Koronaavaayiras: Dubartoonni umurii giddugaleessarra jiran COVIDf caalaa saaxilamoodhaa?

Maxxanfame

Namoota COVID-19n dhukkubsatanii wallaanaman keessaa irra caalaa dubartoonni umuurii giddugaleessarratti argaman akka itti cimeefi mallatooleen dhukkubbii yeroo baayyee ture akka itti dhagahamu qorannoon tokko ifa taasise.

Erga hospitaalatti wallaansa argatanii bahanii baatii shan guutanilleen, dhukkubsattoonni qorannoon kun irratti xiyyeeffate harki 70 ammalleen rakkoolee akka argansuuf rakkachuu, dadhabbii, dukkuubbii maashaafi "sammuun duwwaa ta'uu," miidhamaa jiru jedhe.

Garuu ammoo hangi namoonni duraan dhukkubsatan waliin hidhata hin qabu jedhu qorattoonni kunneen.

Irra caalaa attamiin qaamni dubartoota kanneen akka ittiin dhibee of irraa ittisutu dandamannaa isaanii dadhabaa ta'uu mul'isa.

Qorannoo bal'aan UK Yunvarsitii Leesestar keessatti gaggeeffameefi fuulduratti xinxalamuuf jiruun, namoota 1,000 bara darbe keessa covid-19 dhukkubsatanii hospitaala cisan irratti kan gaggeeffamedha.

Namoonni kunneenis erga hospitaalaa bahanii baatii shan ta'ulleen guutummaatti akka hin fayyiin qorannichi ibseera.

Weerarichi erga eegalee kaasee UK keessatti namoonni kuma 400 ol ta'an hospitaalatti cisuun wallaanamaniiru.

Akkasumas, qorannoon addattii Yunvarsitii Gilasgowiin hojjatamee maxxanfame tokko, dubartoonni umuriinsaanii waggaa 50n gadii erga hospitaalatti yaalamanii bahan baatii torbaan booda, warra dhiirota umurii wal fakkaatu keessatti argamaniifi dhibee kanaan qabaman caala harka torbaan argansuu kan rakkataniifi baayyee dadhabbiin akka rakkatan ibse.

Mallattoowwan dhukkubbii yeroo dheeraaf turu kunis kanneen %18 ta'an akka gara hojiitti hin deebiine kan taasise yoo ta'u, kan %19 ta'an hojii akka geedaran dirqisiiseera jedha qorqnnichi.

Dhukkubsattoonni kunneen tibba dhukkubsatanitti wallaansawwan garaa garaa kan argataniifi kanneen yeroo gabaabaa qofaaf hospitaala turanis rakkina kana qabaachuu hima qorannichi.

Namoonni hanga ammaatti gara fayyina duraatti hin deebi'in kunneenis baayyeen dubartoota, adii, kanneen umuruun isaanii waggaa 40 hanga 60gidduutti argamu, kanneen rakkina dhukkubbii gara biraa lama ykn isaan ol qabaniifi kan ventileetarii jala turan jedhe.

'Dandamannaa addaa'

Dr Raacheel Ivaans, Yunvarsitii Lesistariitti Asoosheet pirpfeesarriifi gorsituun argansuu hospitaalaa Leesestar kan taate, ''rakkooleen dhukkubichi baayyee irra turuu kunis kan cimina dhibee ibsu miti. Yeroo baayyees miidhamuu sombaatiin ibsama. Kun ammoo rakkoon cimaan gara biraa jiraachuu agarsiisa,'' jetti.

Gama dubartootaatiin isaan umurii gidduugalaa keessatti argamanitu caalaa rakkina fayyaa yeroo dheeraa fudhatu kanaan miidhaman. Dubartoonni umurii dargaggummaafi jaarummaa keessatti argaman caalaa dafanii dandamatu.

Oggantuun qoranichaa Dr Naaziir Loonee, kunis sababii, "kanneen umuriin jaaran dafanii waan du'an'' fi dargaggoonis, akkasuma ta'ee, dubartoonni umurii giddugalaa keessatti argaman ammoo rakkina fayyaa yeroo dheeraaf turu jedhe.

Haata'u malee, ''dubartoonni dhiiroota irra dandamannaa addaa qabu.'' Haata'u malee dhiirootatu dubartoota caalaa Covid'f hospitaala ciisa, jedhe.

Namoonni erga hospitaalaa bahanii baatii shaniif mallattoowwan dhukkubbi qaban kunneenis sadarkaa keemikaala CRP jedhamu olaanaa qaamasaanii keessatti akka argamu ibsa qoranichi. Kunis qubaa qaamaa itti dhagahamuun kan walqabatuudha jedha.

''Adeemsa isaa gutummaatti hubachuuf qorannoon gara biraa kan barbaachisu ta'ulleen, garee umurii kana umamumaan kan haala dabaluu ho'a qaamaatiin kan saaxilamaniidha,'' jedhu pirofesar Liiwuus Waayin dureen qarannoo argansuu yunivarsiticha.

Akkasumas, qorannoon kun haala rakkina sammuufi fayyaa qaamaa Covidn boodaa namootaa irratti hundaa'uun gareewwan adda addaa afur adda baaseera.

Haaluma kanaanis namoonni 'burjaaja'uun sammuu' itti dhagahamu kanneen dullommaniifi dhiira jedhe.

Miidhama qaamaa dubartootaa

Qorannoo Yunvarsitii Gilaasgow gaggeesseen, gaheessoota 327 kan hospitaaloota UK 31 keessatti Covidf wallaanamanii bahan keessaa dubartoonni waggaa 50 gadii harka shaniin erga hospitaalaa bahan baatii torbaan booda dhukkubicha irraa gutummaatti bayyanatan jedhe.

Dubartoonni garee umurii kanaa warra dhiiraa umurii wal fakkaatu fi dhukkubsatan caalaa miidhaa qaamaa haaraa mudate.

Miidhamni haaraan kunis kan qalbeeffannaa, sochii, agartuufi dhaggeettiin wal qabataniidha.

Dureen qorannichaa Dr Jaaneet Iskoot, "qorannoon keenya namoonni Covid irraa fayyan dhukkubbiiwwan yeroo dheeraaf turu kan akka miidhama qaamaa haaraa, argansuun rakkachuu dabaluufi sadarkaan jireenyaa hir'achuu ni mudata,'' jedhan.

''Bu'aawwan kunneenis dargaggootaafi gaheessoota fayya buleeyyii umuriin waggaa 50 gadii kan mudatu yoo ta'u, maatiiwwan dubartoota dardara ta'an biratti baayyee baramaadha,'' jedhan.

Haalli kunis murteewwan imaammata weerarichaafi tarsiimoo talaaliitiif baayyee murteessaadha jette.