Filannoo Indiyaa: MM Indiyaa Naarendraa Moodii waa'ee Covid dhiisanii filannoorratti xiyyeeffachuun qeeqaman

Maxxanfame

Ministirri Muummee Indiyaa filannoo gaggeessaa jiraniin kutaa biyyaa murteessituu taate Beengaal Lixaa keessatti mo'ataman.

Ministirri Muummee kun wayita biyyattiin koronaavaayirasiidhaan dararamaa jirtutti filannoorratti xiyyeeffachuu isaaniitiif baay'ee qeeqamaniiru.

Paartiin Naarendraa Moodii BJP'n Lixa Beengaal keessatti duula na filadhaa haalaan gaggeessee turullee, garuu morkataan isaanii Mamata Banerjee akka ajaayibaatti mo'ateera.

Filannoon kun kutaalee biyyaa kanneen akka Assam, Tamil Nadu, Kerala fi Puducherry keessattis gaggeeffameera.

Paartiin Naarendraa Moodii Kaaba-baha Assam keessatti olaantummaa argatus bakkeewwan birooti garuu injifatameera.

Guyyoota kurnan darban keessa lakkoofsi namoota guyyaatti qabamanii hanga 300,000 ga'eera.

Kaleessa(Dilbata) biyyattiin lakkoofsa namoota vaayirasichaan du'anii 3,689 gabaasteetti.

Hospitaalonni biyyattii hanqina siree fi oksijiiniin dhiphataa jiru.

Lammiileen Indiyaa hedduun miidiyaa hawaasummaarratti ba'uun deggersa gaafachuu eegalaniiru.

Wayita lammiileen biyyattii haala kana keessa jiranitti filannoof dursa kennuun mootummaa, komii guddaa kaasiseera.

Indiyaa keessatti hanga ammaatti namoonni miiliyoona 19 caalan Covid-19 qabamaniiru. Kanaanis biyyattiin US'tti aanuun lakkoofsa namoota qabamaniin lammaffaa taatee jirti.

Lakkoofsi namoota biyyattii keessatti sababa vaayirasii kanaan du'anii kan gabaafame 215,000 yoo ta'u garuu inni dhugaan harka meeqa kanaa ol ta'uu danda'a jedhameera.

Ogeeyyiin akka jedhanitti bakka baay'eetti qorannoodhumallee taasisuun akka hafee fi namoonnis vaayirasichaan qabamanii mana manasaaniitti du'aa jiru, keessattuu baadiyyaa biyyattii keessatti haalli kun ni hammaata jedhan.