Namni yeroo baayyee meme irratti beekamu 'Abbaan Kolfaa Ispeen' ganna 65'tti boqote

Viidiyoowwan kolfa Borjaa fayyadamuun hojjetaman namoota miiliyoonaan lakkaa'amaniin daawwatamu

Madda suuraa, YouTube

Ibsa waa'ee suuraa, Viidiyoowwan kolfa Borjaa fayyadamuun hojjetaman namoota miiliyoonaan lakkaa'amaniin daawwatamu
Maxxanfame

Komeediyaaniin Ispeen Juan Joya Borja kan kolfaan beekamu umriisaa waggaa 65tti boqote.

Yeroo baayyee maqaa masoo El Risitas yookiin afaan Ingiliziin 'The Giggles' jedhamuun kan beekamu namni kun, toora interneetii irratti kolfa isaatiin waan beekamuuf 'Abbaa Kolfaa Ispeen' jedhameera.

Borjaan erga bara 2014 TV irratti mul'atee as baayyee beekame.

Ergasii namoonni viidiyoowwan garaagaraa kolfasaa itti galchuun gulaaluun interneetiirratti gadi dhiisuu eegalan.

Haalli kun addunyaa walga'ee daran akka beekamu isa godheera.

Keessattuu qoosaawwan memes jedhamuun beekaman keessatti namoonni baayyee fayyadamaa turan.

Namni kun Roobii kaleessaa(28,04,2021) hospitaala keessatti du'uu miidiyaaleen biyya sanaa gabaasaniiru.

Komediyaan Borjaan bara darbe dhukkubsatee yaalaaf hospitaala seenee ture.

Rakkoo fayyaa isa mudateen erga miilli isaa citee booda jaal'attoonni isaa meeshaa ittiin socho'u bitaniif.

Innis Bitootessa darbe as ba'uun namoota maallaqa walitti qabamanii meeshaa kana bitaniif galateeffatee ture.

'El Risitas'

Komediyaaniin kun waggaa 20 dura erga yeroo jalqabaaf sagantaa bashannanaa Jesús Quintero jedhamu kan afaan Ispeeniiin dabarsu irratti qaophaa'urratti hirmaatee jalqabee beekamaa dhufe.

Kilippiin viidiyoo isaa inni jalqabaa kan baayyee nama kofalchiisu mudannoo inni mana nyaata itti bilcheessan(kitchen) keessatti qabu irraa kan eegaluudha.

Mudannoosaa kanas miidiyaatti himeera.

Viidiyoonsaa inni jalqabaa bara 2007 YouTube irratti maxxanfame, bara 2014 fayyadamtoonni interneetii viidiyoo kana viidiyoowwan biroo waliin walitti hidhanii gulaaluun maxxansuu eegalan.

Biyyoonni garaagaraa afaan garaagaraa dubbatan viidiyoo gabaabaa kolfa Borjaa fayyadamuun viidiyoo gaggabaabaa hojjechuu eegalan.

Viidiyoon Borjaa inni jalqabaa fi akkasumas kan namoonni hojjetan namoonni miiliyoona hedduudhaan daawwatamuu waan eegaleef innis daran beekame.