulqulittii durii dullukkoo (Indigenous Knowledge Centre) ardaa taye keessaatti ijaaramte kan jedhu Jaataniin, "Ummata Kuush guddaa Gaafa Afrikaa keessa jiruuf qorii gololaa ta mataa walitti qabdu, qorii bunaa ta aadaa jabeessitu, aara bunaa ka urgaan waaqa seentuu tahuun tokkummaa ummata Afrikaatiif mikikkila yayyabii isaa jabaa ni taati!" jedha.

Yunivarsiitiin hojiiwwan gurguddoo sadii qaba: dhaloota barsiisuu, qorannoo taasisuu, ummata tajaajiluu. Kanaaf, ammumarraallee namoonni hedduun hojii argataniiru, gara fuula duraattis carraa barnootaafi hojii baballisuun jijjiirama gudduu akka fidu dubbatan Pirezedaantiin Yunivarsiitii Booranaa.

Ammaaf ijaarsi marsa tokkoffaa yaa dhumatuyyu malee, waan hin xumuraminiti jira jedhu Bokkuun (PhD).

Ijaarsii sadarka tokkooffa qaraa birrii miliyoona 382n yoo xumuramu, kan sadarka lammaffaa dhiheenna kana eegale ammoo baaja birrii miliyoona 383 ta’uu himan.

Dhaamsa barattootaaf

Bokkuun (PhD) namni hin baratiin, sabni hin baratin, gosti hin baratiin isa dunuunfate deemuun tokko jechuun, barri bara qaroo, bara beekumsaa waan ta'eef dhaloonni naannawaa bara dhufuutti qopha’uu qabu jedhan.

Akka inni himutti, kanaan dura wanti barattoota horsiise-bulaa rakkisaa ture qormaata fudhatanii qabxii Yunivarsiitii seensiftu dhabuu, bakki deemanii baratan fagoo waan ta’eef, yookaan humna akkasii qabachuu dhabuun barnoota irra hafan.

Amma namoonni akkasilleen, kan barachuu fedhuu koottaa baradhaa jechuun wamicha gochuun, “Barnooti Sambataa (dhum-torbee) kun namoota akkasiif caarraa dansaadha waan ta'eef koottaa baradhaa,“ jedhan.

Guyyaa ammoo bartoota qabxii gaarii galmeesisan qofaatuu argachuu danda’a jedhan Bokkuun.

Barsiistonni Yunivarsiitii kana gargaaruu barbaadan, kan barnoota akka akka kennuu fedhan, akka Yunivarsiiticha keessatti barreessan gaafataniiru.