Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiin Ruwaandaa duguggaa sanyiin himatamte US irraa biyyatti deebifamte.
Dubartiin isheefi maatiinshee duguggaa sanyii Ruwaandaa keessatti adeemsifame keessaa harka qabaachuu dhoksuun US'tti kooluugaltummaa argattee turte gatii sobdeef waggaa 10 hidhamuun booda biyyatti deebifamteetti.
Biyaatriis Muunyeenyezii bara 2013tti erga himatmteen booda lamummaan US jalaa haqameera -waggaa lamaafis qoratamaati turte.
Ameerikaa ijoollee ishee dubaraa sadii waliin kan jiraachuu jalqabde bara 1998tti yoo tahu Ruwaandaatti arii'atamaan ture jechuun sababii dhiyeeffachaa turte.
Ruwaandaatti bara 1994 namoonni 800,000 tahan keesumaa saba Tuutsii fi gariin immoo Huuttuu, fiinxaaleyyii Huuttuudhaan guyyaa 100 keessatti ajjeefamaniiru. Ergasii namoonni baayyees biyyaa bahan.
Ragaa baatonni Biyaatriis yeroo duguuggaa sanyii sanaa daandii iddoo warri Tuutsii adda baafamanitti waraqaa eenyummaa sakatta'aa turtee jedhan.
Yeroo kooluugaltummaaf iyyattu paartii siyaasaa kamiyyuu waliin hidhata akka hin qabne himtus abbaan warraashee garuu hogganaa milishaa Interaahaamwee jedhamuu ture.
Dubartiin ganna 51 kuni biyyashee akka geesseen qabamtee shoora ishee yakka kana keessaa qabduuf ni himamtamti jedhameetu eegama.
Abbaan warraashee Arseenii Shaaloom Taahoobaalii fi amaatiinshee Paawuliin Inyiraamaasuuhuukoo, yeroos ministira kan turan, lamaans isaaniyyuu bara 2011tti balleessaa dha jedhamuun hidhaan waggaa dheeraan adabamaniiru.