Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fonqolcha Miyaanmaar: Feesbuukiin toora oduu(peejii) humna waraanaa Miyaanmaar haqe
Feesbuukiin erga namoonni lama mormii fonqolcha mootummaa irratti ajjeefamanii booda toora oduu humna waraanaa Miyaanmaar haqeera.
Peejiin humna waraanaa 'Tatmadaw True News Information Team' jedhamu seera hookkara kakaasuu dhorku kan Feesbuukiin kaawwate cabseera jechuun akka haqe hime jaarmiyaan hawaasummaa kun.
Peejiin kun Miyaanmaar keessatti madda oduu fi odeeffannoo isa guddichaa fi kan jalqabaati.
Erga humni waraanaa biyyattii humnaan mootummaa fonqolchee aangoo qabatee, pirezidaantii fi qondaaltota kaan hidhee as mormiin uummataa adda hin citne.
Hiriirtonni isa humni waraanaa filannoon dafee akka gaggeeffamu haala mijeessina jedhan didanii, hooggantuun karaa filannoo dimokiraasii aangoo qabatte Aang Saan Suu Chii fi miseensota paartii Liigii Dimokirasii Biyyaalessaa(NLD) akka gadi dhiifaman gaafachuutti cichan.
Humni waraanaa filannoon bara darbe gaggeeffame bu'aansaa waliin dhahamee hatameera jechuun komachaa yoona ga'ee fonqolcha mootummaa gaggeessuu hima.
Peejiin oduu feesbuukiin cufe kun waraana biyyattiitiin kan hoogganamu ta'ee, hiriirtota akeekkachiisuufi filannoon darbe sirrii ta'uu dhabuu ittiin lallabuuf kan oolu ture, akka feesbuukiin jedhutti.
Hoogganaa waraanaa Min Aung Hlaing dabalatee qondaaltonni waraanaa gameeyyiin Miyaanmaar durumaanuu yakka muslimoota Rohiinjaa irratti raawwatameen walqabatee feesbuukiirraa ugguramanii jiru.
Uummata Miyaanmaar miiliyoona 54 keessaa miiliyoona 22 kan ta'an feesbuukii fayyadamu.