Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baayidan ajjeechaan Armeeniyaanotaa duguggaa sanyii ta'uu ifatti dubbatan
Joo Baayidan ajjeechaan bara 1915tti lammiilee Armeeniyaa irratti raawwatamee duguggaa sanyiiti jechuun ifatti kan dubbatan pirezidaantii Ameerikaa kan jalqabaati.
Ajjeechaan kunis bara aangoo mootii Otomaan tibba qaroomni Tarkii dadhabaa adeemaa tureetti kan raawwatameedha.
Haa ta'u malee Tarkii ajjeechaan raawwatamu amantulleen, jacha ''duguuggaa sanyii'' jedhu hin fudhattu.
Ministirri Haajaa Alaa Mevlut Kaavusonluu guyyaa Sanbataa Tarkiin murtee Ameerikaa ''gutummaa gutuutti'' akka hin fudhanne dubbatan.
''Seenaa keenya kami irraayyuu barnoota hin fudhannu'' jechuun tiwitara irratti barreessan.
Boodarras Ministirri Haajaa Alaa Tarkii ''yaada cimaa'' Ankaaraa kanarratti Ambaasadarri US walgahii atattamaatiif waamu himan.
Buchiinsi Ameerikaa duraanii Tarkii michuu Nato taateefi walitti dhufeenyi biyyoota lamaan akka hin banneef jecha ifatti jecha duguuggaa sanyii jedhu fayyadamanii hin beekan ture.
Bara 1951tti maaltu ta'ee?
Otomaan Tarkii erga humnootii Raashiyaatiin garmalee injifatameen booda, Kiristaanoota Armeeniyootaatiin biyya haaltan jechuun gammoojjii Siriyaa fi bakkeewwan garaa garaatti biyyaa hari'ate.
Sababii kanaatinis Armeeniyootni kuma dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamanii kaan ammoo beelaafi dhukkubaan du'an.
Ajeechaan kunis wayita sanatti gaazexessitoota, wara mishinariifi dippilomaatotaan bal'inaan galmaa'eera.
Baayyinni Armeeniyoota ajjeeffaman yeroo hunda irratti walii hin galamu. Warri Armeenotaa miliyoona 1.5tu ajjeefame jedhu. Tarkiin ammoo waliigalatti gara kuma 300 ta'u jetti.
Akka Waldaa Idil-Addunyaa Qorattota Duguuggaa Sanyii (IAGS)tti, kanneen ajjeefaman ''miliyoonaa oli.''
Anga'oonni Tarkii ajjeechaan raawwatamu amanan illeen garuu Kiristaanoota Armeeniyootaa balleessuun yaaliin taasifame hin turre jechuun mormu.
Tibba hokkoora Wal Waraansa Addunyaa tokkooffaatti musliimotni Tarkii hedduunis ajjeeffamaniiru jetti.
Baayidan maal jedhan?
Ibsi Mr Baayidan tibba Armeeniyaanoti guyyaa ajjeechaa jumlaa sana itti yaadataa jiraniitti baasaniin, ''Lubbuuwwan jaarraa Otomaani keessa duguggaa sanyii Armeeniyaanotaatiin ajjeeffaman ni yaadanna, akkasumas gonkumaa ajjeechaan akkasii kun akka hin raawwatamne ittisuuf waadaa galla,'' jedhan.
''Kan yaadannus akka dhiibbaan jibbaa bifa kamiituu hin mudanneef of eeggannoon akka turruuf,'' jedhan.
Baayidan dabalunis kaayyoonsaa ''balaalleeffannaaf osoo hin taane, kan raawwatame gonkumaa akka irra hin deebi'amne mirkanneessuuf,'' jedhan.
Kanaan duras sochii bakka butoota Mana maree UStiin bara 2019tti ajjeechaa jumlaa ajja duguuggaa sanyiitti ilaaluuf dhiyeete simatanii jiru.
Qondaaltoonni Baayidan gaazexessitootaatti akka himaniitti, jechucha karaa idileetiin itti fayyadamuf murteessuun bulchiinsi isaa mirgoota namoommaatii xiyyeeffannaa kennuu agarsiisa jedhan.
Bara 1981tti pirezidaantiin Ameerikaa yeroo sanaa Ronaald Reegan labsii Holookoosti keessaatti ''Duguuggaa Sannii Armeenootaa'' kaa'anilleen, isaan booda kaan isaanii jechicha fayyadamu irraa of qusataa turan.
Buchiinsii Doonaald Tiraampi kan Baayidaniin duraas ajjeechaa kana akka duguuggaa sanyiitti akka hinfudhannee himee ture. Tiraampi taatee sanaan ''ajjeechaa jumlaa sukkanneessaa jaarraa 20ffaa keessaa raawwatame,'' jedhanii ture.
Deebiin kenname hoo maal ture?
MM Armeeniyootaa Nikol Paashingaan jechii Baayidan kun kan ''yaaddannoo'' namoota ajjeeffamaniif kabaja kan kenneedha jechuun tiwitara irratti barreessan.
Dabalunis, ''US irra deebiin mirga namoomaa fi duudhaawwan addunyaa kabajuuf kutannoo cimaa qabdu agarsiifte jirti,'' jedhan.
Haata'u malee Ministeerri Haajaa Alaa tarkii aariidhaan deebii kenneen, ''ibsicha kan hinfudhanneefi cimsee kan mormu'' ta'u ilaalchisuun ibsa baase. Ibsi kunis kan ''dhiibbaa mankaraarisitoota Armeeniyotaafi gareewwan farra Tarkiitiin jalatti bbaheedha,'' jedhe.
Akkasumas sochichii ''godaanisa wal amantaa fi hiriyyummaa biyyota lamaan jidduu jiru humuu uumuu mala'' jechuunis akeekkachise.