Ameerikaan lammileen ishee Indiyaa jiran biyyattii gadhiisanii akka bahan akeekkachiifte

Maxxanfame

Ameerikaan biyyi Indiyaa dambalii weerara koronaavaayirasiitiin muddamaa keessa seenu eeruudhaan, lammileen ishee biyyatti akka gadhiisani bahan akeekkachiifte.

Indiyaan Kamisa har’aa namoota vaaayirasichaan qabaman 379,257 haaraa galmeessuu kan beeksifte wayita ta’u, addunyaarratti lakkoofsa hunda caala olaanaa guyyaa tokkotti galmeessite.

Imbaasiin Ameerikaa biyyatti jiru’’tajaajila wal’aansa kamiyyuu argachuun garmalee daanga’ee’’ jedhe.

Dippartimentiin mootummaa Ameerikaa namoonni gara Indiyaatti akka hin imallee gorsuun kun akkeekkachisa sadarkaa olaanaa isa kan jalqabaati.

Indiyaatti lakkoofsi namoota dhibichaan du’anii 200,000 caalera, lakkoofsi namoota qabatamaatti dhibichaan du’anii kan ibsame ol ta’u akka malu ogeeyyiin ibsaniiru.

Ameerikaan maal ibsite?

Gorsa kenname kana keessatti lammileen Ameerikaa ‘gara Indiyaatti akka hin imalle ykn biyyattii battalatti gadhiisanii bahuu qabu,’’ jedhe.

‘’ Lammileen Ameerikaa biyyatti keessaa bahu fedhan xiyyaarota daldalaatiin imalu akka filannootti fudhachuun danda’u’’ jedhe.

Bakki hospitaaalonni dhukkubsattoota itti wal’aanan muraasni guutuurraan kan ka’e, lammileen Ameerikaa muraasni hospitaalaa seenu dhorkamaniiru.

Taatullee bulchiinsi Indiyaa Weest Beengaal jedhamtu yeroo weerarri dhibee hammaate kanatti filannoo gaggeessaa jirti.

Buufataalee filannoo fuulduratti hiriira dheeratu jira, kunimmoo tamsa’ina koronaavaayirasii caalatti hammeessa jedhamee sodaa uume.

Ogeeyyiin bulchiinsi Inidyaa Weest Beengaal iddoo weerarri dhibicha yeroo itti aanu hammaatu taati jedhanii yaadda’u.

Kutaa bulchiinsa kanaatti Roobii namoota 17,000 olitu vaayirasiin qabamuun mirkanaa’e.

Ministirri Muummee Indiyaa kutaa bulchiinsa Weest Beengaal keessatti hiriira deeggarsaa erga koronaavaayirasiin biyyattii seena booda baasuun qeeqamu.