Dargaggoo ijoollee Ambootti maatii dhabanii daandiitti bahan viillaa ijaaree itti galche -Taammiruu Bultoo

Dargaggoo Taammiruu Bultoo Didhaa jedhama. Daldalaa magaala Adaamaa jiraatudha.
Bara darbe ijoolleen durbaa sadii magaalaa Ambootti haadha, abbaafi obboleessa isaanii du’aan dhabani rakkachuun karaa gubbatti bahaniif mana jireenya ijaaruun gumaachuufi BBC'tti hime.
Manicha ijaaranii xumuruun baasiin miiliyoona 2.3 bahu kan himu dargaggoon kuni kana keessaa baasii ijaarsa keessaa ‘’birrii miliyoona1.7 baase ijaarsisuu’’ BBC'tti hime.
Hiriyoonni isaa shan immoo birrii kuma 200 oliin meeshaalee mana keessaa guutaniifi jiru dubbate.
Taammiruun mana qulqullina qabu ji’oota 10 keessaatti ijaarsisee xumuruun torban muraasa dura ijoolleen warraafi mana kiraallee waan kaffalan dhaban mana haaraa ijaarametti galcheera jedhe.
Miidiyaan hawaasummaa akkamitti gargaarsaa walitti qabuu oole?
Dhimmi ijoollee warra isaanii dhabanii gadda keessa seenanii ijoo dubbii miidiyaa hawaasummaa ta’ee namoonni biyya keessaaf alarra akka birmataniif dammaqseera.
Jalqaba miidiyaa hawaasummaarraa erga argee booda aartist Hacaaluu Hundeessaa wajjiin dhaqee ilaalu dubbata.
‘’Seeenaasaanii hin beekuu ture, miidiyaa hawaasummaarratti magaalaa Amboo akka jiraatan arge,’’ jedhe.
Achumaan mana ijaaruufii akka danda’u waadaa seenee ture.
Ijaarsa mana kanarratti bulchiinsi magaalaa iddoo itti ijaaramu, koreen deeggarsa isaaniif hundaa’e ijaarsa manichaa hanga goolabamutti tumsaa qabaachu kaase Taammiruun.
Maaltu tola ooluuf Taammiruuf ka’umsa ta’e?
Taammiruun ‘’nama akkan gargaaruuf maatiin kootu ka’umsa naaf ta’e’’ jedhe.
‘’Maatii keessatti angafoota koorraa kanan baradhe, Sirni Gadaas kana dhaloota barsiisaa’’ jechuun hime.
Kana qofa miti, bakkeewwan garaa garaatti yeroo mormii ummataa namoonni maatii of biraa dhaban gargaarsa kan dhaban ni jiru jechuun hime.
Taammiruun, sirna irreechaa Bishooftuurratti bara 2016 obboleessaa isaa hangafa du’aan dhabuu BBC'tti himeera.
Ijoolleen durbaa sadan akkamitti warrasaanii dhaban?
Ijoolleen kunneen jalqaba abbaa isaanii sababa dhukkubaan du'aan dhaban. Booda rakkoo nageenyaa magaalaa Amboo keesstti mudatee ture irratti obboleessi isaanii ajjeefame.
Haati isaanii jalqaba abbaa warraa waliin rakkachaa turte miidhaan itti baay'ate.
Yeroo ilmi isaanii kun ajjeefamu ammoo inumaa gadda guddaa keessa galan. Maatii jiraachisuunis ulfaataa dhufe. Xumura irratti haati ijoollee kanaas du'aan boqatan.
Osoo hin turiin ammoo ijoolleen durbaa sadan kun waan ittiin jiraatan dhabuun jireenya daandiitti bahan.
Erga seenaan isaanii kun miidiyaa hawwaasaatti bahee namootni baay'een deeggarsa gochaafii turan.

Manni ijaarameef kan akkamiiti?
Taammiruun akka jedhutti manni magaalaa Amboo ganda 01 Yuunvarsiitii Amboo fuulduratti lafa kaare meetira 200 irratti ijaarame.
Manni ijaarame kun kutaa kireeffamuu danda’uu lama, taankarii bishaan itti kuusan, kushinaa, kutaa ciisichaa dabalatee waliigalatti kutaalee sagala qaba.
‘’Hojii dhuunfaa koo amma dhaabutti gaheen qulqullinafi saffisaanin ijaare’’ jedhe Taammiruun.
Maallaqni walitti qabameef maalirra oole?
Mana ijaarameefin alatti biyya keessaafi alarraa maallaqa birrii miliyoona tokkoofi kumni dhibba tokko walitti qabamee amma akka jiruufi fuulduratti qooda aksiyoona baankii bituuf koree deeggarsa qindeesse waliin mariyachuu hime.
Ijoolleen ganna 7, 11 fi 15 ta’an kunneen haala rakkisaa keessa akka turaniifi fira, ollaafi maatisaanii dhaban ‘’akkan bakka bu’efitti’’ ibsu jechuun BBC'tti hime.
Taammiraat hojii tola ooltummaa eegale kana caalatti bali’suu akka barbaadulle himeera.
















