Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Turkii: Erga bulchaan baankii jiddugaleessaa ari'amee maallaqni biyyattii %14'n kufe
Pirezidaantiin Turkii Rasiip Xaayib Erdoogaan bulchaa olaanaa baankii jiddugaleessaa biyyattii sanbattan irra ari'achuu isaatiin walqabatee, mallaqni biyyattii %14 gadi bu'e.
Bulchaan baankiichaa duraanii Naasii Agibaal, nama wayita Liiraan baayyee kufee tureetti kan ol kaasuu danda'an jedhuun leellifamu ture.
Haata'u malee pirezidaantii Erdoogaan osoo hinyaadamiin Sanbata darbe nama kana kaasuun kan biraatiin bakka buusan.
Tarkiin bulchaa baankii jidduugalaa ishee wayita aariitu kan waggoota lama keessatti yeroo sadaffaadha.
Baatii Sadaasaa darbe keessa mudaamanii kan ture bulchaan kun qalaa'iinsa gatii %15 ol ta'aa dhufe qabbanneessuuf jecha hammantaa dhala baankii ol kaasanii ture.
Bulchaan kun arii'atamuun ammoo invastimanii biyya keessaafi biyya alaa naasiseera.
Agibaal garuu tarkaanfiiwwan yeroo dhiyoo keessatti fudhataniin baayyee biratti dinqisiifannaa argatanii ture.
Maallaqni Tarkii Liiraan tibba tokkootti bara 2021tti maallaqa guddataa jiruu jedhamuun waamamee ture.
Torban darbe keessa bulchaan kun dhala baankii akka parsantaa lamaan dabalu taasisuu isaaniin wal qabate Liiraan baayyee ol ka'ee ture.
Abbootiin qabeenyaa biyyattii keessatti invasti gochaa jiranis biyyattiin imaammata maallaqaa cimaa akka labsituuf waamicha taasisaa turan.
Amma ammoo sababii pirezidaantiin biyyatti bulchaa baanki jidduugalaa nama biraatiin bakka buusuuf yaadaniin wal qabate, gatii Liiraa akkuma kufeetti turu danda'a sodaa jedhu uumeera.
Dureen baankii jidduugalaa haaraan barsiisaa baankiingiiti jedhameera. Kana malees seera tumaa duraanii paartii biyya bulchuu turan jedhama.
Faallaa nama amma aangoorraa buufamaniitti, qaala'iinsa gatii hir'isuuf dhala dabaluun ni fayyada jedhanii hinyaadan.
Hammantaan dhala Tarkii %19 gaheera. Kunis invastaroonni biyya alaa akka maallaqa isaanii biyyattii keessatti kufataniif gargaareera.