Ambaasaaddarri Miyaanmaar imbasii keessaa ari'ame konkolaataa keessa rafuuf dirqame

Maxxanfame

UKtti Ambaasaaddara Miyaanmaar kan ta’e Kyaw Zwar Minn biyyattii bakka hin buutuu jechuun halkan Roobii Imbasii Landan jirurra ari’amuun konkolaataa keessa rafuuf dirqame.

Itti-gaafatamaan dhimma ala UK Doominik Raab gocha abbaa humnaa kana balaaleffachuu ibse.

Miyaanmaaritti Guraandhala 1, 2021 waraanni biyyaa mootummaa fonqolche aangoo qabate. Kan hordofee, hiriirtotni hanga dimookrasiin mirkanaa'utti qabsoo keenya itti fufna jedhanii hiriira baha jiran.

Ambaasaaddarri biyyattii UK jiru kun hooggantuu biyya akan turte Sang Suun Chiin akka gadhiifamtuu gaafachaa ture.

Hiriira namoonni dimookrasii deggaran gaggeessan kan keessatti namoonni 500 ol ijjoollee hedduu dabalate humna nageennatiin ajjjeefamuu himan.

Gaafiin isaanii hooggantuun biyyattii Aang Saan Suu Chii kan aangoorraa kaafamanii to'annoo waraana biyyattii jala jirtu gadhiifamtee gara aangootti akka deebitudha.

Ambaasaaddar Kyaw Zwar Minn wanti raawwate fakkeenya fonqolchaa Landan walakkaatti isa mudate akka ta'e ibsuusaa Roohitars gabaase. ”Alatti na hidhan…fonqolchaan akkanaa waan taʼu miti,” jedha.

Ambaasaaddarricha isaa imbasin ala karaarratti humna poolisii magaalaatin dubbachuutti jiru suuraa kaasan.

Poolisoonni akka hojjatoonni imbasichaa manaatti hin deebine dhorkuuf waamame jedhan. Hiriirtonni oduu tana dhageennan imbasii duraatti walitti qabamuu eegalan.

Dippiloomaatota oddeeffannoo dhimmichaa qabdu waabbeffachuun Roohitars akka gabaasetti, itti-aanaan ambaasaaddaraa Chiit Wiin dhimma biyyati bakka bu’uun hunda guutummaatti to’ata jedhe gabaase.

Bitootessa keessa Kyaw Zwar, gadhiifamuu Saan Suu Chiin gaafatee Miyaanmaar adda baatee jirti, waraanni waliinii jalqabuu danda’a jechuun yaaddoo qabu BBCtti hime.

Waamichi ani dhiheesse biyyatii dabarsee kennuudhaan osoo hin taane, gidduu dhaabbachuudha jedha. Jecha kanaan booda mootummaan Miyaanmaar ibsa baasee biyyatti akka galuu gaafate.

Saʼaatii murteessa ta’e

Ambaasaaddarichi, imbaasii keessa ari’amee dura konkolaata isaa keessa mammaratee rafe. Karaa gama kaanii, hojjatoonni Isaac aktivistoonni konkolaataa daalacha tokko keessa ta’aanii haala kana hordofan.

Aanga’aan ari’iame tokko mootummaan UK isaan deegaruun humna waraanaan biyyaa bulchuu kana kaasee imbaasichaatti nu deebisa jedha.

Garuu poolisoonni balbal imbasichaa eeguuf dura dhaabbatan kun waan biroo argisiisa. Dippiloomaatiin UK fi namoonni siyaasaa gama kami filachuurratti deebii jabduutti eeggata.

Yoo jijjiramni kun yeroo dheeraadhaaf ta’e, suuraan gaddisiisaafi dungoon yaadannoo namoota du’eef imbaasicha dura jiru kaafamuuf deema.

Torbee darbe, hooggantuu biyyattii kan turte Aang Saan Suu Chii, seera iccitii bara kolonii cabsuun himatamte. Yakka akkanaaf hidhaa hanga waggaa 14 itti murteessuu danda’an.