Ameerikaatti kutaan biyyaa Joorjiyaa, seera lammiileen shakkamaa to’annoo jala akka oolchaniif eeyyamu haqxe

Maxxanfame

Ameerikaatti Bulchiinsi Joorjiyaa seera bara Waraanaa waliniitti Ameerikaatti ba’e kan lammileen nagaa nama yakka raawwachuun shakkan akka to’annoo jala oolchaniif eeyyamu ‘citizen’s arrest’ jedhamu haqeera.

Murtee kanarra kan ga’ame Guraandhala 2020 irratti dargaggoon gurraacha ganna 25 Ahmad Arberii utuu fiigaa jiruu, namni adiin tokko hattuudha jedhee shakkuun erga rasaasaan rukutee isa ajjeesee booda.

Gireeg MaakMaayikilii fi ilma isaa Tiraavis MaakMaayikiliin dargaggoo gurraacha Arberii ari’uun rasaasaan rukutanii ajjeesan.

Viidiyoon taatee kanaa qalbii biyyattii hawwachuun mormii guddaa kaasee ture.

Ollaan isaanii, Wiiliyaam Biraayaan isaanii waliin ari’aa taatee kana viidiyoon waraabe.

Abbaan alangaa jalqaba dhimma kana irratti ramadame seera ‘citizen’s arrest’ kana fayyadamuun taatee kana deeggaruuf yaaleera.

Dhimma kana irratti dheekkamsi uummataa, seeraa tumtoonni seera bara 1863 tti lammileen Joorjiyaa nama yakka raawwateera jedhanii shakkan akka to’annoo jala olchaniif eeyyamu irra deebiin akka ilaalaan taasiseera.

Roggeeyyiin akka jedhanitti seerri kun kan qophaa’ee garboota miliqan qabuu fi ajjechaa lammilee gurraacha Ameerikaa seera qabeessa tasiisuuf ture.

Bulchiinsoti US 50’n hundi seera ‘citezen’s arreest’ kana akeeku qabu ture.

Wiixata garuu bulchaan Jorjiyaa Biraayaan Kemp, ajaja seeraa ‘citezen’s arrest’ haqu mallatteessuun biyyattii keessatti Joorjiyaa bulchiinsa isa jalqabaa taasiseera.

“Har’a seera bara Waraana Walinii ba’e, kan lammiilee dararu haquun, qooqa namni tokko miidhaa ofii fi qabeenya isaa irraa miidhaa ittisuuf mirga qabaachuu isaan bakka buusuun, bulchiinsa keenya daandii eegeree foyya’aatti tarkaanfachiisna,” jedhan Kemp.

Bulchaa Kemp waliin haasaa kan taasisan harmeen Arberii, Waandaa Kuuppar-Joonsi, ajaji haaraa kun lubbuu oolcha jedheen abdadha jedhaniru.

“Ajaja kana mallatteesuun namootni murtee tokko ofiin murteessuun dura akka yaadan ni taasisa jedheen yaada,” jedhan.

''Kan nama gaddisiisu ilmakoo haala kanaan dhabeera, garuu ajaji kun hojiirra ooluun isaa dargaggooti daandiirra utuu fiiganii isaan olchuu danda’a jedheen yaada.”

Gireegorii MakMaayikeelii, ganna 65, ilmi isaa Tiraavis fi oollaan isaani Wiiliyaam Biraayan kan taatee kana viidiyoon waraabe, ajjechaa dabalatee himata irratti dhiyaateef Joorjiyaatti dhaddachatti dhiyaachuuf eegaa jiru.

Sadan isaanii yakka kana hin raawwanne jechuun haalu.

Onkololeessa bara kanaatti dhaddachatti dhiyaatu. Namootni kun dabalataanis yakkaa jibbinsaa fi yaalii ugguraanis himatamaniiru.