Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan damee barnootaa irratti teekinoloojii 'Blockchain' fayyadamuuf waliigalte
Dhaabbanni Qorannoofi Misooma 'Blockchain adunyaa [IOHK] Itoophiyaatti waraqaa eenyummaa barattootaafi barsiisotaa akka biyyaalessaatti karaa dijitaalaa teekinoloojii 'blockchain' jedhamu fayyadamuun qopheessuuf waliigaluu ibse.
Teekinoloojiin kun barattootni karaa dijitaalaa taheen fageenya irra taa'anii qabxii isaanii, sadarkaa barnootaa irra jiran akka hordofan kan taasisu yoo tahu, akka biyyaalessaatti carraa barnootaa fi hojii bal'aa uumuuf gargaara.
Waraqaan eenyummaa karaa 'blockchain' PRISM ID jedhamu mootummaan maneen barnootaa 3,500 keessatti, barattoota miliyoona shan tahanii fi barsiisota 750,000 tahan raga guutuu bakka jiraatan waliin galmeessuun haala barnootaa akkamii irra akka jiran baruuf gargaara.
Haala kanaanis yoo qabxiin barnota isaanii gadi bu'e ragaa isaanii ilaalee meeshaalee barnootaa barbaachisan karaa dijitaalaa taheen isaaniif dhiyeessuuf gargaara.
Kaayyoon isaa barattootni hundi ragaan isaanii karaa 'blockchain' akka galmaa'uun akka adda bahuufi, caraa barnoota yuunvarsiitiifi hojiif burjaajjii uumamu xiqqeessuuf gargaara.
Kana malees dhaabbanni hojjetaa qacarachuu barbaadu qabxii nama hojiif iyyatee qama sadaffaa osoo isa hin barbaachisiin karaa dijitaalaa taheen ofumaaf adda baasuuf gargaara.
'Blockchain' raaa nama tokkoo adda adda baasuun foddaa tokko keessatti galmeessee kaa'uuf kan gargaarudha.
Mootummaan barattootaa fi barsiisotaaf taabileetii fi tajaajila interneetii kan dhiyeessu yoo tahu, aluma takkaan barattootni qabxii isaanii guutuu, barnoootni sadarkaa ol aanaa banamuu akka ilaalan gargaara. Uummata Itoophiyaa %80 baadiyaa jiraatuufis carraa hojii kan uumu taha.
Waraqaan eenyummaa kun odeeffannoo gidduugala sirna barnootaa 'Learning Management Systems' jedhamu waliin walitti hidhama.
'Blockchain' odeeffannoo nama tokko qaama sadaffaa malee adda baasuu danda'a. Kunis odeeffannoo nama dhuunfaa kan eeguufi uummata baadiyaa jiraatu bakkuma tokkotti barnoota, tajaajila maallaqaa fi carraa hojii akka argatan gargaara.
Warqaan eenyummaa dijitaalaa tiraanisfoormeeshinii yookaan haaromsa dijitaalaa Itoophiyaa 'Digital Transformation Strategy Dijitaal Itoophiyaa 2025' keessatti adda dureedha.
Mootummaan sadarkaa waraqaan eenyummaa kun itti qophaa'u kan kaa'e yoo tahu, Id'n dijitaalaa kunis bifuma sanaan kan qophaa'u taha.
Teekinoloojiin kun biyyattii gara biyyoota galii gidduualeessaa qabaniitti akka makamtuuf kan gargaarudha.
Sekteroota akka qonnaa, oomishaalee, fi turizimii gara tajaajila dijitaalaatti galchuun guddina biyyattii ariifachiisuuf gargaara.
Itoophiyaan oomishaalee dhaabbata IOHK's Atala keessaa kannen karaa 'blockchain' walitti hidhaman yaalaa jirti.
Kunis karaa waraqaa eenyummaa kanaa oomisha qonnaa xixiqqaa kannen dhiyeessan galmeessuun ID yookaan eenyummeessa tajaajila geejibaa fi fayyaa naannoo isaanii waliin karuma dijitaalaa wal qabsiisuun hojjeta.
Dhaabbanni IOHK tikkeettii geejibaa karaa dijitaalaa yookaan 'Blockchain' magaalaa Finfinneetti jalqabuuf marii eegalee jira.
Teekinoloojiin IOHK's Cardano' jedhamu qondaalonni mootummaa qabxii, amala, daree galuu barataa kan oolmaa daa'immanii, sadarkaa jalqabaa fi kaanii hordofuu danda'u.
Barsiisonnis kanuma fayyadamuun amala fi barattoota harca'an yoo jiraatan ittiin gabaasu.
Tajaajilli kun dhaabilee ol aanoo keessattis hojii irra kan oolu yoo tahu digirii barattootaa dhugaa tahuuf dhiisuu isaa ittiin adda baasuuf kan gargaarudha.
Dhaabbanni IOHK biyyoonni gudataa jiran teekinoloojii kana fayyadamuuf carraa guddaa qabu jedhee gatiin isaa gadi bu'aa fi aannisaa xiqqaa kan fayyadamu tahuu ibseera.
Kana malees dhaabbanni kun Itoophiyaatti dubartoota sooftiweerii qopheessuu danda'an hedduu leenjisuu isaa ibseera.
Dhaabbanni IOHK jedhamu hundeessaa 'blockchain' fi Ethereum' kan tahe Chaarles Hooskiinsi nama jedhamuun hundaa'e.
Blockchain fi Ethereum teekinoloojiin jedhamu uummata adunyaa biliyoona 1.7 tajaajila baankii malee jiruuf tajaajila kennuuf yaadamee jalqabe.
John O'konnor, daaariketti oppireeshinii Afrikaa, Itoophiyaatti haaromsi barnootaa karaa 'blochchain' gaggeeffamu uummata tajaajila dijitaalaa hin arganneef bu'aa guddaa qaba jedhan.
Kunis gama dinagdee, hawwaasummaa fi faayinaansiin raga adda baasuufi carraa jiru ilaaluun akka fayyadamaniif kan gargaarudha jedhe.
Ministerrii barnootaa Itoophiyaa, Geetaahun Makuriyaa, dhaabbanni Sheebaa Vaalii Itoophiyaa Afrikaa irratti artifishaal intelejensiidhaan kan dursaa jirudha jedhan.
Barattootni yuunvarsiitii keenya 70% tahan teekinoloji kana keessa jiru waan taheef 'blockchain' barnooota gara dijitaalaatti fiduuf itti fayyadamuuf jirra jedhan.
Dr Geetaahun teekinoloojiichi haaromsa dijitaalaa biyyaalessaaf waan murteessaa fi iftoomina fiduuf kan gargaaru jedhan.
Blockchain' uummatni tajaajila dijitaalaan ala ture barnoota fi carraa hojii akak argatuuf ni gargaara jedheen amana jedhan.