Biyya kaalsii halluu diimaa fi adii uffachuun itti nama adabsiisu

Kaalsiiwwan haalluu garee mormitu qaban

Madda suuraa, TUT.by

Ibsa waa'ee suuraa, Belaarusitti wantoonni uffata ispoortii idilee fakkaatan akka ibsa siyaasaatti ilaalamu
Maxxanfame

Qondaaltonni Beelaaruus namoota alaabaa paartii motmituu diimaafi adii mirmirsan qofa osoo hin taane namoota kaalsii ispoortii halluu sana qabu uffatanis adabaa jiru.

Dubartiin magaalaa guddoo biyyattii Miiniskitti barnoota konkolaachisummaaf otoo adeemaa jirtu namoota afuriin qabamtee uffannaan ishee sirrii akka hin taane itti himamee ture.

Sababiinsaa immoo kaalsii halluu diimaafi adii qabu kan alaabaa uggurame fakkaatu waan uffatteefi jedhamteetti.

Dabalataan dubartiin kun konkolaachisaa darbaa jiru tokkoottis quba isheen qubee V kan mallattoo injifannootti fudhatamu, itti agarsiiste jedhamuun himatame. Mallattoon harkaa knis adabbii cimaa itti fideera.

Alaabaan adii sarara diimaa qabu jaarraa 20ffaa keessa alaabaa sabboontoota Beelaaruus ture.

Achiin paartiin Koomuniistii Sooviyeet halluu diimaafi magariisaan bakka buuse, mallattoo burruusaafi haamtuus itti dabale. Alaabaa kana Pireezidaant Aleeksaandar Lukaasheenkootu bara 1995tti jalqaba beeksise garuu yeroos mallattoo burruusaafi haamtuu hin qabu ture.

Mannii murtii dubartiin Naataaliyaa Sivtsoovaa-Seduushkinaa jedhamtu maallaqa Beelaaruus ruubiil jedhamu 2,320 ykn doolaara 906 akka adabamtu itti murteesse.

Suuqiin onlaayinii kaalsii kana irraa bittes amma gurguruu dhaabeera-haa tahu malee kaalsii wal-fakkaataa halluu gurraachaafi adii qabu gurguraa jira.

Dubartiin kuni kana duras fuulduree manashee faaya halluu diimaafi adii dhaan waan bareechisteef adabmteetti.

Bara darbe Minskitti mormitoonni kumaatamaan lakkaa’aman pireezidantiin biyyattii Lukaasheenkoo filannoo waliin-dhahuun lammata filaman jechuun balaaleffachuuf daandiitti bahan.

Diibaabeedhaan mormii Ebal, 6 , 2021

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Baatii darbe dubartoonni muraasni magaalaa Minski keessatti haalluu garee mormitu qabatanii mul'atan

Poolisiin yeroos gaasii imimmaanessu biifuun hiriirtoota bittinsuu fi kumaatamaan kan lakkaa’aman immoo to’annoo jala oolcheera. Poolisiidhaan tarkaanfiin fudhatame hamaa ta'uutti kan galmaa’e yoo tahu, biyyattiin Raashiyaadhaan alatti hariiroo biyyoota alaarraa qollifamtee jirti.

Boodarras mormiin farra mootummaa kan hir’isaa dhufe hogganootni mormitootaa hidhamuu yookiin biyyaa bahuurraan kan ka’e dha.

Namoonni 2700 farra Lukaasheenkoo jedhamuun biyya isaaniirraa baqataniiru,tarkaanfiinsi ittuma fufee jira.

Haaluma kanaanis:

  • Naannoo Moogiileev’ tti dubartiin Maariyaa Vooynoovaa jedhamtu mallattoon kee dhaadannoo warra ‘finxaaleyyii’ fakkaata jedhamuun doolaara 115 adabamteett.
  • Dubatiin Olgaa Kiliimkoovaa fi namichi Seerjii Sikook jedhaman fakkii mormituu karaa irratti maxxansitan jedhamuun jeequmsaa fi pireezidantii arrabsuun hidhaa waggaa sadiin adabamaniiru.
  • Miiniisk keessatti akkasuma namni waraqaa halluu hiriirtoota adii fi diimaa uffatan qabu mana kee fuulduratti maxxansiteetta jedhamee to’annoo jala oolee ture. Namichi garuu lakki kaartoonii TV LG halluu adiifi diimaa qabu ture jedheera. Kan alatti argames reefu mana haaraatti waan galeef TV sana manatti hin galchine ture jedheera.
  • Yuuliyaa Yaakoobviich haasaa siyaasaa taasisuuf tiraafikii dhaabde jedhamuun yoo badii akkasii irra deebite wagga lama akka hidhamtu itti murtaa’e. Isheen garuu konkolaataa lafa ibsaa diimaatti dhaabbate malee ana mitii jetteetti.