Oromoo Warjii: Kitaabni qorannoo seenaa fi eenyummaa gosa Oromoo Warji akka barraa'uuf ka'umsi maal ture?

Maxxanfame

Giddugalli aadaa Oromoo kitaabilee shan tibbana eebbisiise keessaa tokko seenaa Gosa Oromoo Warjii (Warra Ji'aa)ti.

Gosa Oromoo kanaa qorachuun kitaabicha kan barreessan qorataan aadaa fi seenaa Obbo Alamaayyo Hayilee kitaabni kun akka barraa'uf ka'umsa kan ta'e gaaffii gosti Oromoo kun gaafatan ta'uu himan.

"Yeroo qabsoon Oromiyaa keessatti finiinaa ture sana ijoolleen Warjiis keessatti hirmaannaan isin maaltu isin galchee yaanni jedhu akka dhihaateef himan barattoonni.

Sababa kanaan maatiin isaanii gara biiroo keenyaa dhufanii eenyummaan keenya nuuf haa qoratamu jedhani gaaffii dhiheessani jedhan.

Ofii isaaniitii naannoo gosti Oromoo Warjii qubatanii jiranitti dhalatanii guddachuu kan himan Obbo Alamaayyoon, beekumsa qaban kanarratti waggoota lamaaf qorannoo godhanii kitaaba kana barreesuu himu.

"Aaanaa sabbata Hawaas naannoo Daalattii fi Sabbataa, Galaan, sandaafaa bakkee, Shanoodhaa hanga Dabra Birhaanitti deemnee seenaa Gosa Oromoo kanaa qoranneeti cuunfaa isaa kitaabaan kan baasne" jedhan.

Kitaabni seenaa Oromoota Warjii Jaarraa 9ffaadhaa hanga ammaa jedhu kun seenaa uummata warjii kana booda qoratamuuf bu'uura guddaa, seenaa isaanii kitaabaan qindaa'e kan jalqabaatis jedhan Obbo Alamaayyoon.

Ji'ootaan dura BBC' seenaa fi eenyummaa Gosa Oromoo warjii (warra Ji'aa) kana hayyootaa fi maanguddoota Warjii dubbisuun kan qindeessine kunooti.

Oromoo Warjii Eenyuu?

Warjiin Gosa Oromoo Tuulamaa yoo tahan moggaasni maqaa isaaniis 'Warra Ji'aa' kan jedhurraa akka dhufetu himama.

Miseensa Oromoota Warjii kan tahan Obbo Nurhuseen Hasan moggaasa maqaa Warjii jedhu kana Oromootuma kaantu nuuf moggaase jedhu.

"Moggaasa Warjii jedhu kana Oromootu nuuf moggaase. Maqaa dabalataa nuuf kennan jechuudha. Warjii jechuunimmoo warra ji'aa, kan ji'a lakkaa'ee bulu jechuudha.

''Amantaa Islaamaa waan hordofnuuf jecha ji'a (Addeessa) waliin hidhata qabna. Kanaaf jecha 'warra ji'aa' nuun jedhu," jedhan.

Gosti Oromoo Warjiin kuni jaarraa 9ffaa dhaa hanga xumura jarraa 12ffaattis naannoo Shawaatti mootummaa Islaamaa ijaaree ofbulchaa turuutu himama.

Warri Warjii qubsuma daangeffame addatti qabaachuu baatanis Tuulama keessa baay'inaan jiraatu. Naannoo Oromiyaatiin ala naannolee akka Somaalee fi Affaar keessas akka jiraatan himu Obbo Nuurhuseen.

"Ummanni kuni warra jalqaba amantii Islaamaa biyya kanatti babal'isanidha. Warra baha giddugaleessaa wajjinis hariiroo cimaa qabaachaa turan. Hojii qonnaa fi daldalaanis baayyee beekamoo turan," jedhan.